Categories: Oduu Oromiyaa

POOLISIIN FEDERAALAA FI POOLISIIN OROMIYAA WAL HUDHUUF MORMA WAL QABDEETTI JEDHAMA

POOLISIIN FEDERAALAA FI POOLISIIN OROMIYAA WAL HUDHUUF MORMA WAL QABDEETTI JEDHAMA.POOLISIIN FEDERAALAA BARATTOOTA OROMOO BAKKAYYUU AJJEESAAFI HIDHAA JIRU.

Akkuma Magaalaa Amboo keessatti tahaa tureefi jirutti guyyaa kaleessaa yuunivarsiitii Haroomayaadha koottaa wal gahii bahaa,gaaffilee keessaniif deebii finneerra qaama dhimmi ilaallaturraa jechuun erga walitti qabanii booda ilmaan Oromoo 150 tahan gara mana hidhaa waajjira poolisii Haroomayaa fidanii sinirraa hin fuunu jennaan gara hin beekkamnetti geessuun dhagahameera.
POOLISOONNI OROMIYAA YEROO POOLISOONNI FEDERAALAA IJOOLLEE REEBAN ITTISAAFI TUMSA GOCHAA JIRAN.

Yuunivarsiitii Adaamaafi magaalaa Adaamarraayis gara namoota 200 ol tahantu hidhameera.
Haa tahu malee achittis poolisoonni Oromiyaa barattoota Oromoo akka hin tumamneefi hin hidhamne wal dura dhaabbachuu isaanitu gabaaafama.
maqaa hidhamtoota kanneenii akka gabaasni nu gaheen ilmaan Oromoof qaamota mirga namoomaaf dhaabbatan hundaaf ni gabaasna.

“Wal-basaasuun hafee diina Oromummaa callaadhaan namatti dhufe irratti xiyyeefachuun baay’ee waan gameessa. Nama morman fakkaatanii ijoollee keessa dhaabachuun warri guyyaa iyyaa oolanii galgala ammoo dabarsanii ormatti ijoollee kennan of-eeggadhaa. Yaa namicha hojjetaa poolisii federaalaa turtee har’a garuu Yunivarsiitii Adaamaatti barnoota irra jirtuu gochaa akkanaa irraa of-qusadhu si gaagaati. Gaaffiin barattootaa, gaafii haqaati.”
Oromoo wal malee nuti fira hin qabnuuti waliif haa birmannu.Sochiin amma kahe kuni fiixa bahuu dhabee duubatti deebinaan gaaffi seenaa jalatti na gatee darbuu isaa hin dagatinaa.

Injifannoon uummata OrOMOOF!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago