Oromoo ta’ee kan kana hin hubanne, ani Oromoo dha ofiin jechuunuu mamsiisaa dha

 

Abdii Boruutiin
Oromoon bilisummaa ni barbaada moo hin barbaadu? jedhee otuun gaafii kana dhiyeessee, deebii lama argachuu nan danda’a jedhen yaada. Tokko, eeyyen ni barbaada yoo ta’u, inni lammaffaan lakkii hin barbaadu kan jedhu dha. Warrii eeyyen ni barbaada jedhanii deebii kennu, Oromoon akka gabrummaa keessa/jala jiru warra beekani fi amananii dha. Warri lakkii bilisummaa hin barbaadu jedhanii deebii kennu garuu, karaa lamaan ilaalamuu ni danda’u. Isaan tokko Oromoon dur gabrummaa jala ture, amma garuu erga mootummaan Derguu kufe booda bilisummaa isaa argate warra jedhanii dha. Isaan biroo ammoo Oromoon duris taanan gabrummaa jala/keessa hin turre, har’as hin jiru, kanaaf bilisummaa isa hin barbaachisu ykn bilisummaa hin barbaadu warra jedhanii dha.

Akka ilaalcha isaaniitti (akka isaan gaafii kanaaf deebii kennaniitti) namoota kana garee saditti baafnee ilaaluun ni danda’ama jechuu dha.

Garee tokkoffaa, warra Oromoon bilisummaa ni barbaada jedhan yoo ta’an, isaan kun Oromoon akka gabrummaa Habashaa jala/keessa ture fi ammas jiru waan beekaniif ykn waan kana (itti) amananiif, bilisummaan Oromoo argamuu qaba jedhanii warra yaadan ykn amananii dha. Asirratti hubadhaa! yaaduu fi amanuun akka tokko hin taane; boodan itti deebi’a. Gareen kun Oromoo qofaa otuu hin taane, warra Oromoo hin ta’inis dabalachuu danda’a. Alagaa ta’anii waayee Oromoo sirriitti kan beekani fi hubatan; Oromoon bilisummaa argachuu qaba warri jedhan baay’eetu jiru jechuu dha.

Garee lammaffaa, akkuman kanaa olitti ibse, isaan, Oromoon gabrummaa jala/keessa ture; amma garuu bilisummaa waan argateef, bilisummaa isa hin barbaachisu ykn bilisummaa hin barbaadu warra jedhanii dha. Warra qabsoon bilisummaa Oromoos galii isaa gahe jedhanii dha. Qabsoon kana booda godhamu, guddina fi dagaagina sabaatiif malee, bilisummaa dhaafii miti warra jedhanii dha. Kanaaf, qabsoo bilisummaa Oromootiin mormu. Isaan kun Oromoota qofaa otuu hin taane, alagaa fi diina illee ta’uu danda’u.

Garee sadaffaa, gareen kun warra gaafii uummata Oromoo hin fudhanne; warra gabrummaa fi bilisummaa Oromootti hin amanne; Oromoon gabrummaa jala hin turre, ammas hin jiru; gaafiin isaas gaafii bilisummaa fi abbaabiyyummaa miti ykn ta’uu hin qabu jedhanii warra yaadan ykn amanani dha. Gareen kun garuu Oromoota lakkoofsaan xinnaa ta’an of keessa haa qabaatu malee, garee alagaa ykn/fi diinaa ti.

Dhugaan jiru, kan seenaan illee mul’isu fi ragaa ta’uu danda’u, gaafiin uummata Oromoo gaafii bilisummaa fi abbaabiyyummaa ti. Uummanni keenya kan dur qabaachaa ture, humnaan waan dhabeef, kan dhabe sana deebisee argachuuf qabsaa’aa jira. Kanaaf, kan abbaan fe’e mormuu hin dandeenye Oromoon bilisummaa barbaada. Abbaan fe’e karaa fe’een haa ilaalu; abbaan fe’e haa fudhatu ykn haa didu, dhugaan jiru kana. Erga dhugaa kana amananii hin fudhannetti, warri garee lammaffaa fi garee sadaffaa keessa jiran, ija Oromootiin (ija uummata keenyaatiin) akkuma tokkotti ilaalamu jedheen yaada. Erga kaayyoo Oromoo faallessanii, gareen lamaanuu diina qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) ti. Kanaaf, QBOtti gufuu ta’uu fi yoo danda’ame sirumaa dhabamsiisuu barbaadu ykn yaalii godhu; kanuma argamaa jiru dhas.

Barruu kiyya kan har’aa keessatti, kan ani irratti xiyyeeffadhu warra garee tokkoffaa ti. Akkuman kanaa olitti gara jalqabaarratti tuqee dabre, gareen kun warra Oromoon bilisummaa ni barbaada jedhanii yaadan fi/ykn amananii dha.Yaaduun maali, amanuun maali? Jechoota kan lamaan gabaabumatti ibsuu dhaaf, yaaduun waan tokko akka namatti mul’atetti ilaaluu fi hubachuu yoo ta’u, amanuun ammoo waan tokko akka namatti mul’atutti ilaaluu fi hubachuu qofaa otuu hin taane, ni ta’a ykn hin ta’u; dhugaa dha ykn dhara fi kkf jedhanii fudhachuu dha. Gabaabumatti, yaaduun hubachuu dha malee fudhachuu miti; amanuun (ykn itti amanuun) garuu waan hubatan sanas itti amananii fudhachuu dha. Nuyi, Oromoon bilisummaa ni barbaada jennee warra yaadnu fi warra amannu, jidduu keenya garaa garummaan jiraa?

Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti, garaa garummaan jira jedheen amana. Warri bilisummaa ni barbaadna jennee yaadnu, akka bilisummaa barbaadnu, fe’ii ykn hawwii agarsiifna malee, isa kana argachuu dhaaf maal godhuu akka qabnu; maaltu akka nurraa eegamu, waan hubannu natti hin fakkaatu. Bilisummaan barbaadnu ykn hawwinu kun waan akkanumatti ofumaaf dhufu ykn namni biraa nuuf fidu goonee waan yaadnu natti fakkaata. Nuyi nama biraa irraa waan tokkoo hin eegnu, maaliif akkana jetta? naan jechuu dandeessu. Kanaafis deebii qaba. Yoo bilisummaa barbaadna ykn bilisummaan haa dhufu jenne, QBO kanaaf waan tokko godhuutu nurra jira; gahee keenya gumaachuutu nurraa eegama jechuu dha. Waan kana ammookaraa lamaan godhuu dandeenya.

Karaa tokkoffaan, qabsoon kun cimee akka galii hawwame gahu ykn gahuu danda’u, waan dandeenye, karaa dandeenyeen qooda keenya gumaachuu qabna. Beekumsaan, barumsaan, dandeettii dhaan, humna fi qabeenyaan (maallaqaan) qabsoo bilisummaa kana cimsuu qabna. Bilisummaa humnaan namarraa fudhatame, deebisanii argachuu kan danda’an humnumaan (qawwee dhaan) ta’u illee, qabsoo kan finiinsuu dhaaf qawwee qofaa baachuun nurra hin jiru; karaa biraatiinis gahee keenya gumaachuu ni dandeenya jechuu dha. QBO akka dhimma mataa keenyaatti, akka dhuunfaatti fudhannee, warra kanaaf qabsaa’an waliin dhaabbannee, isaan bira fi duuba hiriirree, irree tokkoon diina keenya irratti duullee, injifannoo agarsiisuu qabna jechuu dha.

Karaa lammaffaan, yoo gahee ykn qooda keenya qabsoo bilisummaa kanaaf gumaachuu hin barbaadne ykn hin dandeenye, sababa gara garaatiin, warra qabsoo kana gaggeessan irratti olola oofuu fi hojii isaaniitti gufuu ta’uu dhaabuu dha. Sababa adda addaatiin wal qoqqooduu, waliin mormuu, walirratti duuluu, wal dadhabsiisuu dhaabuu fi diinni qaawwa argatee nu keessa seenee, addaan nu hiree qabsoo keenyas dadhabsiisuu dhaaf carraa akka hin arganne godhuu dha. Akka Oromootti akka ilmaan abbaa fi haadha tokkootti wal mararfachuu, wal obsuu, wal danda’uu, wal amanuu fi wal amansiisuu akkasuma illee, akka aadaa keenyaatti wal kabajuu dha. Xinnaan guddaa, quxusuun hangafa, wallaalaan beekaa dhaaf kabaja kennuun aadaa Oromoo bareedaa dha; kan waaqni/rabbi uumaa dhaan nuuf kenne dha.

Gaafii kanaa olitti kaasetti deebi’uu dhaaf, Oromoonni warri bilisummaa ni barbaadna ykn Oromoon bilisummaa ni barbaada jedhanii “amanan” garuu, warra gaafiin uummata keenyaa maal akka ta’e hubatani fi kanattis amananii fudhatan waan ta’aniif, QBO kanattis akkasuma warra amananii dha. Namni tokko waan barbaadu tokkotti yoo amane ammoo waan barbaade sana argachuu dhaaf karaa danda’een yaalii godha malee, hamma waan sana argatutti hin dhiisu. Oromoon bilisummaatti amanus, kana argachuu dhaaf halkani fi guyyaa ciminaan hojjechuu qaba. Kun hawwii kiyya, kaayyoo kiyya jedhee erga itti amane, kaayyoo kana galii dhaan gahuuf onnee dhaan, garaa kutannoo dhaan hojjeta. Fe’ii fi hawwiin isaa kaayyoo kana bakkaan gahuuf waan ta’eef, gufuulee adda addaatiin hin injifatamu. Yeroo kana Oromummaa fi bilisummaatti malee waan biraattiis hin amanu; waayee kanaaf dursa kenna; wanti duubatti isa deebisu hin jiru jechuu dha. 

Gaafiin jalqaba barruu kanaarratti ka’e, Oromoon bilisummaa ni barbaada moo hin barbaadu? dha. Deebii gaafii kanaaf kennamuu danda’uu ka’ee, namoota garee saditti baasee ibsuu yaalee jira. Warri garee lammaffaa fi garee sadaffaa, warra QBOtti hin amanne dha. Isaan diina qabsoo kanaa ti jechuun ni danda’ama. Warri garee tokkoffaa ilaalcha adda addaa haa qabaatan malee, warra bilisummaa barbaadu dha. Kana haa yaadanis itti haa amananis, kan waliin qaban garuu “bilisummaa barbaaduu” dha. Yoo hin barbaadne hin barbaadnu jedhanii dhiisuu, yoo barbaadan ammoo kanaaf hojjechuu dha. Kuni akka dafee dhufu ammoo wal gargaaruu dha; tumsa waliif ta’uu dha; humna cimaa tokko waliin uumuu dha. Humni cimaan uumamuu kan danda’u garuu tokkummaa dhaan qofaa dha. Kanaaf, bilisummaan akka argamu tokkummaa ijaaruu dha. 

Tokkummaan humna kan jedhamus akkanumaanii miti. Weellisuu qofaa miti; kan kaayyoo tokkoof ijaaramuu dha. Warri kaayyoo tokko qaban ammoo waliin hin morman; tokkummaa barbaachisaa kana waliin ijaaruuf carraaqu malee, gufuu walitti hin ta’an. Tokkummaan bilisummaa dhaaf ijaaramus, kan QBO galii dhaan ga’u jedheen yaada; kun tokkummaa dhugaa kan uummanni Oromoos barbaadu dha jedheen amana. Tokkummaan akkanaa tokkummaa biraa kan diigu yoo ta’e, tokkummaan diigamu kun tokkummaa diinaa ti malee tokkummaa Oromoo, kan kaayyoo tokkoof (bilisummaa Oromootiif) ijaaramuu miti. Warri bilisummaa Oromoo barbaadan dhugaa kana hubachuu qabu. Wal arrabsuu, wal abaaruu, wal nyaachuu, diina dhiisanii walirratti duuluu, wal laaffisuu fi wal dadhabsiisuun uummata keenyaaf bu’aa takka illee hin fidu; uummata keenya rakkoolee keessaa hin baasu. Kan kanarraa bu’aa argatu diina fi warra bilisummaa hin barbaadne qofaa dha.

ABO garee sadeen walitti deebisanii tokkoomsuuf (ABO tokko godhuuf) yaalii araaraa, kan yeroo ammaa godhamaa jiru, ilaalchisee, uummata Oromoo jidduutti ykn hawaasa Oromoo keessatti, yaadni adda addaa mul’achaa waan jiru fakkaata. Anis ofii kiyyaaf, akka Oromoo tokkootti, waayee kana ilaalchisee dhaga’uu malee wanti ani keessa isaa beeku fi arges waan hin jirreef, akkuma nama biraa, yaada kiyya kennuuf malee namoota ykn garee ykn jaarmayaa tokkotti hirkadhee isaan kanaaf dubbachuufii miti. Kun akka sirriitti hubatamun barbaada.

Akkan marsaalee (website) tokko tokko irratti argee dubbisetti fi dhagayetti, kan yaalii araaraa kana godhaa jiru Obboo Leenco Lataa akka ta’e dha. QBO kana keessatti of duuba garagallee yoo ilaalle fi yaadanne, bara 1991-1992 yeroo ABOn mootummaa ce’umsaa keessa ture fi booda dirqamee keessaa ba’e, balleessi guddaan akka godhame fi miseensota WBO irratti balaa guddaan akka ga’e, waan hin dhokanne fi kanuma beekamuu dha. Kana namni yoo dagate illee seenaan kan hin dagannee dha. Hoggantoota ABO yeroo sana turan keessaa Obboo Leencon tokko ture. Nama kana ittisuu dhaaf otuu hin taane, akka ilaalcha dhuunfaa kiyyaatti, balleessa dalagame sanaaf kan itti gaafataman hoggantoota hundumaa, kan yeroo sana turan ta’uu qabu malee abalu qofaa dha jechuun sirrii natti hin fakkaatu.

Namni tokko ammoo balleessa dalagee dabre tokko itti amanee fudhatee, kanaaf illee dhiifama gaafatee, gara fuulduraatti waan gaarii tokko hojjechuu yoo barbaade, kun waanuma ilmaan namaarraa eegamuu dha jedheen yaada. Hoggantoonni keenyas akkuma fakkeenya kanaa kan godhan yoo ta’e, kun aadaa diimookraasii ti. Balleesa fudhachuu fi kanaafis dhiifama gaafachuu diduun garuu aadaa diimookraasii waan faallessuuf, kun uummata biratti fudhatama hin qabu jechuu dha. Kun dhugaa waliigalaa ti. Hoggantoonni keenya ammoo dhugaa jirutti amananii, kan dabre irraa baratanii, gara fuulduraatti uummata keenyaaf, qabsoo bilisummaa Oromootiif garaa qulqulluu dhaan kan hojjetan yoo ta’e, kanuma dabre sana qofaa qabnee, amma isaaniin mormuun sirrii natti hin fakkaatu. Bu’aa maal irraa argachuu dandeenya? Akka ilaalcha kiyyaatti, walumaan mormuu qofaa yoo ta’e, bu’aan tokko illee hin argamu.

Waaqa/rabbi galanni haa ga’u, jalqaba bara kanaa irratti tokkummaa tokko argannee jirra. Inni kunis ULFO dha; kun tarkaanfii ykn sadarkaa duraa ti. Amma ammoo waaqni/rabbi nu gargaaree ABO garee sadeen walitti deebi’anii yoo tokkooman (ABO tokko ta’an) kun sadarkaa lammaffaa ta’a. Kana booda (itti’aanee) kan ta’uu qabu, ABO tokko ta’u fi ULFO walitti fidanii (ABO+ULFO) yoo danda’ame walittibaqsanii tokko godhuu; yoo kan hin danda’amne ta’e ammoo, tokkummaa hunda hammataa ykn tumsa bilisummaa ijaaruu dha. Kaayyoon tokkummaa ykn tusa akkanaa “bilisummaa fi abbaabiyyummaa” dhabne deebifnee argachuu dha. Egaa, eessaree ykn maaliree rakkoon jiru? Maaliif tarkaanfi fi sadarkaaleen ibse kana waliin godhuun hin danda’amne? Maaltu maal faallessa? Kamtu kam diiga?

Oromoo ta’ee, tokkummaan akkanaa, kan kaayyoo tokkoof, bilisummaa dhaaf ijaaramu, akka hin milkoofne kan gufuu (itti) ta’u ykn kanaan mormu yoo jiraate, ana naaf galuu hin danda’u. Wal shakkuun, waliin mormuun, walirratti duuluun, humna walii dadhabsiisuun eessanuu nu hin geenye; kanuma arginee dabarree dha. Kan dabre irraa barachuu qabna. Oromoon tokko; eenyummaan keenyas tokko; eenyummaan keenya kun ammoo Oromummaa akka guddifnu fi dagaagsinu nu godhuu qaba. Kaayyoon keenyas tokko’uma jedheen yaada “bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabne deebifnee argachuu” dha. Yoo kan beeknee, hubannee, kanattis amanne, wanti walitti nu buusu hin jiru. Yoo jiraatani illee garaa garummaa xixiqqoo dha jedheen yaada. Waan xixiqqoo kanaa kaanee, rakkoo guddaa ofitti uumnee, kaayyoo keenyatti gufuu ta’uun nurraa hin eegamu. Kan ani Oromoo dha jedhu, yoo dhugaa Oromoo ta’e, waayee kana hubachuun dirqama ta’a. Oromoon dhugaa jiru hubatee, garuu otuma beekuu diddaa kan agarsiisu fi tokkummaatti gufuu ta’uu kan barbaadu yoo ta’e, ani Oromoo dha ofiin jechuu fi waayee uummata Oromoo dubbachuunuu mamsiisaa dha jedheen amana.

Galatoomaa.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

10 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

10 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

10 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

10 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

1 year ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

1 year ago