Categories: Yaada

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Jahaffaa

 

Barreeffamoota kutaalee shanan dabran keessatti qormaatota Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) kan kaleessa turan fi har’a jiran laalchisee dhimmootni tokko tokko  hanga tokko ibsamuu yaalamaniii jiru. Rakkooleen har’a mooraa QBO keessatti mul’atan harki caalaan isaanii kan hawaasota Oromoo biyya alaa keessatti hubatamanii dha. Dhimmoota QBOtti har’a qormaata ta’an keessaa osoo hin bahin, waan biyya keenya Oromiyaa keessa deemaa jiru laaluuf, barreeffamni kutaa kanaa fi kan itti aanan dhimma kanatti xiyyeeffatu. Sochii uummata Oromoo wajjin walqabatee, gahee ykn/fi qooda DhDUOn (OPDOn) qabu fi akkasumas waan diinni keenya godhaa jiran laalla.

Dhaabbatni Diimookraatawaa Uummata Oromoo (DhDUOn) QBO ni gargaara moo gufuu itti ta’a?

Yeroo ammaa kana akka dhagahamaa jirutti, DhDUOn isa kaleessaa tii miti; sochii uummata Oromoo gargaaraa jira; QBOfis tumsa ta’aa jiraa jedhanii warri haasa’an jiru. Ani garuu waan jedhamaa jiru kanarraa shakkiin qaba. Maaliif akkan shakku ibsuuf, duraan dusee, mee jaarmayaan kun akkamitti akka ijaarame, maaliif akka uumame, maal godhaa akka ture fi godhaas jiru gabaabsee ibsuun yaala. Dhugaa dha, wanti tokko akka kaleessa turetti har’a, akka har’a jiruttti boru argamuu hin danda’u ta’a. Kaleessi har’aa miti; ha’ris boru ta’uuf hin deemu jechuu kooti.

Seenaa jaarmayaa kanaa warruma seenaa barreesaniif dhiisee, garuu jaarmayicha kana laalchisee waan seenaan Oromoo ragaa bahu tokko tokkon kaasa. Akkuma beekamu, jaarmayaan kun jaarmayaa walaba ta’ee Sabboontota Oromootiin ijaarame osoo hin taane, dhaabbata diinni ittifayyadamuuf jedhee ijaaree dha. Kaayyoon ijaarsa dhaabbatichaas tokkoffaa, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ittiin dadhabsiisuuf; lammaffaa, dhaaba kanatti fayyadamanii Oromiyaa fi uummata Oromoo keessa seenuuf jecha karoora Wayyaanotni baafatan bakkaan gahuufi. Sababa kanaan dhaabni kun kan uummata Oromoo bakka bu’u osoo hin taane jaarmayaa Oromiyaa keessatti Wayyaanota bakka bu’e ta’ee diina tajaajilaa as gahe.

Haa ta’u malee, waggoota 25 dabran keessatti sababaalee adda addaatiin Sabboontotni Oromoo dhaaba kanatti akka dabalaman kunis waanuma beekamuu dha. Sabboontotni dhaaba kana keessa jiran immoo, kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan quuqama isaan uummata Oromootiif qaban karaalee adda addaatiin agarsiisaa turan. Haala kana keessatti sochiin uummata Oromoo bara 2015 yoo eegalu, kan dhaaba kana keessa dhokatee fi uukkaamamee ture akka gadi bahu taasise. Sochiin kun dhaaba kanarratti dhiibbaa guddaa uume jechuu dha. Sababa kanaan jaalataniis ta’ee osoo hin jaalatini, fedhaniis ta’ee osoo fedhii hin qabaatin, namootni tokko tokko gadi bahanii waan Sabboonummaa fi Oromummaa calaqqisan haasa’uu eegalan. Isaan keessaa kan adda durummaadhaan beekaman Obboo Lammaa Magarsaa ti.

Haasofni Obboo Lammaa dhugumatti kan akka dammaa mi’aawuu dha; kun shakkii hin qabu. Gaafii guddaan garuu haasawa mi’aawaa kana fi waan waadaa galan hojiidhaan agarsiisuu laalchisee wanti hamma kana ifatti mul’ate hin jiru yoon jedhe dhara hin ta’u. Dhugaa dha hoggansa Obboo Lammaa jalatti jijjiiramni xixiqqoon tokko tokko mul’atanii jiru. Jijjiiramani kun garuu hangam QBO deeggaruu danda’a kan jedhu mormisiisaa dha. Ana akka natti fakkaatutti, namoota Sabboonummaa calaqqisantu as bahan malee, DhDUOn akka dhaabaatti dhugumatti ofhaaromsee, jijjiirama barbachisu godhee, jaarmayaa uummataa ta’ee as bahaa jira jechuun baay’ee nama rakkisa. Ammallee kaayyoodhuma ittiin ijaarame sana qabatee, jira yaada jedhun qaba.

Dhaabni kun ammallee, dhiibbaa Wayaanee irraa bilisa hin taane. Miseensotni dhaaba kanaa ammallee ajajuma Wayyaanee fudhatanii uummata keenya miidhaa waan jiran natti fakkaata. Karaa biraatiin immoo, dhaabni kun aangoos ta’ee humna Wayyaanee ittiin mormu waan qabu hin fakkaatu. Hoggansi Obboo Lammaa haaraanis haasawa qalbii Oromoo hawwatan haa dhageessisu malee, gama hojiitiin sakaalamee waan jiru fakkaata. Maaliif ykn akkamitti yoo jedhame, uummata Oromoo bal’aa nagaa isaa eegsisuun hafee; miseensota dhaabichaa fi qaamota hoggansaallee nagaa isaanii eegsisuu dadhabee; kunoo namootni hedduun dhaaba kana keessaa gara mana hidhaatti guuramaa jiru. Eessaree humni dhaaba kanaa? Eessaree aangoon dhaaba kanaa?

Osoo humna fi aangoo qabaate (aangoo yoon jedhu akka seera Federaalaatti akka bulchaa naannoo tokkootti jechuu kiyya) silaa dura nagaa miseensotaa fi qaamota hoggansa isaa eegsisa ture. Isa kana godhuu hin dandeenye. Nagaa fi jireenyi hoggansa haaraa kan Obboo Lammaatuu gaafii keessa galee jiraa bar!! Namoota kanarra wanti gahuuf deemuu hin beekamu; wabii tokkollee hin qaban. Maaree, dhaaba miseensota isaallee tiksuu hin dandeenyetu uummata bal’aa Oromoo nagaa eegsisaa? Dhaaba nagaa uummatichaa hin eegsisnetu QBO deeggaraa? Kanaafuu, asumarraayuu kaanee yoo laalle, dhaabichi kun QBOtiif gargaarsa waan ta’u natti hin fakkaatu. Gargaarsa ta’uun hafee; jiraachuumti dhaaba kanaatuu, akka amma jirutti, gufuu QBO ti jedheen amana.    

Warri OPDOtu jijjirama fiduu danda’a jedhan dhugaa lafarra jiru waan hubatan hin fakkaatu. Dhaabni isaan abdii irraa qaban kun gonkumaa humna hin qabu. Humna jijjiirama fidu dhiisii humna ittiin ofittisuu hin qabu. Dhaabni kun akka dhaabaatti QBOtiif gargaarsa  ta’uu hin danda’u ergan jedhe booda; mee namootuma dhaaba kana keessaa as bahanii uummata Oromootiif hojjenna jedhanuu haa laallu. Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa gaafa ani aangoo Afa-Yaa’ii gadidhiise jedhanii dubbatan, akka waan uummata Oromootiif hojjechuu barbaadaniitti; akka waan gama uummata kana goraniitti ofdhiheessanii turan; namootnis abdiidhaan waa irraa eegaa turan. Osoo hin bubbulin kunoo bakkeedhuma sanatti deebi’anii hojii isaanii ittifufanii jiru. Gaafiin maaliif? jedhu har’allee deebii sirrii waan argate natti hin fakkaatu.  

Namootni hafanis waan isaan dubbatanii fi waadaa galan hojiidhaan ni mul’ata jechuuf wabii maaltu jira? Wanti baay’ee nama ajaa’ibu immoo waayee filmaata Muummicha Ministeerotaa (MM) biyyattii sanaa ti. Akka waan gaafiin Oromoo MM Oromoo argateef deebii argachuu danda’uutti; akka waan MM Oromoo keessa bahuun tokkummaan biyyattii sanaa eegamuu danda’uutti; akka MM Oromoo keessa dhufuun jijjiiramni ce’umsaa tokko mirkanaawuu danda’uutti waan hin milkoofne haasa’uun dhugaa jiru hubachuu dadhabuu dha moo ofgowwoomsanii kan biroos gowwoomsuufii? Hanga sirni Wayyaanee bakkuma sana jirutti MM tokko dhiisii Oromoo miliyoon tokkollee achi hoo buusan jijjiiramni takka hin argamtu.

Egaa, gaafii akka mata duree barreeffama kutaa kanaatti ka’etti yoo deebinu, DhDUOn QBO gargaaruu kan danda’u wareegama kamiiyyuu kaffaluudhaan AWDUI keessaa bahee, jaarmayaa uummataa kan walabaa ta’uudhaan jaarmayoota Oromoo hafan waliin hojjechuu ykn tumsa ijaaruu dha. Kan kanarraa hafe, hanga sirni Wayyaanee jirutti, achii keessatti akka miseensa AWDUI tokkootti ittifufeen qabsoo uummataas gargaara kan jedhu yoo ta’e, kun bu’aa tokko fiduun hafee; dhaabichillee baduuf akka deemu hubachuun gaarii dha. Yoo karaa kanaan ittifufan, warri xinnoo quuqama uummataa qaban takka takkaan guuramanii akka hidhaman shakkiin hin jiru. Adeemsi akkanaa immoo QBO gargaaruurra gufuu itti ta’a. Barreeffama itti aanu keessatti dhimmoota biroorratti yaada qabadheen dhiyaadha.      

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

    

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago