Berhanu Hundee
Barreeffamni kun waan dheeraa ta’eef, akka dubbistoota hin nuufisneef, kutaa afuritti addaan baasee akkan dhiyeessu dursee dubbistoota beeksisuun barbaada. Isaaniis matadureelee xixiqqoo (sub-topics) armaan gadii kanaan dhiyaatu.
Xumurarrtti barreeffama guutuu PDFn dhiyeessuun yaala
Kutaa Tokkoffaa
Seensa/Dura-dubbii
Dhimmi keenyaayyuu kan walxaxaa ta’e meeqa osoo jiruu maaliif waayee Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) kaasta jedhanii, namootni na gaafachuu malu. Haa ta’u malee, waayeen ABUT dhimma Tigraay ta’ullee, dhimmi kun dhimma Oromoo wajjin bakkee walittihidhannaa qabu waan jiruuf, isa kana kaasuun barbaachisaa dha jedheen yaada. Namootni tokko tokko, akkan Wayyaaneedhaaf quuqamee, dhimma kana kaaseetti laaluu malu. Kaayyoon barreeffama kanaa garuu Wayyaanee deeggaruu fi isaaniif quuqamuu kan agarsiisuu miti. Wayyaaneen ykn ABUT diina Oromoo ykn diina QBO akka turte kan seenaan ragaa ta’uu dha. Haa ta’u malee, ABUT uummata keenyarratti miidhaa geessisaa kan turan kophaa isaanii miti. Kan caalaa uummata Oromoo miidhaa ture fi ammas jiru dhaaba Wayyaaneen ijaarte, OPDO kaleessaa fi PP har’aa akka ta’e hirraanfatamuu hin qabu.
Dararama uummata keenyarra gahaa ture fi ammas jiruuf addadurummaadhaan kan itti gaafatmu OPDO/PP dha. OPDOn ashkaroota ABUT ta’anii tajaajilaa waan turaniif, qajeelchi fi ajajamni baddaarraa (ABUTrraa) haa kennamuuf malee, kan gochaa diinummaa hojjechaa turan isaanuma OPDO dha. Dhugaan kun dagatamuu hin qabu. Badii hojjetamaa tureef hundi isaaniituu walumaan ittigaafatamu. ABUT ittigaafatamaa ta’ee, OPDOn waan kana jalaa bahuuf sababni tokkollee hin jiru. Hundi isaaniituu yakkamtoota seenaa ti. Osoo seeratti kan dhiyaatan ta’anii, hundi isaaniituu walqixxuma yakkaan adabamu malee ABUT ittigaafatamee, OPDOn jalaa hin baatu. Ammas irra deebi’ee dubbistoota hubachiisuuf, akka Oromoon ABUTf hin quuqamne kan mirkaneessan, mee waan Wayyaanee fi OPDOn uummata Oromoorraan gahaa turan tokko tokko akka fakkeenyaatti haa yaadannu.
Kuni hunduu kan raawwatame olaantummaa ABUT fi ergama OPDO jalatti waan ta’eef, hundi isaaniituu diina uummata Oromoo ti yoo jedhame dhara hin ta’u. Dogongora tooftaa fi tarsiimoorraa kan ka’e, qabsoo hadhooftuu Qeerroo fi Qarreen Oromoo godhaniin injifannoon argame garuu humnoota birootiin butamee; bara 2018 OPDOn aangootti dhuftee kunoo akkuma dur barte fi yeroo kamiiyyuu caalaa uummata keenya dararaa jirti. OPDOn kaleessaa fi PPn har’aa, akka waan ofiisaaniitiin qabsaa’anii Wayyaanee (ABUT) injifataniitti of laaluudhaan bookkisaa jiru. Kan sadarkaa kanaan isaan gahani fi aangoo kanatti isaan fidan garuu kuun ajjeefamanii, kuun immoo mana hidhaa keessa jiru. Egaa, dhugaan kun yoo laalamu OPDOn/PPn diinummaan isaanii ABUT ol malee isaanii gadii miti jechuu dha.
Ergan seensa/dura-dubbii gabaabinaan ibse booda, mee gaafiilee armaan gadii, kan qabiyyee barreeffama kanaa ta’an kaaseen yaada koo ibsuu yaala. OPDOn/PPn hoggantoota ABUT kaan qabne, kaan ajjeefne, kaanis barbaadaa jirra jechaa jiru. Hunduu yeroo eeggatu malee warri dhiiga uummataatiin harka dhiqachaa turani fi jiran booddeen isaanii tokkuma. Hireen isaaniis walfakkaataa dha. Haa ta’u malee, waraana amma naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru yoo laalle, gaafiilee hedduun akka ka’an godha. Gaafiilee kana keessaa muraasni kan armaan gaditti tarreeffaman kana.
ABUT saba Tigraayif akka ABO saba Oromoo yoo ta’u; hoggantootni isaa immoo gootota saba kanaa ti
Jaalatamus jibbamus, amanamus dhiisus dhugaan jiru ABUT gaachana saba Tigraayi. Isatu saba/uummata kana sirna nama-nyaataa Darguu jalaa bilisa baase. Hoggantootni ABUTs bilisummaa uummata isaaniitiif jedhanii kuun barumsa addaan kutanii bosonatti galuudhaan yeroo dargaggummaa isaanii qabsoo kana keessatti dabarsan. Erga bara 1991 biyya Itoophiyaa tana dhuunfatanii; aangoo olaanaa qabatanii; olaantummaa isaanii mirkaneeffatan booda, fedhii saba isaanii caalaa kan dhuunfaa isaanii guuttachuuf waan barbaadan hundaa godhanii; achumaanis daangaa malee duroomanii jiru. Haa ta’u malee, xinnaatullee Naannoo isaaniitiifis waa hedduu hojjetaniis jiru. Kanaaf uummatni Tigraay galata guddaa isaanirraa qaba jedheen yaada. Qabamanii salphachuun, ajjeefamuu fi dararamuun hoggantoota ABUT uummata Tigraa hedduu aarsa, ni dallansiisa, xiiqii keessa galchee akka falmii hadhaawaa godan taasisa malee, gochaa PP kana jaalatanii fudhatanii, isaan jalatti waan bulan natti hin fakkaatu.
Qabamuun fi ajjeefamuun hoggantoota ABUT kun injifannoo PP tii?
Sababa kamiinuu ta’u waraanni ABUT fi PP jidduttii eegalamee, ammallee deemaa jira. Waraana tokko keessatti immoo injifataa fi injifatamaan waanuma jiruu dha. Miidhaan hangamuu gara lamaanirra yoo gahe, hanga waliigaltee godhanii waraan hin dhaabnetti, yoo waraanni ittifufe, boodarra humni tokko injifachuun hin oolu. Kanaafuu, erga namoota tokko tokko qabanii fi kaan ajjeesanitti, yeroodhaafis ta’u PPn akka humna injifataatti oflaaluu danda’a. Kan isaan godhaa jiranis kanuma. Haa ta’u malee, akka laalcha kiyyaatitti, waraana kana kessatti ammaaf injifataas ta’ee injifatamaan hin jiru. Hoggantootni ABUT kun akkamitti akka qabamani fi ajjeefaman kan agarsiisu maddi walaba ta’e fi ragaa amansiisaan hin jiru. Akka odeeffannoon tokko tokko agarsiisutti, warri qabamanis ta’ee kan ajjeefaman kun cimina PPtiin osoo hin taane gantuuleen ABUT keessa jiran tokko tokko akka waan bakkee/iddoo jarri kun turan saaxilaniitti himama.
Waayeen gantummaa kuni immoo karaa lamaan ta’uu hin oolu jedhama. Tokkoffaa, akkuma yaadatamu, PPn nama bakkee jarri kun jiran himuu danda’eef qarshii miliyoona 10 (ETB 10,000,000) akka badhaasu himee ture. Lammaffaa, erga ABUT qabsoo Qeerrootiin Finfinnee keessaa baatee, gara Maqaleetti galte booda fi sana duras hoggantoota jidduu walittigaarreffannaan akka ture himama. ABUT keessatti gareen lama akka uumame odeeffama jechuu dha. Fakkeenyaaf, Sibihaat Naggaa fi Azeeb Mesfin (Haadhawarraa Mallas) jidduu duraanuu EFFORT keessatti walittigaarrefannaan akka ture odeeffamaa ture. Egaa, qabxiiwwan kana lamaan walittifidnee yoo laalle, sababa kamiinuu haa ta’u ABUT keessa walqoqqooduun waan jiruuf, walganuunis akkasuma jiraata jechuu dha. Walganuu keessatti immoo tokko kan biraa balleessuuf akka carraaqu kun waanuma lafarra jiruu dha. Yoo karaa kanaan laalame fi hubatame, qabamuu fi ajjeefamuun jaraa akka PPn dhaadattutti humna ishiitiin qofaa osoo hin taane gargaarsa biraatiin waan ta’e fakkaata. Kanaaf, kun injifannoo PP ti jedhanii yaaduun nama rakkisa.
QABAMUU FI AJJEEFAMUU HOGGANTOOTA ADDA BILISUMMAA UUMMATA TIGRAAY (ABUT)
Berhanu Hundee
Kutaa lammaffaa
Waraanni kun xumuramee jiraa ykn xumuramuu danada’aa?
Waraanni kun ammallee deemaa akka jiru dabree dabree ni dhagahama. Eenyu akka caalaa miidhamaa jiru garuu wanti beekamu hin jiru. Lakkoofsi namoota waraana kana keessatti wareegamanii xiqqaa akka hin taanes ni tilmaamama. Kan baroota 1998 hanga 2000tti dangaa Itoophiyaa fi Eertiraa irratti wareegamanii gadi hin ta’u warri jedhan jiru. Kana ammaaf beekuun garuu baay’ee rakkisaa dha. Kan ta’es ta’uu hoggantootni ABUT qabamuu fi ajjeefamuu malee waraanni xumuramuu PPnuu hin ibsine. Gama Tigraayis wanti ibsame hin jiru. Kanaafuu waraanni kun deemaa akka jiru mirkaneessa jechuu dha.
Gaafiilee waraanni kun xumuamuu ni danda’aa?fi Yoom xumurama? kan jedhaniif, ana akka natti fakkaatutti waan yeroo gabaabaa keessatti xumuramuu danda’uu miti. Yeroo dheeraa jechuun waggoota dheeraa deemuu danda’a. Maaliif yoo jedhame, waraanni kun idileedhaan xumuramullee, karaa lafa jalaatiin ittiffufuun isaa waan ooluu miti. Karaa riphe loltummaatiin immoo uummatni Tigraay kutannoo fi murannoos ta’ee mooyxannoo bara dheeraa waan qabaniif, hanga bu’aa tokko argamsiisanitti lola hin dhaaban. Dabalataan immoo hoggantootni isaanii qabamanii akkanatti salphachuu fi akkaataa kanaan ajjeefamuun dhaloota xiiqii keessa galchee, akka isaan qabsoo hadhaawaa godhan taasisa. Kanaaf, gabaabumatti waraanni kun ammaaf xumuramuu hin danda’u; yoom akka xumuramus hin beekamu.
Carraan ABUT kana booda maal ta’a?
Gaafii kana yoon kaasu dhimma keenya dhimma ABOtu sammuu kiyya keessa dhufa. Hoggantootni ABO olaanoo ta’an, bara 1980 keessa shiftoota Somaaliyaatiin guyyaa tokkotti rashamanii bool’a tokkotti gataman. Kanaaf ergasii kaasee guyyaan gootota Oromoo ayyaaneffatamaa jira. Yeroo hoggantootni bakka tokkotti dhuman sana, ABOn balaa sanarraa dandamatee akka jaarmayaatti ni jiraata jedhamee hin yaadamne ture. Garuu jaarmayaan kun kunoo har’allee jira. Osoo jaarmayaan kun badeeyuu uummata Oromootiif afuura waan ta’eef bara baraan jiraata. Dhaloota dhufaa dabrantu isa yaadata. ABUTis akkasuma. Har’a hoggantootni isaa dhumanillee jaarmayaan kun hin badu; baduullee hin danda’u. Yeroodhaaf garuu hanga PPn olaantummaa ishii agarsiisuu yaaltutti ABUT laaffachuu danda’a; gonkumaa baduu garuu hin danda’u. Dhaloota biraatiin yookaanis bifa biraatiin ittifufa ta’a malee baduun isaa waanuma hin yaadamnee dha jedheen amana. Maaltu beeka, waraana kanarraa dandamatanii, deebi’anii cimuu danda’u. Hundumaa arguuf teenya.
Uummatni Tigraay qabamuu fi ajjeefamuu hoggantoota ABUT akkamitti laala? Egereen Tigraay maal ta’uuf deema?
Akkuma baddaatti gabaabinaan ibsame, hanguma fedhan hoggantootni ABUT balleessaa qabaatanillee; hanguma fedhan fedhii saba isaanii dura fedhii dhuunfaa isaanii guuttachaa turanillee, hamma tokko uummata kanaafiis ykn Naannoo kanaaf waa hedduu waan hojjetaniif, uummata Tigraayirraa galata qabu. Karaa biraatiin yoo laalame immoo, ABUT fi hoggantootni isaa uummata Tigraayiif mallattoo bilisummaa ti. Uummatni Tigraay ittin boona. Qabsoo ABUTn durfamu keessatti uummatni Tigraay ilmaan isaa kumaatamootaan lakkaawaman dhabee jira. Haa ta’u malee kan bilisummaa isaa goonfate jaarmayaadhuma kanaani. Kanaafuu, yeroo hoggantootni isaa haala kanaan qabamanii salphatanii fi ajjeefaman lammiileen Tigraayi garaan isaanii gubachuun waan ooluu miti. Ammaaf humna dhabanillee seenaaf galmeeffatan. Gaafa deebi’anii humna horatan, madaa dabre sana yaadatanii xiiqii keessa galan. Salphachuun hoggantoota isaa, salphachuu saba kanaa akka ta’eetti laalu. Uummata seenaa qabu fi seenaa isaatiin boonu waan ta’eef, seenaa boonsaa sana xureessuu hin barbaadan. Kanaafuu PP akka diina saba kanaatti laalu jechuu dha.
Egreen Tigraayi xumura waraana kanaatiin murtaa’a jedheen yaada. Maal jechuu dha? Uummatni kun har’a waraan kana keessatti hedduu miidhamee jira; biyya isaarraa baqatee jira; biyya ofiirratti salphatee jira; ijoolleen isaa dhumanii jiru; qabeenyi isaas saamamee jira. Wanti irra hin gahin hin jiru. Kanaaf kana booda PP wajjin waliigalee, nagaan ni jiraata jedhanii yaaduun hin danda’amu. Kana booda keessumaayuu sirna Nafxanyaa jalatti deebi’ee akka qama Itoophiyaatti waan of laalu natti hin fakkaatu. Yeroofis ta’u yoo PPn ykn Nafxanyootni waraana kana injifatanii deebi’an (hubadhaa: waraanni kun garuu hin xumuramu), kana booda Tigraayi nagaa fi tasgabbii argattee hin jiraattu. Dirree jeequmsaa taatee ittifufti jechuu dha. Karaa biraatiin yoo laalame immoo, humnaanis ta’ee akka tasaa; karaadhuma fedheenuu haa ta’uu yoo loltootni Tigraayi waraana kana injifatanii humnaa’anii as bahan, Tigraayi walaba taate ijuuruun filannoo osoo hin taane dirqama ta’a jedheen yaada. Haa ta’u malee, yoo humnootni Federaalizimii naannolee hafanii cimanii sirna Nafxanyaa kana hundeen buqqisan, Tigraayi wallaba taate ijaaruun barbaachisaa hin ta’u ta’a?
Waraana kana duras ta’ee isa keessatti dogongorri hojjetame maali?
Akkuma yaadatamu, fakkeessuufis ta’e dhugumatti nagaa barbaadanii ta’uun isaanii beekamuu baatullee, PPn hoggantoota ABUT tti jaarsummaa ergaa turte. Sababa maaliitiin osoo hin milkaa’in akka hafe beekamuu baatuus, ana akka natti fakkaatutti oftuulummaa hoggantoota ABUT irraa kan ka’ee ta’uu mala tilmaama jedhun qaba. Osoo humna isaanii sirriitti hin tilmaamin waan lafumaa ka’anii dhaadachaa turan natti fakkaata. Akkuma seenaa biyya Itoophiyaa tana keessatti beekamu, yeroo hundaa abbootiin irree humna malee dhaadachaa, oftulummaadhaan osoo bokokanuu booda hallayyaatti galu. Hoggantoota ABUTis isuma kanatu isaan qunname natti fakkaata. Yeroo waa hundaa harkaa qabna; meeshaalee waraanaas gurguddoo hedduu qabna jechaa dhaadatan sana, tarii akka PPn humnoota ollaa (kan akka Eertiraa fi Somaaliyaa) daboo ittibaastu hin hubanne ta’a. Kanaaf, waan dogongoran natti fakkaata.
Karaa warra PPtiin yoo laalle immoo, isaaniis yeroodhaaf diina isaanii (ABUT) injifachuuf jedhanii humnoota alaa biyyatti galchuun; keessumaayuu humnootni Eertiraa Itoophiyaa seenanii waraana kanarratti hirmaachuu fi qabeenyas saamuun isaanii akka Addunyaan PP ija fi qalbii keessa galafttu taasise. Kuni immoo balaan isaa amma osoo hin taane booda mul’ata. PPn rakkoo keessaa hin baane keessa galuuf teessi. Kanatti dabalamee immoo qorannoon walaba ta’e akka hin gaggeeffamne PPn dhoowwuun (dhorkuun) ishii xiyyeeffannaa Addunyaa keessa ishii galchee jira. Dhiibbaa wanti kun hunduu qabu suuta suuta mul’achaa jira. Fakkeenyaaf gamtaan Awuroophaa gargaarsa Itoophiyaaf kennamuuf saganteeffame dhaabuun mallattoo isa tokkoo dha. Wanti baddaatti ibsame kun dogongora guddaa PPn hojjettee dha. Ammaaf itti hin fakkaatu malee, booda kisaaraa keessa galuuf deemu jechuu dha. Gochaan ykn dogongorri PP kun karaa diploomaasiitiin ABUTiif bu’aa qaba.
QABAMUU FI AJJEEFAMUU HOGGANTOOTA ADDA BILISUMMAA UUMMATA TIGRAAY (ABUT)
Berhanu Hundee
Kutaa Sadaffaa
Carraan ABUT kana booda maal ta’a?
Gaafii kana yoon kaasu dhimma keenya dhimma ABOtu sammuu kiyya keessa dhufa. Hoggantootni ABO olaanoo ta’an, bara 1980 keessa shiftoota Somaaliyaatiin guyyaa tokkotti rashamanii bool’a tokkotti gataman. Kanaaf ergasii kaasee guyyaan gootota Oromoo ayyaaneffatamaa jira. Yeroo hoggantootni bakka tokkotti dhuman sana, ABOn balaa sanarraa dandamatee akka jaarmayaatti ni jiraata jedhamee hin yaadamne ture. Garuu jaarmayaan kun kunoo har’allee jira. Osoo jaarmayaan kun badeeyuu uummata Oromootiif afuura waan ta’eef bara baraan jiraata. Dhaloota dhufaa dabrantu isa yaadata. ABUTis akkasuma. Har’a hoggantootni isaa dhumanillee jaarmayaan kun hin badu; baduullee hin danda’u. Yeroodhaaf garuu hanga PPn olaantummaa ishii agarsiisuu yaaltutti ABUT laaffachuu danda’a; gonkumaa baduu garuu hin danda’u. Dhaloota biraatiin yookaanis bifa biraatiin ittifufa ta’a malee baduun isaa waanuma hin yaadamnee dha jedheen amana. Maaltu beeka, waraana kanarraa dandamatanii, deebi’anii cimuu danda’u. Hundumaa arguuf teenya.
Uummatni Tigraay qabamuu fi ajjeefamuu hoggantoota ABUT akkamitti laala? Egereen Tigraay maal ta’uuf deema?
Akkuma baddaatti gabaabinaan ibsame, hanguma fedhan hoggantootni ABUT balleessaa qabaatanillee; hanguma fedhan fedhii saba isaanii dura fedhii dhuunfaa isaanii guuttachaa turanillee, hamma tokko uummata kanaafiis ykn Naannoo kanaaf waa hedduu waan hojjetaniif, uummata Tigraayirraa galata qabu. Karaa biraatiin yoo laalame immoo, ABUT fi hoggantootni isaa uummata Tigraayiif mallattoo bilisummaa ti. Uummatni Tigraay ittin boona. Qabsoo ABUTn durfamu keessatti uummatni Tigraay ilmaan isaa kumaatamootaan lakkaawaman dhabee jira. Haa ta’u malee kan bilisummaa isaa goonfate jaarmayaadhuma kanaani. Kanaafuu, yeroo hoggantootni isaa haala kanaan qabamanii salphatanii fi ajjeefaman lammiileen Tigraayi garaan isaanii gubachuun waan ooluu miti. Ammaaf humna dhabanillee seenaaf galmeeffatan. Gaafa deebi’anii humna horatan, madaa dabre sana yaadatanii xiiqii keessa galan. Salphachuun hoggantoota isaa, salphachuu saba kanaa akka ta’eetti laalu. Uummata seenaa qabu fi seenaa isaatiin boonu waan ta’eef, seenaa boonsaa sana xureessuu hin barbaadan. Kanaafuu PP akka diina saba kanaatti laalu jechuu dha.
Egreen Tigraayi xumura waraan kanaatiin murtaa’a jedheen yaada. Maal jechuu dha? Uummatni kun har’a waraan kana keessatti hedduu miidhamee jira; biyya isaarraa baqatee jira; biyya ofiirratti salphatee jira; ijoolleen isaa dhumanii jiru; qabeenyi isaas saamamee jira. Wanti irra hin gahin hin jiru. Kanaaf kana booda PP wajjin waliigalee nagaan ni jiraata jedhanii yaaduun hin danda’amu. Kana booda keessumaayuu sirna Nafxanyaa jalatti deebi’ee akka qama Itoophiyaatti waan of laalu natti hin fakkaatu. Yeroofis ta’u yoo PPn ykn Nafxanyootni waraan kana injifatanii deebi’an (hubadhaa: waraanni kun garuu hin xumuramu), kana booda Tigraayi nagaa fi tasgabbii argattee hin jiraattu. Dirree jeequmsaa taatee ittifufti jechuu dha. Karaa biraatiin yoo laalame immoo, humnaanis ta’ee akka tasaa; karaadhuma fedheenuu haa ta’uu yoo loltootni Tigraayi waraana kana injifatanii humnaa’anii as bahan, Tigraayi walaba taate ijuuruun filannoo osoo hin taane dirqama ta’a jedheen yaada. Haa ta’u malee, yoo humootni Federaalizimii naannolee hafanii cimanii sirna Nafxanyaa kana hundeen buqqisan, Tigraayi wallaba taate ijaaruun barbaachisaa hin ta’u ta’a?
Waraana kana duras ta’ee isa keessatti dogongorri hojjetame maali?
Akkuma yaadatamu, fakkeessuufis ta’e dhugumatti nagaa barbaadanii ta’uun isaanii beekamuu baatullee, PPn hoggantoota ABUT tti jaarsummaa ergaa turte. Sababa maaliitiin osoo hin milkaa’in akka hafe beekamuu baatuus, ana akka natti fakkaatutti oftuulummaa hoggantoota ABUT irraa kan ka’ee ta’uu mala tilmaama jedhun qaba. Osoo humna isaanii sirriitti hin tilmaamin waan lafumaa ka’anii dhaadachaa turan natti fakkaata. Akkuma seenaa biyya Itoophiyaa tana keessatti beekamu, yeroo hundaa abbootiin irree humna malee dhaadachaa, oftulummaadhaan osoo bokokanuu booda hallayyaatti galu. Hoggantoota ABUTis isuma kanatu isaan qunname natti fakkaata. Yeroo waa hundaa harkaa qabna; meeshaalee waraanaas gurguddoo hedduu qabna jechaa dhaadatan sana, tarii akka PPn humnoota ollaa (kan akka Eertiraa fi Somaaliyaa) daboo ittibaastu hin hubanne ta’a. Kanaaf, waan dogongoran natti fakkaata.
Karaa warra PPtiin yoo laalle immoo, isaaniis yeroodhaaf diina isaanii (ABUT) injifachuuf jedhanii humnoota alaa biyyatti galchuun; keessumaayuu humnootni Eertiraa Itoophiyaa seenanii waraana kanarratti hirmaachuu fi qabeenyas saamuun isaanii akka Addunyaan PP ija fi qalbii keessa galafttu taasise. Kuni immoo balaan isaa amma osoo hin taane booda mul’ata. PPn rakkoo keessaa hin baane keessa galuuf teessi. Kanatti dabalamee immoo qorannoon walaba ta’e akka hin gaggeeffamne PPn dhoowwuun (dhorkuun) ishii xiyyeeffannaa Addunyaa keessa ishii galchee jira. Dhiibbaa wanti kun hunduu qabu suuta suuta mul’achaa jira. Fakkeenyaaf gamtaan Awuroophaa gargaarsa Itoophiyaaf kennamuuf saganteeffame dhaabuun mallattoo isa tokkoo dha. Wanti baddaatti ibsame kun dogongora guddaa PPn hojjettee dha. Ammaaf itti hin fakkaatu malee, booda kisaaraa keessa galuuf deemu jechuu dha. Gochaan ykn dogongorri PP kun karaa diploomaasiitiin ABUTiif bu’aa qaba.
Hawaasotni fi mootummootni Addunyaa waraana kana akkamitti laalu/hubatu?
Hawaasotni fi mootummotni Addunyaa waraana tokko keessatti kan xiyyeeffannaa kennan yoguma namootni qayeerraa buqqa’anii gara baqachuutti deemanii dha. Hanguma lakkoofsi baqattootaa baay’achaa deemu caalaatti xiyyeeffannaa argata. Dhimmi baqattootaa baay’ee isaan yaaddessa. Kanaaf qaamni walaba ta’e tokko biyya seenee akka qorannoo gaggeessu gaafatu. Hoggantootni ABUT osoo waraanni hin calqabin dura araara PPn gaafatte didanillee, yeroo waraaanni qophii keessa jiru fi calqabe booda, akka waan karaa nagaa barbaadaniitti ofdhaadhessaa turan. Gama kanaan Addunyaarraa xinnoo hubannoo akka argatan waan taasise fakkaata. Kuni karaa diploomaasiitiin akka isaan gargaaru tooftaaf ta’ullee, yeroodhaaf garuu bu’aan isaan argatan hin jiru.
Karaa biraatiin immoo, akka miidiyaa hawaasummaarratti mula’chaa ture fi jirutti namootni alaa tokko tokko yeroo isaan PP qeeqantu hubatama. Kan isaan ittiin qeeqaman keessaa inni tokko, PPn daboo barbaaduuf jettee humnoota hidhatan Eertiraa fi Somaaliyaarraa gara naannoo Tigraay akka galchitee dha. Kuni ija Addunyaatiin birmadummaa biyyaa ykn naannoo tokkoo cabsuu waan ta’eef, fudhatama hin qabu. Karaa diploomaasiitiin yoo laalame, dhimmi kun PP dhaaf kisaaraa dha. Gochaan kun hawaasota fi mootummoota Addunyaa tokko tokko waan aarse fakkaata. Akkuma barreeffama kana keessatti bakkee tokkotti tuqame, waraanni PPn gaggeessitu kun sirrii waan hin taaneef, fakkeenyaaf gamtaan Awuroopaa (EU) gargaarsa silaa Itoophiyaadhaaf karoorfame akka dhaabu murteessuu isaa ti.
– Ittifufa –
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…