Diddaa qeerroon biyyaa kutaalee magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti kaleessa taasisaa oolan irratti humni tikaa tokkolleen ijoollee hiriira nagaa bahan irratti hubaatii kamiiyyuu akka hin geessisneedha kan hubatame. Diddaan obbolaa keenyaa dhimma keenya kan jedhan fakkaatatii Poolisoonni Oromiyaas akka bara darbee dhiittaa fi sarbama tokkolleen barattoota keenyarratti osoo hin qaqqabsiisin barattoonni karaa nagaan mormii isaanii akka itti fufan karaa bananiif.
Galannii fi kabajni guddaan poolisoota Oromiyaaf haa gahu jechaa har’as ta’ee boru diddaa kamiiyyuu ijoolleen keenyaa adeemsisan irratti isin Poolisoonni Oromiyaa karaa seera qabeessa ta’een akka hordoftanii fi akkasumas gochi yeroo ammaa mootummaa gabroonfataan saba keenya irratti gaggeeffamaa jiru balaaleffachuun barattoota keenya cinaa akka dhaabattan gamanumaan isiniif dhaaman. Diddaan abdii saba Oromoo qeerroo biyyaa haala tokkummaa’een kaleessa kan eegalame kutaalee magaalota Oromiyaa adda addaa keessattis akka bal’atu himamaa jira. Kanaaf immoo haalli tasgabbii buusuu poolisoota keenyaan gaggeeffamaa jiru kan barattoota keenyaa onnachiisuuf kan dhaadannoo isaaniirraa duubatti hin deebisneedha. Kanaaf sochiin jalqabame akka itti fufiinsa qabaatu gaheen poolisoota Oromiyaas shoora guddaa taphataatii ammalleen akka ijoollee keenya faana hiriirtan kabajaan isini gaafanna.
@Oromiyaan Teenya
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…