Categories: Oduu Oromiyaa

(OROMEDIA, 15 ONKOLOOLESSA 2013) HAADHA WARRAA HAYYU-DUREE ABO, JAAL DAAWUD IBSAA, KAN TA’AN AADDE OBSEE MARGOO DHUKKUBA AKKA TASAATIIN ADDUNYAA KANA IRRAA DARBUUN GABAASAME.

J/Obsee Margoo (1976-2013)

Maddeen keenya Norwey, Bergen, irraa akka ibsanitti, haati warraa Jaal Daawud Ibsaa dhukkuba akka tasaa  mudate akka wal’aanamtuuf gaafa 08/10/2013 galgala gara mana yaalaa “Haukeland sykehus” biyya Norway magaalaa Bergen itti argamutti geeffamte.

Oromiyaa keessatti gaafa 29/11/1976 kan dhalatte Jaal Obseen, mana yaalaa geeffamte keessatti wal’aansa fayyaa otuu fudhachaa jirtuu gaafa 11/10/2013 addunyaa kana irraa du’aan boqotuun ishii beekamee jira.

Hawaasa Oromoo biratti hedduu jaalatamtuu fi kabajamtuu kan turte Jaal Obsee Margoo, bakka deemte maratti eenyummaa fi Oromummaa mul’isuudhaan akka mararfannoo guddaa qabaachaa turte kanneen dhiyeenyatti beekan ragaa bahu.

Miseensotii fi deeggartooti qabsoo bilisummaa Oromoo, akkasumas sabboontoti Oromoo bakka jiran mara irraa boqonnaa jaal Obsee ilaalchisuun ibsa gaddaa fi dhaamsa jajjabinaa dabarsaa jiru.

Miseensoti ABO konyaa Victoria ibsa gaddaa Oromediaf ergan keessatti Jaal Obseen haadha qabsoo, haadha jaalalaa fi haadha Oromoo dhugaa akak turte eeruun, du’a akka tasaa kanatti hedduu gadduu fi rifachuu isaanii addeessanii jiru.

Kana malees, Jaal Daawud Ibsaaf, maatii fi firoottan isaanii maraaf jajjabina hawwuun, Waaqni lubbuu Jaal Obsee akka qananiisu illee kadhannaa isaanii waliin dhaamanii jiru.

Miseensoti ABO Konyaa Stavanger gama isaaniitiin dhaamsa dabarfatan keessatti Jaal Obseen haadha qabsoo Oromoo, jaalatamtuu fi kabajamtuu akkasumas sabboontuu jabduu ta’uu eeruun, du’a hin oolle ta’ee malee goota akkanaa dhaabuun hedduu laalessaa akka ta’e ibsaniiru.

Miseesnoti ABO Stavanger, itti dabaluunis,”Gadda guddaa nutti dhagayame ibsachaa, Waqaayyo lubbuu J/Obsee haamaaru; J/Daawud, Maatii fi firoottan J/Obsee hundaaf immoo Waaqayyo jajjabina isaaniif haa kennu,” jedhanii jiru.

Kana malees, “Kabajaa fi jaalala jaallummaaf awwaalcha Jaalle keenya irratti argamuun gaggeessa isa dhumaa ni goona,” jechuun kutannoo jaalummaa irra deebi’anii mirkaneessanii jiru.

Miseesnoti ABO marti dhaamsa gaddaa dabarsan keessatti Jaal Obseen qabsooftuu jabduu, kutattuu fi jaalatamtuu akka turte ibsuun, ekereen ishihii akka qanani’uuf, Jaal Daawud fi firoottan ishiif immoo jajjabinni akka kennamu akkuma amantii isaaniitti kadhannaa gochaa akka jiran beekameera.

Miseensi ABO maqaan isaa akka himamu hin feene tokkos karaa marsaa hawaas-qunnamtii akka nuuf ibsetti, J. Obsee Margaa akka nam tokkeettis tahe akka miseensa dhaabaatti bakka turte hundatti nama qooda kennaa tureedha.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago