Categories: Oduu Oromiyaa

Sadaasa 30/2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaa Warraaqsaa Bilisummaa Kaasuun Gaaffii Mirgaan Mootummaa Wayyaanee Sardaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Gabaasa Qeerroo Sadaasa 30, 2015

Sadaasa 30,2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaa Warraaqsaa FDG dhoosuun gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa mormuun Warraaqsa Finiinsuun Waraana Wayyaanee Waliin Waldura dhaabbatan.

Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaa FDG golee Oromiyaa dhihaa keessatti finiinaa jiru daran jabeessuuf har’a ganama barii irraa eegaluun gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa fi Mormii master Pilaanii Finfinnee fi labsii magaalota Oromiyaa Mormuun FDG bifa jabaa ta’ee fi qindaa’een Iyyannoo gaaffii mirga Abbaa biyyummaa Oromoo gaafatuufi duula duguuginsa sanyii maqaa master Pilaanii Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaan wal qabateen Mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata Oromoo qe’ee fi qabeenyaa dhabsiisuuf karoorfatee Oromoo
lafarra duguuga jiru irrattimormii guddaa dhiyeeffachuun .

Iyyannoo gaaffii waliigala rakkoo haala yeroo uummata Oromoo mudatee jiruu irratti qindeeffachuun gaaffiilee 11 kan of irra qabuu aangawoota bulchiinsa Yuunibarsiitii Haramayyaatti kennuuf sochii gochaa akkuma jiranitti Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuunibarsiitii Harammayyaa marsee eegaa jiru mooraa cabsee seenuun brattoota irratti dhukaasa banuun dirree waraanaa fakkeesse jira. Goototni barattootni Oromoo afaan qawween gaaffiin mirga abbaa biyyummaa karaa nagaa dhiyeeffachaa jirruu hin ukkanfamuu, hidhaa, du’aa fi waraanaan roorrifamuu hin sodaanuu jechuun FDG itti fufuun waraanaa Wayyaanee waliin yeroo amma kanatti wal jala dhaabbachuun falmii guddaatu gaggeeffamaa jira, aangawoonni mootummaa bulchiinsii yuunibarsiitii Harammayyaa gaaffii barattoota irraa fuudhuu diduun waraanaa itti bobbaasuun waraana guddaa mooraa Yuunibarsiitiitti seensiisuun Yuunibarsiitiin Harammayyaa dirree waraanatti waan jirjjiramtee jirtuuf Barattootni Oromoo mooraa gadi gadhiisuun gara uummataatti bahaa jiraachuun ibsame, yeroo amma kana warraaqsii haalan jabaatee waan itti fufee jiruuf Qeerroon gabaasa irraa jalaan ni dhiheessa.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago