Oromoon Afaan qawweetiin cabee bittaa alagaa (gabrummaa) jalatti buluu erga mudatee Jaarraa tokkoo fi walakkaa tahuufi. Yeroo sanaa kaasee bilisummaa akka Sabaatti sarbame deebisee gonfachuudhaaf bifa gara garaatiin qabsoo addaan hin citin gaggeessaa ture. Qabsoo kana keessaa kan dhalate ABOn qabsoo bilisummaa ummatichaa bifa jaarmayaatiin qindeessee bifa gaaffiin ummatichaa deebisaa sirrii fi guutuu itti argatuun gaggeessee galmaan gahuuf gaafatama seenaa ofitti fudhatee erga socho’uu jalqabee kunoo ganna 40 (Marsaa Gadaa 1) guute.
Dhimmi QBO kun ijoo/wiirtuun isaa dhimma itti fufiinsa Jireenya Sabummaa Oromootti iggitii gochuu ti. Kana dhugoomsuun kan danda’amu sirna bittaa alagaa (Kolonii) hundeedhaan buqqisuu/dhabamsiisuu qofaani. Iggitiin jireenya sabummaa ummata gabroomee fi kan sirna bittaa alagaa (kolonii) inni tokko isa kaan guutummaatti dhabamsiisuu qofaan mirkanaawa. Kuni dhugaa seenaa ti. ABOn hubannootaa fi ejjennoo dhugaa seenaa tahe kana irratti bu’uureffame.
Wal diddaan (mormiin) Saba Oromoo fi gabroomfattoota (bulchitoota Impaayera Itoophiyaa) gidduu jiru kan walitti araarsuun hin danda’amne (Mormii Innikkaa) ti. Aangawootni gurguddoon TPLF kanneen akka Siyyee Abrahaafaa mootummaa Mallas Zeenaawwii fonqolchuuf osoo yaalanii qabamanii waggoota muraasa hidhamanii gadi lakkifaman. Leellistootni sirna Impaayerummaa gareen Nafxanyootaa maqaa Qinijjit jedhamuun of ijaaranii mootummaa Wayyaanee harkaa fudhachuuf sadarkaa sodaachisu irra waan gahaniif akkasuma hidhamanii yeroo gabaabduu booda gadi lakkifaman.
Gama kaaniin ammoo sab-boontonni ilmaan Oromoo hedduun miseensummaa fi deggertummaa ABO qofatti shakkamuudhaan adabni kanaa olii hedduun (ajjeechaa lubbuu dabalatee) irratti raaw’atamaa jira. Baroota Wayyaaneen Aangoo irra turte kana guutuu (gara waggoota 22) namootni miseensummaan ABO fi Oromummaan yakka itti tahee hidhaa keessa jiran jiru. Waaqni hin baasiniif, QBO isaan hankaaksuuf jira malee, yoo umriin bittaa Wayyaanee waggaa 27 fi sanaa ol jiraate Goototni Oromoo kunniin record Nelson Mandela kan jireenya mana hidhaa umrii dheeraa cabsuuf akka deeman beekamaa dha. Mallas Zeenaawwii osoo hin du’in maal jedhe? “Miseensa ABO tahuun qofti (osoo sababumti biraa tokko iyyuu itti hin dabalamin) matuma isaatti yakka!” Maal jechuu dha kun? Dhaabotni siyaasaa kan mormitoota sirna Wayyaanee tahanii turanii fi jiran hedduu dha. Isaan hunda keessaa ABO addatti baasee jecha ulfaataa kana dubbachuun Mallas Zeenaawwii maal irraa madde? Isa amma ija keenya duratti tahaa jiru kan dhalootni Oromoo har’a jiru argaa jiru maqaa dhoofne malee hundeeffamuu Impaayeraa irraa kaasee hammeenyaa fi shirri Oromummaa fi QBO dhabamsiisuuf raaw’atamaa ture himamee hin dhumu.
Qabsoo Aangoo (Tapha Siyaasaa) humnoota sirna Impaayeraa gidduutti godhamuu fi qabsoo haqaa kan Bilisummaa Sabaa/Sabootaa mirkaneessuuf gaggeeffamu gidduu garaa garummaa bu’uuraa fi gurguddaa akkanaa hedduutu jira.
Galata ABO fi Wareegamtoota QBO, yeroo ammaa Oromoon dhugaa kana (waa’ee eenyummaa ofii, waa’ee eenyummaa diinota isaa fi sadarkaa diinummaa kanaa) tolchee hubatee jira.
ABOn salphaadhumatti “Dhaaba Siyaasaa tokko” jedhanii kan ibsan osoo hin taane Ummata Oromoo biratti hiikaa sana irra hedduu bal’aa fi gadi fagoo kan horateefis kanaafi. Hayyoota sab-boontota qabnu keessaa tokko (Prof. Mohammad Hasan) waa’ee kanaa hima gabaabaadhaan ibsuuf “For the Oromo the OLF is much more than an organization. It is an idea that has captured the imagination, the heart, the soul and the spirit of the Oromo.” jedhan gaaffii fi deebii dhihoo kana godhameef tokko keessatti. Kuni dhugaa firaa fi diinnis haaluu hin dandeenyee dha. Dhugaan kun ammoo hariiroo/hidhata seenaa akkaan cimaa fi gadi fagoo tahe kan ABO, QBO, Oromoo, Oromummaa fi Oromiyaa gidduu jiru irraa kan madde malee waan akkuma salphaatti ykn. tapha siyaasaa bakkayyuutti aadeffatameen argame miti.
Gaaffiin Oromoo inni bu’uuraa fi galiin isaa jalqabaa bilisummaa Jaarraa tokkoo fi walakkaa dura irraa kaasee akka Sabaatti sarbame deebisee gonfachuudhaan Jireenya Sabummaa ofiitti iggitii gochuu dha. Sanatti dabalee:
Oromoon eenyu akka turee fi har’as eenyu akka tahe, irreen sabummaa isaa hangam jabaa akka tahee fi yoo hiixates eessa eessa akka dhaqqabu, qe’ee isaa (Oromiyaa) irratti, naannawa isaa (Gaanfa Africa) irratti, dabreetis, sadarkaa Africa fi guutuu Addunyaa irratti hangam qooda murteessaa qabaachuu akka danda’u tolchee hubata. Yoom, maal akka gochuu qabus sirriitti beeka. Waa’en kanaa sirna-dhabloota, gantoota, bololtoota Aangoo fi ayyaan-laallattootaan itti hin himamu.
Kanneen dhugaa kana hin hubannee fi hubachuus hin barbaadne akka jiran beekamaa dha. Isaan akkasii Umnmata keenya dogoggorsuu fi afanfaajjessanii xiyyeeffannoo (focus) qabsaawotaa fi hojii qabsoo jeequu fi gara dabarsuuf yeroo tattaafatan harka marannee teenyee ilaaluu hin dandeenyu. “Gatii dhiigaa fi lubbuu wareegamtoota QBOtiin qumaara siyaasaa taphachuu hin kajeelinaa, Qabsoon Bilisummaa Sabaa fi Taphni Siyaasaa Walii Gargar waan tahaniif.” jedhamuunii qaba.
Waan QBOf tolaa haa jajjabeessinu !
Waan QBOf hin tolle haa morminu !
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…