“O R O M O F I R S T”
Berhanu Hundee
Kutaa Afraffaa
OROMO FIRST (DURA OROMOO)n EGEREEN ISAA MAAL TA’UUF DEEMA?
Barreeffam kutaa sadaffaa keessatti, dhimmi Itoophiyummaa calaqqisu dursa argachuun ykn Itoophiyaaf dursa kennuun Oromummaarratti dhiibbaa fiduu akka danda’an waan tokko tokko kaasuu yaaleen ture. Dhimmoota “Dura Oromoo” wajiin walqabatanii fi ijoo ta’anis akka fakkeenyaatti tuttuquu yaaleen ture. Barreeffama kutaa kanaa keessatti, Oromo First ykn Dura Oromoon egereen isaa maal ta’uuf akka deemu yaada koo ibsuun yaala.
Duraan dursee garuu, waan tokko dubbistoota barreeffama kiyyaatiif ifa godhuun barbaada. Ammas irra deebi’uudhaaf, ani akka nama tokkootitti Itoophiyaarraa rakkoo hin qabu. Biyyattii tanarra hammeenyi ykn badiin akka gahu hawwaa hin jiru. Ani kanan jechaa jiru Itoophiyaa Oromoof taatu ijaaruun akka nuti salphaadhumatti yaadnu hin ta’u; biyyattiin tun akkuma seenaa ishii fi amala ishiitittuu yoo laalle, jijjiiramtee saboota/uummattoota hundaafuu haadha dhugaa ta’uu danda’uu ishiitu gaafii guddaa natti ta’a.
Yaaddoo fi shakkiin kiyya akkuma jiranitti ta’anii, gara ijoo dubbiitti jechuun waayee “Dura Oromoo”tti yoon deebi’u, akka haala amma keessa jirruutitti, Dura Oromoo duubatti dhiisnee itoophiyummaadhaaf dursa kan kenninu yoo ta’e; gaafiin uummata Oromoo guutumaa guutuutti deebii osoo hin argatin jijjiirama siyaasaa yookaan imaammataa (political and policy reforms) biyyattii sana keessatti goonee biyyatti tana ni jijjiirra yoo jenne, Oromoo fi Oromiyaadhaaf bu’aa argamurra dhiibba balaa fiduu danda’utu uumama jedheen amana. Dhimma kana tokko tokkoon ibsuun yaala. Mee dura, akka haala amma keessa jirruutitti yoon jedhu maal jechuu kooti?
Tokkoffaa, sochii uummata Oromoo biyya keessatti cimaa jirutu hamilee nutti horee, nu onnachiisee, isa kana abdannee biyyattii sana keessatti jijjiirama Oromoof ta’u ykn tolu amma fiduu ni dandeenya jenna malee, dhugumatti humna keenya fi tokkummaa keenya hubannoo keessa waan galchine natti hin fakkaatu. Maal jechuu dha?
Lammaffaa, hanguma fedhe sochiin uummata Oromoo cimee wabii ta’uu danda’ullee, haala amma keessa jirru waliin walqabsiisnee yoo laalle, biyyatti sana keessatti jijjiirama siyaasaa fi imaammataatiin madaa fayisuun hin danda’amu. Kan jallates qajeelchuun rakkisaa ta’a. Keessumaayyuu, sirna amma jiru kana fooyyessinee biyyattii sana haaraa ijaaruun ni danda’ama kan jedhurraa gonkumaa ani abdii hin qabau. Wanni jarjaraan ta’us hundee hin qabaatu. Kanaafuu dhimma akanaarratti xiyyeeffachuun Oromummaa gaaga’ama guddaa keessa galcha. Oromummaan gaaga’ama keessa gale jechuun immoo egereen Oromoo fi Oromiyaa gaarii hin ta’u.
Sadaffaa, akkuma argamaa fi hubatamaa jiru, yoo qabsoon bilisummaa Oromoo cimaa deemtu fi waayeen Oromummaa ifatti bahaa deemu, warri Oromoo ta’anii dhalatan garuu of wallaalanii jiran; ofbaraa deemanii ofqorachuu fi Oromummaa iyyaafachuu calqabu, Kanaaf immoo fakkeenyota baay’ee kaasuun ni danda’ama. Haa ta’u malee, yeroo wanti akkanaa mumul’achaa jirutti Dura Oromoo dhiisnee, Itoophiyummaaf yoo dursa kenninu, warri duraanuu eenyummaa ofii dagatanii; Itoophiyummaadhaan boonaa turan sun nutti osso hin dhufne bakkuma jiranitti hafu; caalaatti Itoophiyummaa sana calaqqisaa deemu jechuu dha. Kun Oromummaatti gufuu ta’a. Tokkummaa Oromoo laaffisuu danda’a.
Afraffaa, dhaadannoo “Diinni diina kiyyaa fira kiyya” jedhuun alagaa waliin tumsa uumuuf jennee, waayee Oromummaa kan dagannu yoo ta’e jechuun “Dura Oromoo”n yoo dagatame, waliigaltee booda godhamuuf deemu keessatti haaldureen nuti hin eegne nu qunnamuu danda’a. Mee fakkeenya haa fudhannu: Akkuma beekamu yeroo ammaa waayeen “OROMARA” cimee haasa’amaa jira. Irratti hojjetamaa jiras ta’a?? Waliigalteen uummattootaa yeroo fedheeyyuu bakkee fedhettuu barbaachisaa fi murteessaa dha. Haa ta’u malee, biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti kan egeree keenya murteessan waliigaltee sabootaa/uummattootaa qofaa miti. Humnoota siyaasaa achi keessatti gahee taphatanii dha. Kanaafuu humnootni siyaasaa Oromoo osoo walii hin galle, waliigaltee alaa (external agreement) tokkorra gahuun, Oromummaa miidhuu danda’a.
Shanaffaa, dhimmi “Dura Oromoo” osso hin bilchaatin; waliigalteen Oromoo hundaa hammatu osoo hin jiraatin; karaa adda addaa demuun; haala akkanaa kana keessatti immoo Itoophiummaaf dursa kennuun Oromoo fi Oromiyaan rakkoo biraa kan hin yaadamin fi eegamin keessa galuu danda’u. Kanaafuu, dhaadannoon Oromo First jedhu sababa malee miti jechuu dha.
Egaa, waayeen Itoophiyummaa fi/ykn Itoopiyaa dursuu kun Dura Oromoo (Oromoo First) suuta suuta dhiibaa moggaatti baasee; sababa kanaan Oromummaa gaaga’ama keessa galchuu akka danda’u qabxiilee armaan olii kanarraa waa xiqqoo hubachuun ni danda’ama jedheen yaada. Oromo First egreen isa maal ta’uuf akka deemu asirraa hubachuun ni danda’ama jedheen abdadhas.
Dhumarratti, mee haa jennuu, akkuma jedhamaa jiru Oromoon Itoophiyaa tana ijaaree jiraachisu qaba ni danda’as kan jedhu yoo fudhanne, gaafiilee: “Itoophiyaa akkamiitu ijaaramtee Oromoof ta’uu dandeessi? Itoopiyaan haaraa ijaaramtu tun gaafiilee Oromoo hundaa deebisuu dandeessii? Nagaa fi tasgabbiin xumuraa keessatti mirkanaa’uu ni danda’aa? Dhugumatti humnootni siyaasaa biyyattii sanaa hunduu kanarratti waliigaluu danda’uu? fi k.k.f. haa laallu. Gaafii inni guddaan garuu: Yaalii akkanaa kana keessatti furmaatni xumuraa (lasting solution) argamuu ni danda’a moo ammas asii fi achi osoo jennuu carraan biraa yeroo SADAFFAADHAAF nu dabruuf deemaa?? Barreeffama Kutaa Shanaffaa keessatti yaada koo qabadheen dhiyaadha.
Hanga walitti deebinutti nagaatti.
Ulfaadhaa!
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…