Categories: Oduu Oromiyaa

ODUU Gammachiiftuu fi ariitiidhaa

Waraqaa adii qabannee yaana jechuun ummataa mootummaa naga jibbu mootummaa wayyaanetti dubbii fiddee jirti.

Hiriira guyyaa boru 26/12/05 magaala Finfinnetti mootummaan wayyaane dhaabilee amantaa dahoo godhachuun mata duree “mankararsitummaa haa balaalafannu” jedhun qophessee jiraatota magaalatti yaamun isaa ni yaadatama. Hiriira kana irratti hawaasni Muslimaa akka irratti hirmaatu amirrota keenya”sagaleenkeenya haadhagahamu”n ajajni ega dabree as bulchinsa magaalattii dabalatee kardeen motummaa wayaane hundi yaada keesssa galuu isaanii dhageenyee jirra.

Guyyaa harraa 25/12/05 bulchinsi magaalatti naannoo adda adda socho’ee yaada ummataa sassaabaa oleera. Haata’u malee yaada jiraatoota irraa dhagahamugaruu gurri isaa amanuu dadhabeera.

Jiraatonni magaalatti “yaminsa guyyaa boru carqii(waraqaa) adii qabannee aboleeyyan keenya Muslimoota cinaa dhabanna” jachuun isaani wayaanef dhibee garaa itti tahee waan qabatuu fi waan darbu walaalchise.
kanaafu kaayyoo Muslimoota fi kaayyoo jiraatota magaalatti kana baleessuf karaa na baasa ja’u malachaa jira.

Namoonni hiriira guyyaa boru irratti hirmaatan qabalee qabaleen(garee gareen) gurmeessuun walitti qindeessee ofuuf karoorfachuun isaa dhagahamee jira. Kana jachuunis namoota gurmii kana alatti gara iddoo hiriira deeman bittineesufi qabuuf waan karoorfate fakkaata. Kanaafu hundi keessan yaroo gara hiriiraa deemtanii fi gara manatti deebitan garee naannoo keessan irraa ka’u wajjiin tahuudhan akka deemtan.

Kana malees naannoo Muslimoonni baayinaan itti argaman kaadreen mana manaan deemu dhan “hiriira guyyaa boru hindhufina, haga nama barbaannu galmasinee jirra” jachuun Muslimoota hiriira irraa hambisuuf socho’aa jiraachun isaanitis beekamee jira.

Iddoo hiriirri ittin gaggeefamu(dirree masqal/abiyoot) hawaasni magaalatti akkaata itti dhufeen garee gareen qoqqoodamee akka dhaabatu godhuun namoonni haaroyni garee biraa keessatti akka hin makamne goochufiis yaadanii jiran.

Way ajaa’ibaa!!
Guyyaa muraasa dura mana hiriira kana irratti hin hirmaanne tarkaanfiin akka irratti fudhatamu sodaachisaa turan. Harra garuu yoo hirmaattan tarkaanfiin isin irratti fudhanna jachuun sodaachisutti argamu.

Yaa Allah waan hundi sii harkaa jira. Kaayyoo isaani kana jalaa baleessi. Shakkii tokko malee guyyaan boruRabbii wajjiin kan Muslimaati. In shaa Allah!

Yaadachiisa:
Hiriira kana irratti ajaja amiirootan ala sochii kamiyyu godhuun dhorkaa dha. Ajaja amiirota keenya akka hin irraan fanne.

Boru yaroo dhan ganama sa’aa 12:00 Abiyoot adababay (masqala adababay)tti haa walgarru!

Yaa Rabbii Muslimoota Finfinnee biraa dhabodhu!

Allahu Akbar !!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago