Categories: Oduu Oromiyaa

Oromoota Anniyyaa shanyii duguugaa irrati raawatamaa jira

‪#‎OromoProtests‬ Oromota Anniyyaa shanyii duguugaa irrati raawatamaa jira. Akkuma hundi keenya hubanuttii Oromofii saba biraa walitti buusuf wayyaneen mukin isin hin koree gaari isin hin baane hin jiru. Karaa Mi’asoo, nannoo Afaar, Baalen akkasumas karaa gaara mulataa nannoo Anniiyyaa yeroo heduu ilimaan jinnii Wayyaneen Oromofii Saba biraa walitti buusuf yaali godhaa jirtti. Kun maalif yoon jennee Oromofii saba biraa wal afaan keese, Qabsoo Oromoon gageessaa jiru achitti jaliftee ifii nagayan Araarii Qaboo taate jiraachu barbaadi.

Kan amma nannoo Anniyyyaa kun haalan badaadha. Nannoo kun akkuma isiin hubatan duubee daandiin konkkoolaata hin jiree dachii Oromon heduun qubattu kan duubee Qabsoo hidhannoo Oromo turee. Amma Wayyanee waraana somaali kan liyyu police ja’amu hidhanno guuutu itti hiitee Oromoota nannoo kanaa balnaan dachii irra buqaasa, nama hiduu ajeessaa, ganda gubaa, qabeenya saamaa jirtti.

Oromoon nannoo kana akka ifirra hin ittifnnee dursitee qawwee waan irra hiikameef waraani Somaalii kan liyyu police ja’an kan wayyaanen deeggaramu akkuma fedhe seene ummata keenya lafaraa fixaa jiraa. Kanaafu Oromon bakka jirutti akkata ummata kana itti gargaaru wal mari’achuu dadafaan barbachisaadha.

  1. Oromon keenya kan Biyyaa alaa ummata kana akkata itti gargaaramuu dandayamuu irrati daddafiin walitti dhufanii mar’achuun bareedadhaa.
  2. Oromon biyyaa akasuma qindomaan haala kana mootummaa akka dhaabu dhiiba irrati godhuu fii ummata kanaas akkata ittin bira dhaabatan mijeesun haalan gariidha.
  3. Ilmaan Oromo sabboontoni mootumaaf keessa hoojatan, polisiin, militarii hunduu Oromota kana gargaarudha dirqama akkasumas toofta wayyaanen ummata keenyaafi saba biraa walitti buusuf xaxxaa jirtuu kana akkataa ittin fashaleesan wal mar’achuun ummata keenya kan dhumaa jiru kana waliin dhaabachuu dirqama lammumaatii hubadhaa.
  4. Oromon Biyyaa alaa wa’e kana balinatti social media irrati baasunii haasahun information walii dabarsuu adunyaa akka dhageesu gochuun bareedadha.
  5. Wayyaanen akka Oromoof sabin biraa walitti bu’aniif kana waan gochaa jirtuus xaxxama isaani kana keessa oso hin galee, saba sab-lammoottii olaa keenya waliin oso walitti hin buune akkataa rakko kana itti hiikkanu irratti hoojachuudha.
  6. Oromon Biyya alaa sabaaf Sab -lammootti olaa keenya kan akka Ogaaden, Afaar fii kan biraa waliin waan kana mar’achuu sadarkaa Komonittiiti waliin mar’achuu, rakkoo jiru kana akka hubatan gochuu, labsa walii galaa (Joint Statement) waliin baasuu yoon danda’amee hirriraa waliin bahudha. Oromoon Biyya keessas akkasumas nannoo keenya olaa saba biraa waliin nagayan irrati hojachuudha.
  7. Kanaraa kan hafee rakkoolllen dubannu tun hundi mallatoo gabrummaati furman isii kan hundee bilisoomudhaa. Waan kana tahee Oromon dhamaquu, jaaramuu, hooganaa cimaa ifi keesssa baasu, dhaaba cimaa tolfachuu, waraana cimaa jaarachuun furmaata dhumaati.
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago