Categories: Oduu Oromiyaa

OPDO Qormaata Maastara Plaanii Kufe.

OPDO Qormaata Maastara Plaanii Kufe.

 

(Oromedia, Finfinnee, 14 Muddee 2015) OPDOn dhimma maastar pilaanii irratti hojii manaa itti kenname waan hin hojjanneef, qoraamata kufuun dhagayame.

Diddaa fi mormii manneen barnootaa Oromiyaa garaa gara keessatti mudateef OPDOn akka itit gaafatamu hogganooti TPLF murteessan.

Oduun Finfinnee irraa nu gahe akka hubachiisutti, walgahii EPRDF/TPLF irratti OPDON gaaraa haga dakaatti ummata amansiisuu dadhabuu isaatiif diddaan kun akk baba’atetti amansiisaa jiran.

Mariin karaa Raadiyoo Faanaa biyya keessatti darbaa jirus, diddaa fi mormii ummataa Magaaloota Oromiyaa gara garaatti mudate irratti olola guddaa deemsisaa jira.

Marii Faanaa kana irratti itti gaafatamaan wajjira koree jiddu galeessaa Dhaabbata Demokraatawaa Ummata Oromoo obbo Dhaabaa Dabalee, kantiibaan bulchinsa Magaalaa Finfinnee obbo Dirribaa kumaafi ministirri itti gaafatamaan waajjira dhimmoota koomunikeeshinii Mootummaa obbo Getaachaw Raddaa hirmaatuun dubbii OPDO qeequu fi doorsisuu kana belbelchaa jiran.

Obbo Getaachoon humnoonni dhiphoonni bu’aa Naannoo Oromiyaa keessatti galmeeffamaa tureen Dhaabbata Demookraatwa Ummata Oromootiif beekkamtii kennuu diduudhaan kaayyoosaanii milkeeefafchuuf socho’anis hin milkaa’uuf jedhaniiru.

Obbo Getaachoo Raddaa akka jedhanitti “gaaffiin seera qabeessi ummanni kaase faayidaa humnoota farra Nagaatiif akka hin oolleef hojjetamuu qaba,” jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira koree jiddu galeessaa Dh.D.U.O obbo Dhaabaa Dabalee gamasaaniitiin “humnoonni dhiphoonniifi of tuultoonni dhimma maastar pilaanii da’oo taasifachuudhaan socho’aa jiru, jechuun akka TPLF dafee dhaqqabuuf waamicha dabarfate.

Itti dabaluunis, Oromiyaan dheebuu bulchiinsa gaariitiin dararamaa akak jirtu yeroo ibsu, “Naannoo Oromiyaatti bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf qophiin gahaan taasifamaa jira,” jedhee akka aangoo irra turfamuuf gaafatate.

Dhimma maastar pilaanii qindaawaa irratti immoo, “ummata wajjin mari’achuuf qophiin taasifamaa wayita jirutti,”nutti ddulan jechuun qeeqaa fi duula EPRDF/TPLF ofirraa qabuuf yaale.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Diriibaa Kumaa, gama isaatiin, “bu’aa maastar pilaaniin argamsisu irratti hojiin hubannoo uumuu hin hojjatamne,” jechuun ergama isaa bahachuuf yaale. Akka inni jedhutti, kun kan hanqateef, “sababa hojiiwwan adda addaatiin duubatti harkifate”, jedhe.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago