Categories: Oduu Oromiyaa

OMN:Oduu Wax.28,2016 Godina Shawaa lixaa aanaalee hedduu keessatti

loltoonni mootummaa sakkata’iinsaa fi reebicha hamaa geggeessa jiraachuu jiraattoonni dubbatan.

Akka jiraattoonni himanitti, loltoonni kun baadiyaalee hunda keessa naannayuun shammarranii fi dubartoota Oromoo gudeeduu itti fufanii jiru jedhan.

Raayyaa ittisa biyyaa, poolisoota Federaalaa fi loltota Agaaziitiin gochaaleen foffokkisaa ta’an, jiraattota godina Shawaa lixaa irratti raawwatamaa jiru haalaan jabaatee jira.

Aanaalee hedduu keessatti reebicha, sakkatta’iinsaa fi dararamiinsi jiraattota irratti geggeeffamaa jiru wayta ammaa kan hammaate yoo ta’u, namoota baayyee ammoo qabanii hidhaa jirus jedhamera.

Namoota hidhaman keessaa manguddoonni umariin waggaa 70 jiraachuullee jiraattonni dubbatan.

Jiraataan godinichaa akka nuuf himanitti, loltoonni mootummaa kun meeshaa waraanaa gurguddaa hidhachuun magaalaa fi baadiyaa hunda keessa deemuun namoota dararaa  jiru jedhan.
Loltoonni kun manniin barumsaa, buufata fayyaa fi waajjiraalee hedduu keessa kan qubsiifaman yoo ta’u, jiraattoonnis rakkoo hamaa keessa jiraachuu dubbatan.

Akka namni kun jedhanitti yeroo gara yerootti gidiraan jiraattota godina Shawaa lixaa irratti raawwatamaa jiru haalaan hammaatee jira.

Manniin jiraattotaa dabalatee magaalaa keessatti manniin siree hundi sakkata’amaa jira.
Baadiyaa hunda keessa naannayuun gara jabeeyyiin hoomaa waraanaa kun shamarranii fi dubartoota irratti gudeeddii raawwataa jiru jedhan.

Magaalaa Gincii keessaa ammoo manguddoon umriin isaanii waggaa 70 ta’an loltoota kanaan qabamanii hidhamanii jiru. Daragaggoonni hedduun ammoo reebamaa jiraachuu himan.

Hoteelonni manniin siree hundi loltoota kanaan sakkata’amaa kan jiran yoo ta’u, namoonni manniin siree bulan, waraqaan eenyummaa isaanii gaafatamuun, doorsifamaa akka jiranillee himan.
Kana raawwachuun mootummichaa ammas bifa itti fufiinsa qabuun mormiin ummataa geggeeffamuu mala shakkii jedhuun ummata dararaa jira jedhan.

Loltoonni mootummaan bobbaase kun biyya nagaa qabdu keessa naannayuun ummattoota nagaa dhoorgaa jiru kan jedhan namni kun, kanarraa ka’uun jiraattoonni hundi yaaddoo keessa seenanii jiru.

Kun kanaan osoo jiruu mormii guutummaa godina Shawaa lixaa keessatti geggeeffameen, mootummaan biyyattii bulchaa jiru, jiraattota sanyii filatamaa fi xaa’oo dhoorgatee rakkisaa jira jedhan.

Haala amma argaa jirru kanaan biyyattiin mootummaa fi seer-dhablee taatee jirti jechuun dubbatanii jiru.

Usmaan Ukkumeetiin dhihaate.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago