Categories: Oduu Oromiyaa

#OromoRevolution: LABSA Akkuma dhageessanii jirtan Wayyaaneen duula sanyii Oromoo duguuguu ji’oota 11f itti jirtu har’a ifaan ifatti labsitee jirti.

Ummanni keenya akkuma arman duraa labsa diinaa kana tokkummaa, murannoofi tooftaadhaan ofirraa qolachuu qaba.

1) Diina humnaan isin caalu kallattiin dura hin dhaabbatinaa. Daguudhaan haleelaa.

2) Tarkaanfii maddeen diinaggee sirnichaa irratti fudhatamu bifa of eeggannoo qabuun jabaatee bladhinaan itti fufuu qaba

3) Tarkaanfiiin dhaabbilee sirna cunquraa ( waajjira bulchiinsaa, poolisii, manneen hidhaa kkf) irratti fudhatamu cimee itti fufuu qaba. Dhuma torban kanaatti qabaleen takka Oromiyaa keessatti dhaabattee hafuu hin qabdu

4) Dhaabbileen fayyaa, bishaanii, kkf ummataaf barbaachisaa waan ta’aniif tuqamuu hin qaban. Eeggamuu qaban.

5) Sabaafi sablammiin Oromiyaa keessa jiru lammii keenya. Tuqamuu hin qabu. Manneen amantii gaaddisa tokkummaa keenyaati. Nageenyi isaanii kashlabbeefi diinaa irraa tiikfamuu qabu.

6) Lammiileen biyya alaa Oromiyaa jiran keessummoota kabajaati. Nageenyi isaani barbaachisaadha. Tuqamuu hin qaban. Eeeggamuu qaban.

7) Hoggansa Oromo mana hidhaafi caasaa sirnichaa keessa jiru yoo ajjeesan tarkaanfiin hadooddii hin qabne fudhatamuu qaban. Kan warri gootan waan gootan beektu.

Irbuu isiniif gallu; doorsifni fedhe yoo dhufe hanga lubbuun nu keessa jirtutti dantaa sabaa dabarsinee hin kenninu.Yoo kana goone lafeen wareegmatootaaa qabsoo waggaa 50 nu haa waraantu, diigni isaanii jiruufi du’attis gaaza ta’ee nu haa gubu.

Dhugaa qabna,
Tarsiimon Falmana
Ni Injifanna!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago