Categories: AmantiiOduu Oromiyaa

Sagaleen teenya haa dhagayamtuu

Guyyaa har’aa Finfinneen ummata haqa dheeboteen hacuucamtee ooltee jirti. Caamsaa 25/2005 (June 2, 2013)

Hiriirri nagahaa magaalaa Finfinnee guyyaa har’aa geggeeffamee seera qabeessa eeyyama qabuu dha. Waamicha hiriira nagahaa kana kan godhee fii kan eeyyamsiise paartii samayaawiiti. Paartiin kunis hiriira kana kan yaame gaaffilee gurguddoo afur qabatee yommuu ta’u gaaffilee kanneen keessaa gaaffiin tokko dhimma muslimaa yeroo ammaa wajjiin kan walqabatee dha. “Mootummaan harka isaa amantii islaamaa keessaa haa baasu. Komitee furmaata barbaadduu ummata muslimaa dharaan yakkamanii haa gadi lakkifaman” kan jedhuu dha.

Hiriira guyyaa har’aa geggeeffame kana irratti ummanni hammana jedhamee himamuu hin dandeenye kan argame yommuu tahu hirmaannaan ummanni muslimaa godhe guddaa ture. Arat kiilo Ginfillee waajjira paartii Samayaawii irraa kan eegalame hiriirri nagahaa kun hanga piyaassaatti wal-qabatee dabree daandii churchill qaxxaamuree dirree waajjira tajaajila poostaa Itiyoophiyaa, waajjira televiziyoona Itiyoophiyaa, waajjira emigirashinii fii hospitaala tikur anbessaatiin marfamee kan argamu Araddaa kuubaa hamma qaqqabutti dhaadannoowwan garagaraa kessummeessaa oolee jira.

Dhaadannoowwan dhageessifaman keessaa muraafni :- “komiteen haa hiikkamtu” “kan hidhaman haa hiikkaman” “mootummaan amantii keenya keessaa harka isaa haa baasu” “mirga ofii gaafachuun yakkaa miti” “nuti abubakar dha, nuti yaasin nuuru dha, nuti kaamil shamsuu dha,….” “osoo tokko tahuu baannee silaa nu nyaatan” kan jedhanii fii dhadannoowwan hedduu biroo hedduun dhageessifameera. Hiriira kanarrattis abukaatoowwan komitee keessaa tokko kan ta’e Doktor Yaaqoob Haylamaaryam hawaasa godhaniiru. Ummanni muslimaa xumura hiriiraa irratti salaata zhuhurii dirree bal’oo kuubaa irratti jama’aan salaatee jira (Akka footoo maxxanfame irratti mul’atutti). Xumura irrattis paartichi mootummaan ji’oota sadan dhufan keessatti gaaffilee kaafne kanneeniif deebii yoo kan hin kennine tahe sagalee keenya hiriira nagahaa olaanaa ta’e birootiin olkaafnee dhageessifna jechuudhaan hiriirri nagahaa guyyaa har’aa nagahaan jalqabamee nagahaan akka xumuramee fii kan milkaahe akka ture beeksiseera. Ummannis tasgabbiidhaan rakkoon tokko osoo hin uumne nagahaan adda yaa’eera. (footoowwan dabalataa hiriira nagahaa har’aa kana agarsiisan eeyyama Rabbiitiin ni maxxansina.)

Allahu Akbar!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago