Categories: Yaada

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?


– MARSAA LAMMAFFAA – Lakkoofsa Kudha-afraffaa 

Berhanu Hundee 

Dhimman har’a dhiyeessuu barbaadutti osoo hin seenin dura, barreeffamni ani mata duree kanaan dhiyyeessaa ture baatii (ji’a) Hagayyaa as dhaabbatee ykn osoo ittihinfufin waan tureef, dubbistootni fi hordoftootni tokko tokko na gaafachaa turan. Sababni barreeffamni lakkoofsa kanaa turuu danda’eef dhiphina ykn hanqina yeroo waan ta’eef dubbistootni akka na hubatan barbaada. Ergan kana jedhe booda, dhimmoota yeroo ammaa mumul’achaa jiran laalchisee yaada koo dhiyeessa.  

Oromoon bilisoomuun hafee Oromoo fi Oromiyaan gaaga’ama keessa galanii jiru

Erga qilleensi jijjiiramaa biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti mul’atee as namootni hedduun Oromoon bilisoome jedhanii dubbachaa turan. Waan akkana jedhaniif sababa qabaatanillee, dhugaan lafarra jiru garuu faallaa kanaa ti. Oromoon bilisoomuun hafee, Oromoo fi Oromiyaan yeroo ammaa gaaga’ama guddaa keessa senaa jiru. Seenaa uummata Oromoo keessatti, Oromoon akka sabaas ta’ee uummataatti akka yeroo ammaa ifaa ifatti arrabsamaa fi salphachaa jirutti tuffatamees, salphatees hin beeku. Kuni hunduu kan ta’ee injifannoo ilmaan isaa argamsiisan humnootni biraa butuu (hijack godhuu) fi ittifayyadamuudhaan waa hundatti abbaa ta’uu dha. Kana kan goosisaa jiru immoo warruma qabsoo Qeerrootiin taayitaa fi aangootti dhufani dha. Warri masaraa Minilik seenanis waanuma jabina isaaniitiin achi galan fakkeessanii uummata isaan achiin gahetti qoosu, tuffatu, hidhu, ajjeesu, ittiroorrisu. Diinota Oromoo garuu gammachiisuuf waan isaan hin yaalle hin jiru; galgalaa ganama dhama’u.

Oromoo fi Oromiyaan yoomiyyuu caalaa rakkoo hamaa keessa kan galan; uummatni keenya nagaan bahee nagaan galuu kan dadhabe yeroo ammaa yeroo ormi isin abbaa dabareeti nuun jechaa nurratti duulaa jiranii dha. Osoo Oromoon abbaa dabaree ta’ee, gaafiilee isaa keessaa takkallee deebii argachuu ni danda’a ture. Gaafiin uummata Oromoo deebii argachuun hafee, waan qabsoo hadhooftuudhaan hanga ammaatti arganneeyyuu dhabuuf jirra. Sirni Federaalaa kan dhiiga fi lafee ilmaan Oromoo fi cunqurfamtootaatiin ijaarame sirna birootiin bakka buufamuuf irratti hojjetamaa jira. Warri nu cunqursaa fi nu saamaa turan, yoomiyyuu caalaa gurmaa’anii, balbala duubaatiin aangooti dhufuuf qophii xumuraa jiru. Seenaan irradeebi’ama akkuma jedhamu, har’as bar-dhibbe 21ffaa keessatti kan Oromoo gabroomsisuuf wixxifachaa jiran warruma nuti Oromoo dha ofiin jedhan gantoota fi galtoota haaraa dha. Tooftaa siyaasaa ti jedhanii uummata Oromoo sobaa fi sossobaa hallayyaatti nugeessuuf hojjechaa jiru. Haala hedduu ulfaataa ta’e keessa gallee jirra.

QBOn boqonnaa haaraa keessa galuu fi cimuun furmaata filannoo hin qabne ta’ee jira

Shira hojjetamaa ture fi jirutti hindammaqamne malee, erga diinotni keenya fi gargaartotni (Collaborators) isaanii tooftaa haaraadhaan QBO sakaaluu jalqabanii turee jira. Uummatni Oromoo jaarmayaa cimaa fi hogganaa cimaa akka hin qabaatne shirri adda addaa dalagamaa ture ammas ciminaa fi bifa adda ta’een ittifufaa jira. Shiroota kana keessaa inni tokko fi hangafti Oromoodhaaf bu’aa fiduu baatus jaarmayaa ADWUI diiganii ykn walitti baqsanii jaarmayaa haaraa kan EPP jedhamu ijaaruuf qophii godhamaa jiru dha. Akkuma yaadatamu, Obboo Jawaar dhimma kana laalchisee barreeffama dheeraa fi xiinxala bal’aa qabu dhiyeessee ture. Warri kanaan aaranii fi gammachuu hin qabne immoo dhaadachuu qofaatti osoo hin hafin lubbuu Jawaar galaafachuuf yaalii godhanii garuu inni kun fashalaa’e. Jawaar gorsas kennaafii isaan wajjin hojjechaa turullee, amma garuu isa akka diina jabaa tokkootti laalanii isa dhabamsiisuuf tattaaffachaa waan jiran fakkaata.

Jawaar dabree dabree dogongora tokko tokko hojjetullee, uummata Oromoo biratti waan jaalatamuuf akkasumas dhageettii fi fudhatamas waan qabuuf, aggaammii isarratti godhame kana keessatti uummatni isa bira dhaabbatee jira. Innis qabsoon tun boqonnaa biraatti ce’uu akka qabdu fi cimtu waan hubate fakkaata. Yoo karaa kanatti kan deebi’u ta’e immoo, shakkii tokko malee uummatni bal’aan Oromoo isa duuba hiriiruu. Fedhii biyyoolessaa uummata Oromootiif (Oromo People National Interest) dursa kennee kan hojjetu yoo ta’e, humna cimaa fi abdachiisaa ofduubaa akka qabu hubachuu isa feesisa. Uummatni bal’aan Oromoos keessumaayyuu immoo Qeerroo fi Qarreen yoomiyyuu caalaa qabsoo cimsanii; fedhiin uummata Oromoo akka guutu godhuun waan yeroon gaafattu ta’ee jira. Amma yeroon yeroo tokkummaadhaan dhaabbatanii; tumsa waliif ta’anii qabsoo kana sadarkaa biraatti ceesisan malee, yeroo waldura dhaabbatanii fi sakaallaa walitti ta’anii miti. QBOn bifa fi aayinaa haaraadhaan sadarkaa murteessaa ta’etti ce’uu qaba.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaatti 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

10 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

10 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

10 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

10 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

1 year ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

1 year ago