Categories: Oduu Oromiyaa

Obbo Jaawaar Mohaammad, alaabaa ABO seeraan ala itti dhimma bahuu hin qabu

Addi bilisummaa Oromoo (ABO)’n xalaayaa waxabajjii 06, 2022 dura taa’aa Kongirasii Federaalistii Oromoo, Piroofeesar Mararaa Guddinaatiif barreesseen, Itti aanaa dura taa’aan KFO obbo Jawaar Mohaammad alaabaa fi faajjii ABO irra deddeebiin dhimma itti bahaa jiru jechuun himate.

Dhaabichi ibsa xalayaa kana keessatti eereen “Obbo Jawaar Mohaammad, alaabaa ABO seeraan boordii filannootti galmaa’ee jiruu fi faajjii ABO irra deddeebiidhaan waltajjiiwwan adda addaa irratti seeraan ala dhimma itti bahaa jiru” jedhe.

Dhaabichi qondaalli KFO kuni alaabaa fi faajjii kana fayyadamuu ni dhiisu jennee eegnus isaan itti fufanii waan jiraniif xalayaa kana barreessuuf dirqameera jechuun eere.

Guyyaa xalayichi barraa’e irraa kaasuunis dura taa’aan dhaaba KFO piroofeesar Maraaraa Guddinaa, Obbo Jawaar Mohaammad alaabaa fi faajjii ABO kana fayyadamuu akka dhaaban nuuf hubachiisaa jedhe dhaabni ABO.

Dhimma xalayaa dhaaabichi KFO’f barreesse kanarratti kan dubbisne ittigaafatamaan sabqunnamtii ABO obbo Lammii Gammachuu dhaabichi gaaffii miseensotasaarraa irra deddeebiin ka’aa tureef deebii kennuuf xalaya kana barreesse jedhan.

“Alaabaan kuni kan ABO fi uummata Oromoo bal’aati. Garuu dhiibbaa fi gaaffii miseensonni Adda Bilisummaa Oromoo dhimma ittifayyadama alaabaa kanarratti gaafatan, namootni hoggansa dhaaba siyaasaa biraa ta’an maaliif alaabaa fi Faajjii ABO fayyadamu isa jedhuuf deebii kennuuf xalayaan kuni barraa’e” jedhan.

Alaabaan ABO kuni namoota hedduu biratti alaabaa dhaaba siyaasaa caalaatti akka faajjii bilisummaa Oromoottis ilaalama jedhan.

Erga xalayaan kuni barreeffamee fi miidiyaa hawaasummaa irra naanna’uu eegalee ammoo namoota hedduutti gaaffii kan kaase alaabaa kana fayyadamuu dhorkuun sirriidhaa? Kan jedhudha.

Obbo Lammiin dhimma kana yoo deebisan “Dhugaadha alaabaa kuni kan uummata Oromoo hundaati. Oromoon hundi dhimma itti bahuuf mirga qaba.

Garuu Obbo Jawaar Mohaammad hoggana dhaaba siyaasaati. Dhaabni isaanii alaabaa fi faajjii mataasaa qaba. Obbo Jawaar alaabaa kana yoo fayyadaman jaarmaya siyaasaa bakka bu’aniiti. Nutis kanaaf akka dhaaban gaafanne,” jedhan.

Xalayaan kuni kan barraa’e obbolummaa dhaabota lamaan gidduu jiru miidhuuf osoo hin taane seeraa fi ittiin bulmaatni alaabaa fi faajjii dhaabichaa akka kabajamuuf qofa kan kaayyeffate jedhan.

Dhaabni KFO dhimma xalayaa kanarratti eerame karaa sirriidhaan hubatee furmaata akkaa itti kennu abadannas jedhan Obbo Lammiin.

Xalayaa Addi Bilisummaa Oromoo barreesse kana fuudhuu kan himan Barreessaa Olaanaan KFO obbo Xurunaa Gamtaa, “dhimma kanarratti deebii kennuurraa ofqusadheera. Ammatti deebii kenninu hin qabnu,” jedhan.

Xalayichi kallattiidhaan kan barraa’ef dura taa’aan KFO Piroofeesar Mararaa Guddinaa gamasaaniitiin, “dhimma kana irrattis hin dubbanne, ganaa ilaalla. Waan guddaa hammas jedhamu miti. Irratti dubbannee yaada kennuus dhiisuus dandeenya,” jedhan. Hogganaa itti aanaan KFO Obbo Jawaar Mohaammad sagantaa ‘Galatoomaa’ jedhuun kutaalee Awurooppaa fi Ameerikaarra naanna’uun hawaasa diyaaspooraa waliin mari’achuurratti argamu.

Source BBC Afaan Oromoo

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago