– Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –
Berhanu Hundee
Kutaa Kurnaffaa
Akka Muummicha Minsteerotaa (MM) Itoophiyaatti filamuun Dr Abiyyi Ahmad Oromoo yaadaan abkkee lamatti waan hire fakkaata. Gama tokkoon, Oromoon waan Araat Kiiloo seeneef amma jijjiiramatu dhufa jedhanii warra gammachuudhaan mirqaananii fi jijjiirama kanas eegaa jiran yoo ta’an; gama biraatiin immoo hanga Wayyaaneen mootummaa kana keessa jirtutti jijjiiramni hin dhufu warra jedhanii dha. Anis yaadaan garee lammaffaa kana keessan waanan jiruuf, barreeffama kutaa kanaa keessatti dhimmoota tokko tokko kaaseen yaada kiyya ibsuu yaala.
Maqaa Muummicha Minsteerotaa (MM) Ormootiin sirna Wayyaanee suphuu yaaluun kan jijjiirama fidu caalaa gaaga’ama inni fidutu caala
Akkuman kanaan dura barreeffama biraa keessatti ibsuu yaale, tokkoffaa, MM Oromoo ta’eef uummata Oromootiif jijjiiramni dhufuu akka hin dandeenye fi gaafiin Oromoo innii bu’uraa immoo sirumaayyuu deebii argachuu akka hin dandeenye irra deebi’ee jala sararuun barbaada. Lammaffaa, dhaamsi sirba Haacaaluu Hundeessaa “situ Araat Kiilootti aana” kan jedhu dogonggoraan hubatamuu hin qabu. Akka anaaf galuu fi/ykn hubadhutti, Haacaaluun situ Araat Kiilootti aana kan jedheef “Qeerroo ati qabsoo kee jabeessi, alaa homaa hin eegin; situ Wayyaanee amma jilbiiffachiisaa jirtu kana kuffisee, uummata Oromoo aangessuu danda’a” jechuuf malee, nama Oromoo tokko dhiisii dhibbuu Araat Kiiloo yoo galan hanga Wayyaanee achi jirtutti, hanga sirni nama-nyataan kun jirutti jijjiiramni tokkollee hin dhufu.
Muummichi Ministeerotaa haaraan, Dr Abiyyi, hojiidhaan agarsiisee jijjiirama fiduun hafee; calqabumti isaatuu gaarii akka hin ta’ini fi fedhii uummata Oromoos guutuu akka hin dandeenye ragaalee baayeetu jiru. Asirratti wanti hubatamuu qabu, ani Dr Abiyyiin isa yoon jedhu akka ilma Oromoo tokkootti fi akka Obboleessa quxusuu tokkootti waanan laaluuf waan ta’eef, akka MMtti laalee isaan jechuu hin fedhu. Gara ragaaleetti deebi’ee, fakkeenya tokko tokko kaasuuf:
Egaa, osoo dhugaan kun lafarra jiruu; osoo calqabni MMtuu hin tolin adeemsa keessa jijjiiramni tokko ni dhufa jedhanii yaaduun hiikni isaa maali? “Biddeenni gaariin eeleerratti beekama” jedhaa mitii Oromoon yoo makmaaku!! Dr Abiyyis sirna Wayyaanee kufuuf hallayyaa fiixeerra jiru kana deebisee lubbuu fi human itti horee, akkuma MM isa duraa sirnicha kana tajaajiluuf yoo ta’e malee, uummata Oromootiif jijjiirama fiduun hafee, nagaa uummatichaatu eegsisuu hin dandeenye, hin danda’us. Dhugaan kun hundaafuu firas ta’ee diinaaf ifa ta’uu qaba.
Mootummoota Habashootaa dhufaa dabran keessatti uummatni Oromoo haaluma walfakkaatuun dararamni irra gahaa turullee, sirna Wayyaanee jalatti garuu yoomiyyuu caalaa hidhaa, dararama fi ajjeechaa hanga kana hin jedhamnetu irra gahaa jira. Wanti biraa hafee, uummatni keenya nagaan bahee galuu; nagaan qayee fi mana isaa keessa jiraachuu dadhabee guyyaarraa gara guyyaatti reebamaa, hidhamaa, dararamaa fi ajjeefamaa jira. Duulli Wayyaaneedhaan uummata Oromoorratti godhamaa jiru duula duguuggaa sanyii ti. Wayyaaneen uummata Oromoo addatti baastee lafarraa dhabamsiisuuf itti xiyyeeffattee jirti. Diinni tokkoffaan Wayyaanotaa Oromoo ta’ee jira. Sirni nama-nyaataan kun yoo ittifufe, badiin Oromoorra gahu cimaatuma deema. Kanaafuu, Oromoon akka nagaa argatu sirnichi kun hundeedhaan buqqifamuu qaba.
Qabsoon Oromoo keessumaayuu kan Qeerroo Oromootiin godhamu sirnicha kana diiguutti xiyyeeffachuu qaba malee, kana booda jijjiirama bifa biraatu dhufuu danda’a jedhanii eeguun badiirratti badii biraa dabalaa deemuu ta’a. Keessumaayyuu immoo maqaa MM Oromootiin jijjiiramni ni dhufa jedhanii yaaduun haala keessa jirru hubachuu dhabuu dha. Oromoon yoomiyyuu caalaa, dammaqee, gurmaayee, of ijaaree, humna isaa jabeessee hanga sirna kana buqqisutti karaa hundaan qabsoo hadhooftuu tana ittifufuu qaba malee waan biraatiin gowwoomsamuu hin qabu. Sirni Wayyaanee yoo kufe booda immoo, waan isaaf ta’u fi akka isaaf ta’utti, akka fedhii isaatitti kan murteeffatu uummatuma bal’aa ta’uu qaba. Waayee hiree murteeffannaa uummata Oromoo laalchisee barreeffama kutaa itti aanu keessatti yaada qabdheen deebi’a.
Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!
Ulfaadhaa!
Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?
– Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –
Berhanu Hundee
Kutaa Kudhatokkoffaa
Dhimma har’a qabadhee dhiyaadhetti osoo hin seenin dura, dubbistoota fi hordoftoota barruulee kiyyaatiif waan tokko ifa godhuun fedha. Mootummaa sirna Wayyaanee, kan Muummicha Ministeerotaa haaraa Dr Abiyi Ahmed tiin hogganamu, keessatti akka yaadamu fi hawwamutti jijjiiramni dhufuu hin danda’au yoon jedhu, dandeettii fi fedhii Dr Abiyyi gaafii keessa galchee tii miti. DhDUOs ta’ee Dr Abiyi ammaaf aangoo jijjiirama kana ittiin fidan hin qaban; wanti hunduu kan furtuu ta’ani fi caasaaleen mootummaa murteessaa ta’an harka Wayyaanotaa waan jiraniif, haala kana keessatti jijjiiramni tokko akka hawwamutti hin dhufu jechuufani. Ani akka dhuunfaatitti dhaabichas ta’ee namootarraa jibba hin qabu. Akka ilmaan Oromootitti hundaafuu jaalala walqixa ta’en qaba. Warra fedhii uummata Oromoo faallessaniin garuu nan morma.
Hiree ofii murteeffachuun uummattootaa kabajamuu fi hojjiidhaanis mul’achuu qaba
Akkuma beekamu mirgi hiree ofii murteeffachuu uummattootaa, sabootaa fi sab-lammootaa Heera biyyattii Itoophiyaa sana keessattillee keeyyata 39 keessatti lafa taa’ee jira. Seerri fi heerri Federaalaa hojiidhaan mul’achuullee baatan; waliigalteen irratti godhamee waraqaarra kaa’amanii jiru. Haa ta’u malee humnootni, keessumaayyuu warri sirna Federaalaatiin mormanii fi sirna durii sana deebisanii ijaaruu hawwan keeyyata 39 kanaan akka malee mormaa jiru. Mirgi hiree ofii ofiin/ofiif murteeffachuu uummattootaa waanuma seera Addnunyaa keessattillee irratti waliigalamee jiru waan ta’eef, inni kun addatti Itoophiyaaf qofaa hin uumamne. Kanaafuu, seera kana kabajuun mirga ilma namaa kabajuu dha. Mirgi ilma namaa immoo bakkee fedhettuu gaafii keessa galii hin qabu.
Jaarmayoota siyaasaa Oromoo kan ijaaramanii jiran yoo laalle, akka kaayyoo ykn mul’ata isaaniititti bakkee gurguddoo lamatti baasnee laaluu ni dandeenya. Isaanis:
Kaayyoo fi mul’atni akkasumas galiin qabsoo isaanii adda adda haa ta’u malee, akka anaaf galutti hundi isaaniituu fedhii uummata Oromootiif; mirga uummatichaas kabachiisuuf waan hojjatan natti fakkaata. Warri fedhii uummata Oromoo hin kabajne immoo, maqaa saba ykn uummata kanaa moggaafatanii ijaaramuu hin qaban. Maqaa saba kanaatiin uummata keenyas afaanfaajjessuun isaanirra hin jiru. Jaalatamus jibbamus, fudhatamus dhiisamus wanti fedhii uummata bal’aa Oromoo faallessu uummata kana keessatti hundee hin qabu. Fedhii uummata kanaa warri hin kabajne diinota uummatichaa ti. Kanaafuu, mul’ata adda addaas qabaatan fedhii uummatichaa eeguun; mirga hiree uummatichaas kabajuun dirqama Oromummaa ta’a.
Rakkoon mul’ata adda addaa uume kun, akkaataa seenaa fi gaafiin biyyoolessaa Oromoo itti hiikamu natti fakkaata. Kanarratti siriitti waan irratti waliigalame hin fakkaatu. Seenaan ijaarsa Itoophiyaas bifa adda addaatiin waan laalamu fi ibsamuuf, kaayyoo qabsoo kan waloo ta’e tokkorratti waliigaluun rakkisaa ta’e. Weerarri Minilik godhes karaa adda addaatiin ibsama; hiika adda addaatu kennamaafis. Haa ta’u malee, akkataan inni biyya tana qabatee fi ijaare yoo laalame, biyyattiin tun bifa koloniitiin ijaaramatee as geese. Olaantummaa saba tokkootu keessatti calaqqisaa as gahe. Kanaafuu, sirna kolonii kana diiguun barbaachisaa ta’a. Akkuma Addunyaa keessatti mul’ate, sirna kolonii diiguu jechuun biyya walaba taate fi mootummaa birmadummaa ijaarrachuu jechuu dha.
Haala Itoophiyaa keessatti garuu bakkee waliigalteen hin jirree fi gaafiileen sabootaas karaalee adda addaatiin hiikamaa jiran kana keessatti, murtiin xumuraa kan uummataa ta’uun dirqama ta’a; mirgi fi fedhiin uummatichaas eegamuu qaba. Gabaabumatti, waan barbaadu, akkamitti akka jiraachuu fedhu; eenyu wajjin jiraachuu akka fedhu uummatni bal’aan Oromoo murteessuu qaba jechuu dha. Warri kanaan morman ykn murtii kana dura dhaabbachuu fedhan warra fedhii uummata knaa hin kabajne waan ta’aniif isaan kun diinota uummatichaa ti. Walumaagalatti, mirga hiree murteeffannaa uummata Oromoo eegsisuun dirqama jaarmayaa Oromoo hundaa ti. Kana ykn sana siif wayya jedhanii uummata barsiisuun ykn iiti himuun garuu mirga jaarmayootaa ti. Mirgi hundaatuu eegamuu qaba jechuu dha.
Rakkoolee siyaasaa Itoophiyaa hidda baasanii as gahan kana furuuf akka yaadaatitti (theoretically) filannoolee (options) saditu jiru. Isaanis:
Akkuman armaan olitti ibsuu yaale, filannoolee kana keessaa kan isaaf ta’u kan filatu uummata bal’aa ta’uu qaba.
Jaaramayootni Oromoo karaa itti amananiin hojjechuun ykn qabsaa’uun mirga isaanii ta’ee; uummata kanas amansiisanii kaayyoo fi galii isaanii duuba hiriirsuunis akkasuma mirga fi jabeenya isaanii ta’ee; garuu akka barbaachisummaa xiqqaa tokkotitti (as a minimum requirement), sirni amma jiru kun yookaan hundeedhaan buqqa’ee fi diigamee yookaan immoo akka fedhii uummataatti, gaafiilee uummataatiif guutumaa guututti deebii kennuu akka danda’utti kan haaromsamu yoo ta’e, kun akka filannoo tokkootti laalamuu ni danda’a. Haal-dureen filannoo kanaa garuu gaafii uummata Oromoo isa bu’uraatiif deebii guutuu kennuu qaba. Yoo kun hin taane, qabsoon ittifufa. Biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tanas, seenaan ishii akkuma jirutti ta’ee, garuu akka daangaa ishiitti jiraachisuu warri barbaadan filannoo kana fudhachuun dirqama ta’a.
Xinnaatee yoo xinnaate filannoo inni duraa akka barbaadamutti milkiidhaan yoo xumuramuu baate, qabsoon sabootaas keessumaayuu kan Oromoo ittifufuun dirqama ta’a. Qabsichi immoo haala kanaan yoo ittifufe, galiin xumuraa walabummaa Oromiyaa ykn/fi mootummaa birmadummaa Oromoo mirkaneessuu ta’a jechuu dha. Filannoo inni lammataa kun saboota fi sab-lammoota biyyattii hunaafuu akka fedhii isaaniititti galii isaa kan gahu ta’a. Kaayyoo fi qabiyyeen barreeffamoota kiyyaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) waan laallatuuf kan saboota biroorratti yaada kennuu hin fedhu. Haa ta’u malee filannoon kun akka yaadaatitti hundaafuu ni ta’a jedheen yaada.
Dubbiin tun akka makmaaksa Habashootaa “የሚለበስ የላት፣ መከናነብ አማራት” “Waan ofirra buustu hin qabduu, kan ittiin ofmartu hawwiti” jedhamu hin ta’in malee, kunis akka yaadatitti; hojiirra ooluun isaa baay’ee rakkisaa ta’uullee, akka filannoo tokkootitti laalamuu ni danda’a. Filannoon kun dhugumatti baay’ee fagoo kan ta’ee fi mirkanaa’uun isaas gaafii guddaa ta’ullee, nagaa fii tasgabbii akkasumas guddina fi dagaagina naannoo Gaafa Aafrikaa tiif filannoo gaarii dha jedheen yaada. Achi gahuun garuu , laga namatti aanu osoo hin ce’in laga achi aanu tokko ce’uu yaaduu akka ta’e naaf gala. Akka filannoo tokkootitti yaada dhiyeessuun hammeenya waan qabus natti hin fakkaatu; dubbiis oo’isuu miti.
Haa ta’u malee, haala Itoophiyaa keessatti bifa saboota fi sab-lammoota biyyattii sanaa yoo laalle, gamtaan akkanaa kun ijaaramuun isaa gaafiilee baay’ee kaasa. Gamtaa saboota walabaa ijaaruu dura sabootni sun mataa mataatti (kophaa kophaatti) walaba ta’anii mootummaa birmadummaa isaanii ijaarrachuu qabu (akka filannoo lammataa armaan olii jechuu dha). Sana booda akka gamtaa biyyoota Aafrikaa ykn gamtaa biyyoota Auroopaa, walitti deebi’anii ijaaramuu jechuu dha. Filannoon kun warra Itoophiyaa akka teessoo lafaatitti takka taatee jiraattu arguu barbaadaniifillee filannoo biraa ta’a. Yoo kuni hin taane biyyattiin sun filannoo lammaffaa keessatti addaan bittinooftee hafuu waan dandeessuuf jechuu dha.
Sabootni akka Oromoo, Amaaraa, Somaalee, Afaar, Tigraay, Beenishaangul, Sidaamaa, Gaambeellaa fi kan kana fakkaatan, kan daangaa murtaa’aa ta’e qabaniif rakkoo hin fidu. Rakkoo kan fidu garuu sab-lammooto xixiqqoo warra kibbaa kan daangaa ifa ta’e tokko hin qabneef baay’ee rakkisa ta’a; yoo naannoleen amma jiran kun walaba ta’anii; erga mootummaa birmadummaa isaanii ijaarratan booda walitti deebi’anii gamtaa uuman malee jechuu kooti. Egaa kan ta’es ta’u filannoon kamiiyyuu hojiidhaan mul’atee argamus dhiisus, murtiin xumuraa kan uummata bal’aa ti. Furmaata xumuraa (lasting solution) fiduu kan danda’u hiree murteeffannaan uummatootaa yoo mirkanaa’e qofaa dha. Kana mirkaneessuun immoo dirqama hundaa ta’uu qaba.
Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!
Ulfaadhaa!
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…