Categories: Yaada

QABSOON ITTI-FUFA

Taammanaa Bitimaa irraa
Qabsoon itti-fufa
Cimsee itti-fufa
Alaa-manaa itti-fufa
Gaaraa-dakaa itti-fufa
                  Gabroomfataan burkutaayee kufa
Bilisummaan dhiiga keenyaan dhufa!
                  Sululawwanii fi laggeen mara labee
                  Bosonotaa fi gaarran cufa dhaqqabee
Uummata hunda olkaasee
Dachee sochoosee, raasee
Roorrisaa akkaan dhamaasee
Qabsoon jabaatee-woo itti-fufa
Koloneeffataan isa dhumaa kufa!
Uummanni walitti tokkoomee
Inni biyya ofiitti gabroome
Karaa maraan of-ijaaree
Hidhannoon of-jifaaree
Walqabatee olka’a
Harqoota gabrummaa
Caccabsee achi ha’a!
Dhiiraa-dubartiin marti
Xiqqaa-guddaan cufti
Hunduu wal-utubuun waltahee tarkaanfata
Impaayerittii diigee OROMIYAA jaarrata!
Abadan dhiigni ijoollee teenyaa
Dhangalayee hin hafuu
Hardhaa kaasee Oromoon adabateen rafu
Ni tokkooma akka goondaa
Ni hidda akka kanniisaa
Yeeyyii dhiiga xuuxxuu yoom dhisaa?
                 Itti-fufa qabsoon
                 Biyya abbaa Gadaa mara labee
                 Qeyee haadha Siiqqee hunda dhaqqabee
                 Gabroota olkakaasee
                 Sansalatoota irraa-baasee
                 Oromummaan olkakaasee
                 Obbolummaan wal-ammachiisa
Birmaduu taasisuun dhaabachiisa!
                Dhiigni keenya faca’ee
                Lafeen keenyas harca’ee
                Qabsoon keenya itti-fufa
                        Tokkummaa fi seexaa keenyaan
Sammuu fi irree keenyaan
              Bilisummaan nuuf dhufa!
                Kakuu-dha; laguu-dha
Oromiyaa qarriffoo-saanii keessatti hin dhiifnu
Otoon walaabomin lakkii, hoomaa hin ciifnu
Geerraraa qabsoofna
Qabsaawaas geerrarra
Qawwees ni qabanna
Qalamas ni baanna
Ee, dirra gabrummaa
Karaa hundaan dhaanna!
Egaa qabsoon itti-fufa
Jabaatee itti-fufa
Walabummaan Oromiyaa
Bilisummaan harmeeyaa
Dhiiga keenyaan dhufa!
**************    //    **************
Barliin, 20. 11. 14
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago