ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT اورومـوحـرير اجبهۃ
Gaafa: Sadaasa/04/2014 Lakk.:008/2014
Date: Nov/04/2014 No.: 008/2014 رقم
Ibsa ABO jijjiramaa irraa kenname.
ABOn qabsoo Oromoo haala walxaxaa fi gufuulee edduu keessa darbee qabsoo ummata Oromoo sadarkaa bifa kamiinuu dubaatti deebi’uun hin danda’amneen gahee jira. Qabsoo yeroo dheeraa fi haarsaa guddaa gaafate, hoogganuudhaan sadarkaa dhalooti haarawaan bilisummaa fi mirga saba isaa galii isa maahiin gahuu danda’uun geessisee jira. Kun injifannoo guddaa dha. Qabsoon kana booda nu eeggatu, galii keenya isa maahii gahuuf sadarkaa qabsoo keenyaa haala dammaqiinsa dhaloota haarawaa fi guddina siyaasaa Oromootin wal simatutti olkaasuu nu barbaachisa.
Diina keenya bicuu bara baraan aangoo wal jijjiranii, imaamatuma wal fakkaataa Oromoo irraan gahaa jiran yeroo dhumaaf xumara itti gochuuf, hunda dura mooraa qabsoo Oromoo fi qabsa’otaa tokkoomsuun hojii alduree tokko malee hojachuu qabnuu dha. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo, jaarmiyaa fi caasaaleen Oromoo, beektotii fi haayyonni Oromoo, akkasuma qabsoo Oromoo sadarkaa amma irra jiruun gahuudhaan hoogganootiin gammeeyyii fi hooggansa dhaloota haarawaatti dabarfatan hundi, dhimma tokkummaa qabsoo Oromoo fi Oromoo irratti yeroo eddu dhaammataa turan amma gara hojiin jijjiruuf haalli dirqisiisan uumamee jira. Kana gochuuf dhaabbilleen siyaasaa Oromoo ilaalcha jibbiinsaa fi haaloo wal bahuu keessaa bahanii akka fedhii fi hawwii Oromoof abboomaman Addi Bilisummaa Oromoo gadi faggeessee waamicha isaa dabarsa. Haarsaa mooraa Oromoo tokkoomsuuf gaafatamu hunda alduree tokko malee ABOn jijjiramaa kaffaluuf qophii dha. Fedhiin kun kan ABO duwwaa otooo hin taane, dhimmi kun kan ilaalu dhaabbilee siyaasaa Oromoo fi garee hunda kan ilaaluudha jennee amanna. Kana booda dhaaba keenya keessatti mooraa Oromoo tokkoomsuuf tarkaaffii haqaa fi fayidaa Oromoo irratti hutubame fudhachuuf qophii dha.
Garee fi dhaabbilee siyaasaa hawwii fi fedha diinaa of keessaa qabaniin ala, dhaabbilee Oromoo kamuu wajjin alduree tokko malee ilaa fi ilaameedhaan marii haqaa gochuun qabsoo keenya gara injifannoo isa maahiin gahuuf qophii dha. Murtee seena qabeessa kana irraa kaanee, koree ykn jila dhimma kana dhaaba keenya bakka buutee marii gaggeessitu sadarkaa dhaabaatti ijaarree jirra. Dhimmootiin mariif dhihaatanii fi qabiyyii marii kan ilaalu qajeelfamni gahaan koree kanaaf kennamee jira. Dhaabni keenya akka imaamataatti dhimma mooraa qabsoo oromoo tokkoomsuuf baafatee ture kana booddee gufuu tokko malee gara hojiitti hiika. Kanaaf akka ABO jijjiramaatti mooraa Oromoo tokkoomsuuf hundi keenya akka ilaa fi ilaameedhaan marii oromummaa godhannee, diina keenya hinkaa irratti fuulleffannu, akkasuma saba keenya gabrummaa jalaa akka baafnu gadi fageessinee waamicha goona.
Sadarkaa dhaabaattii koreen tokkummaa fi ilaa fi ilaamee ABO jijjiramaan maqaan isaanii akka kanaa gadiitti ibsamee jira.
Injifannoon ummata Oromoof
Dr. Nuuroo Daddafoo HD-ABO jijjiramaa
Sadaasa 2014
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…