Categories: Oduu OromiyaaYaada

Qeerroon lafaa ol ka’i mirga kee kabachiisi Hayyoota keetis hiksisi

PRO.Mararaa Guddinaatiin

Yaa Saba Bal’aa !!

Akkuma beekamu yeroo ammaa kana haala rakkisaa fi yaaddessaa keessatti akka argamnu hunda keenyatu beeka .Yeroon kun Oromoof yeroo kamuu caalaa wal dhagahuu, wal danda’uu fi gamtoomina guddaa kan isa barbaachisuudha .

Oromoon waan waliin dhabe malee waan irratti wal dhabe tokkos hin qabu .Biyyattii Ethiopia jedhamtu tana keessatti Sabboontota, hayyoota, Qeerroo, Qarree, Manguddoo fi manguddittii, akkasuma xinnaa fi guddaas itti gabbarree haala ammaa kanarra geenyeerra .Ethiopian Dargaggoo fi Sabboontota Oromoo qaqqaalii soorachaa turte har’as akkuma kaleessaa kunoo nurraa hin buune .Yaa Saba koo qaalii bara dhufaa fi dabraa haadha ilmaanii irraayis imimmaan hin qoorre .

Waa’ee kanaa isinitti himuun baayyee na hin barbaachisu waan ta’eef kallattimaan gara yaada kootti isiniin cee’uun fedha .Dhimmi Ani kaasuu barbaades dhimma hidhamtoota siyaasaa kan yeroo ammaa harka diinaa jiraniitiin kan wal qabatuudha .Oromoon kumaatamni kan wareegama qaalii kaffalaa tureef badii qabaatee osoo hin taane roorroo bara baraa waan falmateef qofa .Sabboontota Oromoo kana haala kamiin harka diinaatii fuuchuu dandeenya ?!Gadadoo bara baraa kana jalaa akkamitti bahuu dandeenya ?!

Bara dhufaaf dabraa “Baraa fi furguuggee mataan gadi jedhanii jala dabru” jechaa diina jalatti kufuun amma booda hafuu qaba .Akkamitti hambsuu dandeenyaa ?! Tokkummaa cimsuudhaanEddoo jirru hundatti wal jaaruu fi waadaa waliif seenuudhaanHooggansi yoo hidhame qabsoo wal irraa fuuchuunWal dhageeffachuu fi wal iyyaafachuun dirqama .

Bara 2014—2017tti Qabsoo akkamii akka gaggeessaa turtan ni yaadattu jedheen yaada .Mormiin bifa adda addaatiin adeemsifamuu danda’a .Mormii sagaleedhaaMormii Waraqaa facaasuun adeemsifamuMormii Karaa Tishart irraan godhamuMormii Lagannaa fi Mormii ugguraati .Mormiin bifa kanaan godhamu keessatti kan ibsa hooggansa Qeerroo qofa eeguun hin barbaachifnetu jira .Qabsoo godhamu keessatti wal fakkaachuun baayyee barbaachisaadha .

Fakkeenya : Oromiyaa guutuu keessatti, Guyyaa tokkoo fi sa’aatii tokko keessatti Tishart wal fakkaataa, kan ergaa wal fakkaataa of irraa qabutti yoo dhimma baane Diina ni rifaasisa .Ergaa keenyas karaa salphaa ta’een dabarsa .Tokkummaa keenyas ni cimsa .Guyyaa tokko keessatti Oromoo guutuu hidhuunis hin danda’mu waan ta’eef baayyee isaan rakkisa .Qeerroon lafaa ol ka’i mirga kee kabachiisi Hayyoota keetis hiksisi .Har’aaf kanuman jedha .Guyyaa biraa walittan deebina .Galatoomaa .Galatoomaa .

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago