Categories: Oduu Oromiyaa

Prezidaantiin Ameerikaa Baraack Obaamaan Itiyoophiyaa Daawwachufu jiru. Mormitoonni IHADEG qofa utuu hin taane Nuuniis haasofsiisuu qabu jedhu

Paartiin guutmmaa itiyoophiyaa MEAD paartiin dimokraasummaa Itiyoophiyaa EDEPA fi paartiin Ray ibsa har’aa kan kennan ba’ii filannoo baranaa akka hin fudhanne ifa taasisuuf jecha.

Filanno IHADEG guutummaatti injifadhe jedhe hin simannu jedhu paartileen kun. Haala rakkisuun nama dhibuun kan beeksisame ba’ii filannoo kanaa simachuun sirna dhablummaa jajjabeessuu fi abboota irree badhaatuu ta’ee argine jechuu dhaanis ibsa isaanii kanaan beeksisaniiru. Paartileen kun ba’ii filannoo ilaalchisuun ibsa baasanitti dabaluu dhaan koppii xalayaa embasii Ameerikaa kan Finfinnee jirutti galchan illee gaazexeessotaaf raabsaniiru.

Embasichaaf yeroo dhiyootti gara Finfinnee kan dhaqan presidenticha Ameerikaa Barack Obamaaf xalayaan barreeffame daawwannaan kun paartii biyya bulchu qofaa kan ofitti haammata akka hin taane kan gaafatu.

Presidentichi gara Itiyoophiyaa dhufuuf kan murteessan filannoon bara 2007 haala dimokraatawaan bifa hin xumuramnee fi mirgi namaa guutummaatti yeroo itti dhiitametti ta’uu paartileen kun gaazexeessotaaf ibsaniiru. dhfuun isaanii erga hin hafnee garuu presidentichi mormitootas haasofsiisuu qabu jedhan. Presidentiin EDEPA Dr. Caannee Kebedes isuma kana ibsan.

Filannoon bara 2007 ka nagaa fi dimokraasii utuu hin ta’in kan xumuramee fi uummata Itiyoopiyaa kan gaddisiise mirga namaa guutummaatti kan cabse waan ta’eef, haalli uumamee utuu jiruu Itiyooopiyaa daawwachuuf karoorfamuun dogoggora ta’uu isaa ibsuu feena.

Kanumti iyyuu ta’ee Itiyoopiyaa dhufu taanaan paartii biyya bulchu haasofsiisuun isaanii waan hin hafneef jecha nuunis kanneen kabajamuu mirga namaaf dhaabanneerra jennu humnootii mormitootaas gaaffii keenya dhaga’anii uummata Itiyoopiyaaf ibsa barbaachisu akka kennan gaafanna jedhan.

Presidenti Barack Obamaan mormitoota akka haasofisiisan kan nuti gaafanne nama marii geggeesseeutti amanan a’uu isaanii waan hubannuuf jechuu dhaan paartileen kun beeksisaniiru. Kanaaf jecha haala biyyattii waa’een Itiyooopiyaa nu galcha lammiiwwan jedhan mara biraa hubachuuf yaalii godhu abdii jedhu qabaachuu isaanii kan ibsan presidentii paartii Raiy Itiyoophiyaa obbo Teshale Sebru ti.

Mootummaa IHADEG akka haasofiisan beekameera. Ajendaanis qabamee jira. Biyyi Itiyoopiyaa jedhamtu kan mootummaa fi paartii biyya bulchuu-tii? jedhanii gaafachuun ni danda’ama.

Kanaaf qaama biyyattii kan taane jirra. Nuti mormitoonni akka heerri eeyamutti hundeeffamne. Qooda mormidtoonni fi waa’een Itiyoopiyaa nu galcha jedhan maraa ilaalchisee maal yaaddu? Jedhanii gaafachuun waan danda’amu  natti fakkaata jedhan.

Haalli mirga namaa Itiyoopoiyaa keessa jiru angawoota mootummaa Ameerikaa jalaa kan dhokate natt hin fakkaatu kan jedhan presisentiin MEAD obbo Abebqw Mehari ti. Gabaasi ministriin dhimma alaa Ameerikaa torbanneen darban keessa baase illee isuma kana kan cimsu jedhan. Presidentichi gara Finfinnee ennaa dhufan gabaasa ministrii isaanii kan dhimma alaa fidanii dhufu jedhanii kan abdatan ta’uu obbo Abebaw dubbataniiru.

President Obamaan ministeerri isaanii kan dhimma alaa dhiittaa mirga namaa hamaan Itiyoopioyaa keessatti geggeessamu isaa gabaasa baasee jira. Namoota gabaasa sana baasan hedduu galateeffanna. Eenyu hidhamee akka jiru, eenyu murtii haqaa akka dhabe, tokko tokkoon baasaniiru. Sun baay’ee gaarii dha. Kanaaf president Obamaan ennaa as dhufan gabaasa ministeerri dhimma alaa kan isaanii baase fidanii dhufu jedheen yaada jedhan.

Presidentiin Ameerikaa Barack Obamaan Ethiopia daawwachuun isaanii erga dhaga’amee qabee akkuma paartilee mormituu jaarmoliin mirga namaa kan sadarkaa addunyaa yaadawwan adda addaa kennaa jiran. Haalli mirga namaa Ethiopoiaa keessaa yaaddessaa dha jedhu jaarmoliin kun. President Obamaan Finfinnee ennaa dhaqanis mata duree kana akka kaasan gaafataa jiran.

Presidentichi Itiyooppiyaa daawwachuu isaani ilaalchisuun qeeqawwan dhiyaataa jiran ilaalchisee kan gaafataman dubbi himaan ministrii dhimma alaa Tewelde Mulugeta kun dhugaa jiru hin mul’isu jedhan.
Daawwannaa kana ilaalchisee yaada qaamotii adda addaa kennan kan ilaaleen sun dhimma isaanii ti. Sun murtii isaaniif dhiifamuu qaba. Waanti barbaachisaan himannaan haala qabatamaa jiru irraa adda ta’uu isaa ti. Kanaaf dhugaan jiru ofii isaaf ni dubbatan jedha ani jedhan.

Har’a ibsa kan kennan paartileen mormituu sadii yaadawwan walitti isaan fidu irratti waliin hojjechuu kan itti fufan ta’uu beeksisan.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago