Categories: Yaada

Sagantaa virtual yaa’ii hagayya 15 bara 2020 gadgeeyfamu

Sagantaa virtual yaa’ii hagayya 15 bara 2020 gadgeeyfamu

Gara: Jaarmolee, Hawaasota, Waldoota Amantaa, Waldaalee Dubartootaa , Dargaggoo Oromoo,  fi Ummata Oromoo ardiilee adunyaa mara irraa fi Oromiyaa keessa jiraattan hundaa

Nagaa oromummaa bakka jirtan maratti isinii dhaamna!

Gaaffiilee haqaa ummatni tokko bilisummaa, dimokrasii, walqixxummaa, tasgabbii, fi nagaa akka dhugoomaniif gaafatu silaa imaammata siyaasaa fi bulchiinsa mootummaa biyya sanaa tahee ittiin hojjetama. Haa tahu malee, impaayeera Habashaa kan biyya Xoophiyaa jedhamee beekame keessatti gaafilee haqaa (justice) kanneen sabni Oromoo gaafate, mootummoti Xoophiyaa dhufanii darban jallisudhaan (haqaaqudhaan) akka diiggaa biyyaatti fi farra tokkummaatti fudhatuun, duullii qaamaa fi qalbii osoo wali irraa hin citin baroota dheeraaf ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jira.

Yeroo ammaa, humni angoo mootummaa Xoophiyaa dhaalee jiru, shororkaa fi rorroo rogaalee danuu qaban Oromiyaa golee mara keessatti deemsisaa jira. Fakkenyaaf, hogganoota jaarmolee Oromoo fi Oromoota qaroo mana hidhatti guuruu fi ajjeesuu, walumaa gala ummata Oromo irratti aangoo qabu hundaan duula sanyii daguuggaa gaggeessaa jira.

Kun maaliif deemsifama; duula sanyii daguuggaa kana irraa akkamitti Saba Oromoo baraaruu dandeenya? jedhnee wal marihachuun dhimma belbeltuu wanna taateef, mata-duree “Beekumsa hidhachuudhaan Oromoo fi Oromiyaa roorroo diinaa irraa haa baraarru!” jedhuun yaa`ii tokko qopheessineerra. Yaa`iin kun gaafa Hagayya 15, 2020, sa’aa 14:00 – 18:00 (akka lakkoofsa Berlin) kallattiin karaa „Stream Yard“ Mediyaalee Oromoo garaa garaa irratti tamsa’a. Lakkofsi yeroo Berlin 14:00 (2:00 PM) = Washington DC (8:00 AM), Melbourne VIC (22:00/10:00 PM), Johannesburg (14:00 /2:00 PM), East Africa (15:00 / 3:00 PM, Dubai (16:00 / 4:00 PM). Sagantaa yaa`ii ergaa kanaa jalatti qabsisuun isinii ergudhaan kabajaan isiin afeerra.

Injifannoon Ummata Oromoof! Oromiyaan ni bilisoomti!
Koree qindeessitu sagantaa yaa`ii

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago