Categories: Oduu Oromiyaa

Obbo Fiqaaduu Tasammaa: Mootummaan Badii Ofii Amanus Hidhamtoonni Marti Ni Hiikamu Jechuu Miti

Itti gaafatamaan dhimmootii Komunikeeshinii mootmmaa naannoo Oromoyaa Obbo Faqaadu Tasammaa Raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsantti Mootummaan Federaalaas ta’e kan Oromiyaa Mormiin gaggeeffame bulchiinsa gaarii dhaba irraa madde jedhee amanuus deemsa ture kessaatti kanneen yakka adda addaa rawwataniin to’annaa jala jiran walaba ba’u jechuu miti jedhan.

Kanneen to’annaa jala turanii fi amma iyyu jiran dhimmi isaanii sadarkaa sadiitti qodamee akka iaaalame ibsanii akkuma to’annaa jala oolantti battaluma kan gadhiifaman, to’annaa jala turanii barnooti eega kennameefii booda kan gadhiifaman akkasumas amma iyyu to’annaa jala kan jiranii fi kanneen yakki rawwatan ragaan irratti dhiyaatee seeraan ilaalamaa jiran jedhu.

Akka kanaaniis dhiyeenya kana namoonni hedduun barnoota eega argatanii booda Xollaay keessaa gadhifamuu kan ibsan Obbo Faqaaduun lafa to’annaaf turantti dararaan irra ga’e tokko iyyuu hin jiru jedhu.

Humootii waraanaas ta’e aangawoota mootummaa walitti bu’iinsa Oromiyaa keessatti uumameen lubbuu galaafatan ykn yakka adda addaa rawwataniin to’annaa jala oolan yoo jiru ta’e kan gaafataman Obbo Faqaaduun gara fuula duraatti kan ibsamu ta’a jedhan.

Kan dhiyaanya kana miliqee ba’e waraabbii sagalee walgahii DH.D.U.O irratti Obbo Abba Dulaa Gammadaa akka dubbataniitti mormii Oromiyaa keessatti dhalateef sababaan dhaabbatoota siyaasaa adda maqaa dhahaman miti jedhanii rakkoon numa gidduu jira jechuun akka fakkkeenyaattis barattoonni Oromoo Digrii adda addaan eebbifamanii hojii dhabuun rakkataa jiran kuma hedduu ta’uu xuquudhaan , yoo hojii argatan illee waardiyyummaa ta’u ibsanii turan.

Obbo Faqaaduun waa’ee kanaa gaafatamanii kunis kan gumaache qabaatu iyyuu bulchiinsa gaarii dhaba waliin wal qabata jedhu.

Mata dureelee adda addaa irrati deebii kennaan gaaffii fi deebii kutaa lamaan dhiyeessinu irraa caqasaa.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago