Categories: Oduu Oromiyaa

Qabeenyi garee Shanee ABO kan “madda Galii Addaa” jedhamuun beekamu kan kutaa SKANDINIVIA Saamame.

Qabeenyi garee Shanee ABO kan “madda Galii Addaa”  jedhamuun beekamu kan kutaa SKANDINIVIA Saamame.

Akkuma yaadatamutti bara 2004 kessa yeroo warri ABO hogganaa turan aangoo irratti waljijjiiran Qabeenyaafii waraanaas addaan qoddachuun gamni tokko waraana bilisummaaf bahee gama biyyaa akka galan yeroo godhu  ummanni Oromoo kan lubbu jijjirraa hinqabneefi hidhaa cafaqamuufii biyyarraa ari’amu qabeenyaas itti dhabaa ture. WBO qawwee irkiftu yeroo arkan bakka jiran hundaa gaddaan liqinfameeti ture.

Gareen aangoo fudhatte waraana hanga tokko fudhaatee caasaafii sagantaa siyaasaa haarayatti diriirfachuu jalqabde.Ummanni Oromoo fedhiifii hamuuna qabsoof qaburraa kan ka’een waan deemaa jiru hubachuu hindandeenye yeroof. Garuu duraandursee biyya kessaafii alattiis namoota garee aangoo fudhatteef amanamoo tahan filachuufii bakka namoonni amanamoon hinjirretti nama isaanii miseensa gochuu irratti xiyyeeffatan yeroo tana namoota gosa warra aangoo fudhatteetiifii ganda tokko tahaniif lotoorin baateeti turte. Kan takka ABOti miseensomu hin’yaadin carraa kanatti fayyadamuun gara aangootti sissiquu jalqabe.

Warreen sadarkaa duraatti halduree barbaadamu tan gandummaafii gosummaasan guutan kessa Qondalli ABO kan kutaa SKANDINIVIA akkan beekkamnetti hogganan isa tokko, inni kun maqaa koree “madda galii addaa” ABO kan kutaa SKANDINIVIA ja’ameeti aangoo badhaafame,  angoo qofa osoo hintaane horiinis itti dabalameefiiti jira sababaa dhaabni madda galii kan addaan hincinne qaabaachu qaba jedhauutiin kun yeroo godhamu HAYYU duree malee namni toohatu tookolleen hinjiru wanti horiin ykn maalaqni itti dabalameef akka( taxi) bitanii hojjachiisanii horii irra arkamu dhaabaaf godhamu jedhaniiti ture. Hatahuu  hujiin tun hanga bara 2013tti bara keesa yoroo tokko qondaalli kun gama Asmaraa deemaati ture jedhama. Hata’uu malee dhuma bara 2013 irraa jalqabee haga arraatti wanti odeefamaa jiruu horiin dhaabaa kan Qondaala kana biratti kuufamee jiru qabamuu isaa nuuf gabaasaati jiru.

Warri itti dhiheenyaan keessa beekan sababaan horiin kun qabameef Qondaalli kun akka waan qabsoof deemuu fakkeeysuun Haadha manaa isaa sobee barabaraan gama Asmaraa deemee sagaggaalumman ilmaan akka horaa  jiru yeeroo hubatteetii gama Mootummaa iyyattee qabeenya waliin qaban hunda akka tohannaa mootummaa jala ooluuf gooteeti jirti .Mootummaaniis akkuma iyyannaan isaan gaheen  horiin baanki keessa jiru’ manafii Taxileen hundi akka hinsossoone godheeti jira haatahuu malee horiin dhaaba hangam takka akka tahee namni sirritti beeku hinjiruu waan duraanu nama horii kana toohatu hinqabneef. Garuu horiin kun akka himamutti gara Dolari kuma saddettamati (80’000) jedhama. Kana qofaami Qondaalli kun gama Asmaraa yeeroo deemu hunda osoo WBOn beela’ee dheebotaa jiru isaafii Qondaalonni hagaa fira/ganda isaa ta’an kan achi jiran hundii Hotela irra nannayuun akka bashannanaa turan ragaaleen achiirra argaman ni ibsu. Haatayuutii yoo barbaachisaa ta’ee ragaalee kanafii waan oduu horii kanaa dabaree itti aantutti qabannee isiiniif dhihaanna.

Miseensoota ABO SKANDINIVIA.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago