Categories: Yaada

Oromoon biyya Toophiya jedhamtu kana keessaatti ilmaan habashotaa waliin ta’ee enyummaa fi mirgii isaa kabajamee jiraachuu ni danda?

Barreffamni koo kun gaaffii lama of keessaa qabdi. Tokkooffan Oromoon biyya Itophiyaa jedhamtu keessatti karaa filannoo nagaan mo’atee wayyaanee angoo irraa busee angoo qabachuu ni danda’a? Lammaffaan ammo Oromoon biyya Tiphiyama jedhamtu kana keessaatti ilmaan habashotaa waliin ta’ee enyummaa fi mirgii isaa kabajamee jiraachuu ni danda? Kan jedhu dha.

Garaa qaama barrefamakotti gaafan seenu,akkuma beekamu Ummatni Oromoo akkuma saboota addunyaa kana irratti argamanitti, ummata seenaa of danda’ee, biyya sarara daangaa beekamaa qabu, aadaa, afaan, duudha fi qora-qalbi sabbummaa kan barootaa kumaatamaan lakkaawwaman kuufachaa dhufe kan qabuu fi seenaa bulchiinsa fi aadaa siyaasaa adunyaa kanaaf bu’ura dimokiraasi kan ta’ee, sirna gadaa kan qabu akka turee seenaan jiruu ragaa ni ba’a.

Haa ta’u malee garuu ummatnii Oromoo akka nagaan hin jiraanne bara minilik humnaan biyya isaa weraree lafaafi qabenyaa isaa irra fudhatee enyuummaa Oromoo kan Amaraatti akka jijjiramu taasisee kasee senaan, afaani fi Aadaan Oromoo yeroo yerootti babadaafi cunqurfaamaa kan dhufee yoo ta’uu Ammalee jijjiirama bifaa fi maqaa yoo ta’ee malee ittuma fufee jira,Barota dheraa darban kessa eegdoota sirna kiyoo gabroonfatoota Amaaraara (warren saba Oromoo human Amaaromsan), waggota 22 as ammo egdota sirna kiyoo Itoophiyaa kan ta’an hogganoota Wayyaaneetiin warranni Oromoo balessuu ittuma jira.

Fuldurattii kun Oromoo irraa ni dhaba hin dhabbatuu waluumaan ilaalla. Waanin kaasuu barbaadu garuu akka kiyyattii, gitni bittaa garee lamaan kun bifa isaanituu adda adda malee isaan Oromoof tokkuma, sabaabni isaas sirni kiyyoo gabrummaan ummata Oromoo fi Oromiyaa irratti dirriirfame kuni dantaa gita bittuu Habashotaa kan walii gala kan eeguu fi tiksuu malee dantaa Oromoo kan eguu fi tiksu miti. Sirni gittota bittaa Habashaa lammeenu sirna aadaafi Afaan Oromoo jibbuu garuu sirnaa qabeenya ummata Oromoo jaallatu fi saamuu dhan jiraachuf barbaadu dha.

Waldhabiin gittota lammanii kun Oromiyaa irratti ool aantumaa gartumaa siyaasaa qabaachuuf irraan kan ka’ee altokko tokko wal moormu, yeroo Oromoon jabbaate tokko ta’ee ka’uu garuu lammen isaanu oromorratti ka’uuf tokkumma umuu. Kanaaf ammo raga kan ta’uu seenaa walhubannoo fi waliigalteen Miniliki fi Yohaannis kan Dirree Boruu ni himaa.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

10 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

10 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

10 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

10 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

1 year ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

1 year ago