Categories: Oduu Oromiyaa

Oromoo Hidhuu fi Ajjeessuu Araada Kan Godhate Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee, Sabboonticha Oromoo Barataa Urgeessaa Daammanaa Guyyaa Har’aa Ukkaamsee

Qeerroo.org, Finfinnee

Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF yakka tokko malee ilmaan Oromoo sabboontota ta’an ukkamsaa jira. Haala kanaan, guyyaa har’aa sabboonaan Qeerroo Oromoo kan ta’e barataa Urgeessaa Dammanaa Kumsaa humnoota tikaa mootummaa EPRDF/TPLF magaalaa Finfinnee keessatti ukkamfame.

Barataa Yuunivarsitii Rift Valley kan ture, Sabboonaan Qeerroon Oromoo Urgeessaa Daammanaa yakka tokko illee utuu hin qabaatin daa’imummaa isaa irraa eegaluun Oromummaan yakkamee manneen hidhaa biyyattii garaagaraa keessatti hidhamuun dararamaa kan turee fi bara 2011 Mana hidhaa Maa’ikalaawwii fi Qaalliittiitti Waggaa tokkoo oliif badii tokko malee hidhamee dararamaa kan ture yoo ta’u yeroo garaagaraatti mana hidhaa Lixaa Shaggar magaalaa Amboottis hidhamaa kan turee fi ammas badii tokkoo malee FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessaa jiru qinddeessiteetta jechuun yeroo dheeraa erga hordofamaa turee booda, humnoota tikaa mootummaa Wayyaanee/TPLF’n guyyaa hardhaa ukkanfamee eessa buuteen isaa hin beekamne.

Sabboonaan Qeerroon barataan Oromoo kun FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo biyyattii keessatti qindeessee gaggeessa jiru keessa harka qabda sabaabaa jedhuun nannoo dhaloota isaa Godina Lixaa Shaggar Magaalaa Amboo kolleejjii Rifti Valley Amboo utuu barachaa jiruu yeroo sochii Warraaqsaa FDG bara darbee Ebla 2014 Qeerroon barattootni fi uummatni Oromoo sirna bittaa Wayyaanee balaaleffachuun mormii guddaa gaggeessaa turanitti FDG kana qindeessuu keessaa harka qabda jechuun naannoo dhaloota isaa magaalaa Amboo irraa hari’amee, barnoota isaas akkatti baratuu dhabuun haala baay’ee rakkisaa ta’ee keessatti baqaadhaan gara magaalaa Dirree Dawaatti barnoota isaa itti fufuuf akkuma Koolleejjii Rift Valley Damee Dirree Dawaatti galmaa’ee barnoota eegaleen hordoffiin humnoota tikaa fi dabballoota Wayyaanee itti jabaachuun akka barnoota isaa itti fufee barachuu hin dandeenye dhorkatamee akkatti baratu waan dhabeef gara magaalaa Finfinneetti deebi’uun hojiilee wardiyummaa fi hojiiwwaan humnaa garaagaraa hojjechuun utuu of jiraachisuu guyyaa hardhaa humnoota tikaa mootummaa EPRDF/TPLF’n ukkamfamee eessa buuteen isaa dhabamee jira.

Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii keessa jiraachuu dadhabuun Mootummaan Wayyaanee diina itti ta’uun mirga namummaa fi dimookiraasii mulqamnee guyyaa irraa gara guyyaatti ilmaan Oromoo ukkaanfamaa jiraaniif dhaabbileen mirga namummaa addunyaa fi mootummootni gamtooman uummata Oromoof dirmachuu qabu, ilmaan Oromoo biyyoota garaagaraa keessa jirtan dhaabilee Idil-Addunyaa mirgoota namummaa kabachiisan hundatti akka uummata keenyaaf iyyaannu Qeerroon bilisuumma Oromoo dhaamsa dabarsa.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

7 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

7 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

7 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

7 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago