Aanaalee godinaalee Baalee fi Baalee Bahaa kanneen akka Gurra Dhaamolee, Daawwee Sarar, Daawwee Qaaccan, Sawweenaa, Madda Walaabuu fi Harannaa Bulluq keessatti beelli sadarkaa lubbuu jiraattotaa gaaga’uurra gahee jiraachuun gabaafamaa jira. Beelli hamaan sababa weerara daangaa humnoota naannoo Somaalee fi dhabamuu roobaatiin mudate aanaa Gurra Dhaamolee irraa gara aanaalee birootti babal’achaa jira jedhame.
Harargee Bahaa gammoojjii Aanaalee Qumbii, Mayyuu, Baabbilee fii kanneen biroo keeysattiis beelli sadarkaa hamaarra gayuutu dubbatama.
Harargee Lixaa Aanaale akka Burqaa Dhintuu, Bookee, Gumbii Bordoddee, Mi’eeysoo fii kkf keeysattiis rakkoon beelaa jiraachuutu himama.
Godinaalee Gujii lameenitti beelti hammaattee namoonni 12 lubbuun dabruus miidiyaaleetu gabaase. Miidiyaan mootummaan callisee laalutti jira.
Godina Booranaa kheeysattiis kanaan dura hoongeen hamaan beeyladootaa fii namarra miidhaa guddaa geeysisuun ni yaadatama. Ammallee ummanni hoongee sanirraa kan hin dandamannee fii hoongee 2ffaatiif saaxilamuun cittoo irratti fanxoo taatee jirti.
Lixa Oromiyaatti lola Oromoo irratti labsamee jiruun ummanni waggoota lameen dabre oomishachaa hin baane. Gargaarsi dhaquufiis kan hin jirre yoo tahu rakkoo jabaatu harkaa qaba.
Walumaagalatti Oromiyaa keeysatti ummanni keenya beela hamaaf saaxilamanii jiran. Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma kana dubbachuurraa soonanee jira. Gabaasa guddinaa fii misoomaa dhiheeysuu malee rakkoon ummataa hin dubbatamne. Abbaan iyyatu ollaan dirmata waan taheef addunyaan akka ummata beelaan dhumutti jiru kanaaf dirmatu iyya haa dabarsinuu. Warri hiree qabdan dhaabbilee gargaarsa namoomaatti iyya nuuf dabarsaa. Waan dandeeysaniiniis dirmadhaa.
This past week, US Secretary of State Antony Blinken visited Ethiopia. During his visit, he met…
U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…
By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…
Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…
By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…