Oduu Haaraya

Oromoonni biyya ambaa keessa jiraatan, fira qabsoo horachaa jiru

abdusalaam suutee

Dr Nancy fi Enjiner Ibrahim , akkasuma Gammada fi Xaariq .

Dr nancy fi Injiner Ibraahim al-fayyum isaan lamaanu lammi biyy masriiti.
Jaalala guddaa fi mararfannaa ol-aanaa qabso Ummata Oromotiif qabaachaa jiraachuni bekkamu .

Warraaqsa ummanni Oromo fi Qerron bilisummaa Oromo akkasuma barattonni Oromo Fincila Xumura Gabrummaa motummaa wayyaane irratti godhaa jiran kanaaf mararfannaa guddaa qabaachaa fi jiru.

Sila akka hamile isaanii tahee guyyuma boruu Ummanni
Oromo mirga isaa gonfatee heddu isaan gammachiisa.

Dr Nancyn nama dubartii haa taatu malee hujii fi murannon isii dhiira meqa caalaa jirti.

Akka fakkenyaatti 2014 keysa wayta barattonni Oromo mormii mester planii magaalaa finfinnee irratti mormii motummaa wayyaane waliin wal-falmii cimaa godhaa dhumaa turan sanitti onnatte Ligii Arabaa duratti hiriirri bahame iyyannaan barattota Oromo akka dhageyamu godhuu keysatti shora ol-aanaa isii fi abbaan warra isii Dr Husaam akkasuma ammalle Ilmi isii Injineer Amiir waliin tahanii dadhabne oso hin ja’in qoda gama isaanii gumaachaa turani jiru.

Bifuma kanaan ammallee FXG barattonni Oromo biyya keysaa gad-geysaa jiran kana gara mediatin shora ol-aanaa gumachaa jirti.

Nuus gama kenyaan mararfannaa Dr Naancy fi Injiner Ibrahim akkasuma Dr hussami fi Obbo Bakriin fi warreen biraa as irratti maqaa dhawamuun isaanii hin barbaachifne hedduu isaanii dinqisafachaa galanni keysan bilisummaa ummata oromo haa tahuu jennaani.

Check Also

taayyee fi abiyyi

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha …  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan …