Categories: Oduu Oromiyaa

” SAREEN UFII WAL NYAATTU BINEENSA UFIRRAA HIN GARTU “

BY Bosona Oromiyaa

AKEEKNI mammaaka kanaa kan dhinyeenya kana MAQAA MIIDIYAA Dahatanii dhimma nama dhuunfaa fi garee takkaan duula ilmaan oromoo irratti akekkate akka oromoon burjaajahuu fi amaluma kaleessa baratan san deebisuuf jecha oliif gad warra dhama’aa jiraniif dhaamsa lammummaa , jaallummaa , biyyummaa fi sabummaa fi foonummaa waliif qabnu dabarsuu barbaade .

kanaaf yaadaa fi Gurri keessan ana waliin haa tahu jechaa gara yaada koo isa baheetti isin deebisuu fedha .
Dura yaada koo Gaafiin isinii Eegala .

*** Miidiyaan tokko kan dhaabbatuuf maali ?

Jennee yoo wal gaafanne namuu yaada adda addaa kennuu dandaha . ani immoo miidiyaan tokko kan dhaabbatuuf ” ERGAA DABARSUUF DHAABBATE ”

Ergaan inni dabarsuuf dhaabbatu waa lama ( 2 ) qofa . innis Ergaa keeyrii ykn Toltuu fi SHarrii ykn fokkatuu Gurra ummataa buusuufi .

1 . Ergaa keeyrii ykn Toltuu <<< Isiin tun Hawaasa Gabrummaa jalatti waggaa 100 kufee jiru Sammuu Isaa itichuun akka inni MI’AA Bilisummaa Baratee akkasuma Hadhaa Gabrummaas Maal akka taate baratee Daandii bilisummaa fi Waraaqsaa baratee akka inni wal jala Hiriiruuf kan karaa saaqudha ykn banuudha . kana males Saba tokko Seenaa , Aadaa , Afaan ISaa , Biyya isaa fi kkf saba fi biyya san guddisuun Doofummaa jalaa baasuun Adunyatti ol qixxeesseen dhaloota itti aanuuf karaa sassaaqee kan kaahuudha .

2 . Ergaa SHarrii ykn Fokkattuu <<<< Hawaasuma akka ummata oromoo kana Gabrummaa jalatti akka kufuu fi akka inni Mi’aa Bilisummaa hin barre doofaa tahee Ergamtuu namaa tahee hafu fi Gabrumaa jalatti kufee Daandii Bilisummaa fi Walabummaa hin gonfanne yeroo gara yerootti sammuu isa burjaajessuun kaayyoo isaa jeeqanii bara dhufaa darbaa diina jalatti kufee hafuuf kan dhaabbatuudha . Miidiyaan kun kaayyoo nama san dhaabee fi waan inni irratti dhaabbateef san galmaan gahuun kan socho’uudha .

Kana hubannee Hawaasni oromoo Gabrummaa jalatti Waggaa 100 oliif kufee jiru Kaayyoo hawaasa keenya galmaan gahu irratti deemuu fi Hawaasa biraan gahuun dirqama bu’uressitootaa fi itti gaafatamtoota warra miidiyaa irra taa’anii haasawa dabarsan Gaazexeessota dabalatee abbootii seenaa cufa isaanii kan ilaaluudha .

Gaazexeessota ykn Oduu dabarsitoota dabalatee Hayyootaa fi barsiistonni Hawaasa oromoo Miliyoona 62 olitti shallagamu dura dhaabbatan oduu hin taane tamsaasuu fi odeessuun Diiggamsaaf karaa nutti banuu irraa uf eeggachuu qaban jenna .

Miidiyaan tokko ummata oromoof dhaabbate jechaa ilma oromoo ija wal qixaatiin laaluu fi farsuun isarraa kan eeggamuudha . Kana kan nu jechisiise Akkumma Hammeenya Juneeydii Saaddoo irraa dubbattanitti maali OBBO ALAMAAYYOO ATOOMSAA hin dubbatinaan gaafii yeroo ammaati . Miidiyamaan kamiiyyuu Gadda fi faarfannaa Obbo alamaayyoo Atoomsaaa akka nama jabaa tokkotti kan irra dubbatan Juneeydiin hoo maal isin godhee fi hammeenyi isaa hanganuma hunda maali . waan ummani oromoo hin beekne isinirratti raawwate moo qurrama isarraa dhuunfaan qabdan gara miidiyaa ummata oromoof bu’uureffame irratti fiddanii kan oduu hin taane dabarsitaniif .

Miidiyaan keenya kan du’e gara qabrii keesatti gad kutee gaddee itti dhagahame ibsuu fi Boohuu akkasuma faarsuu malee kan jiruun dararaa fi rakkinna keessa jiru kan boru irraa fayadamuu fi nu gargaaruu dandahu irraa dubbatuu hin dandahuu . Kan du’e waan dalageen gara fuula rabbii kute . kan nuti boohuu fi gaddus faarsus dandeenyu kanuma jiru kana tahuu hubannee Aadaa kan jiruuf boonnuu wal dhaalchisuu qabna . ” Jiraan naman qabuu ” du’aan namandhabu “jetti oromoon

Kana kan Nu Yaadachiisu Miidiyaa shanee Torbaanitti ykn Baatitti kan daqiiqaa 30 dabarsu nu yaadachiisa . Inni Sunuu Torbaanuma ykn Baatitti yeroo dhufu Kijiba gorguddaa Gaangeen Baachuu hin dandeenye fidanii kan wanti takka lafa hin jirree fi homa hin dalagamin akka waan dalaganiitti haasawaa turan kan nuti cufti yaadannu Waraanni WBO Zoonii baha oromiyaa keessa socho’o waraana 500 ol ajjeesee gara 800 olitti tilmaamu madeessuun kan hafan booji’uun meesaa waraanaa wayyaanee irraa saamuuf dantaa qabsoo bilisummaa oromoof akka galu goone jechaa turan . yoom kana qofa Waraanni WBO Qabsoo godhetti milkaawuun FINFINNEE Toohachuuf Kiilo meetira waa xinno qofatuu nu hafe jechaa turanii . Osomaa kanaa jechaa turanii Torbaan osoo hin geenye Mootummaa wayyaaneetiin walii gallee jechuun AMAARA Wajjiin harka wal qabatanii ka’aa ni gallaa jechuun kan lafa jalaan walitti gungumantuu as bahe . kun waan kolfaati wanti jara tanaa waan dubbatamee dhumuu miti . AKKA MAMMAKNI JEDHE ( OSOO BEEKUU huuba wajjiin ) jette sareen .

Miidiyaan SHaneeTorbaanitti ykn Baatitti DHufee HAR’A Obbo Juneeydii Saaddoon Akkana jedhuu fi tarree warra diina hamaa Gubbaa kaahus tahee SHaneen umrii isii guutuu dalagan Tan Juneeydii SAADDOO ummata oromoo fi oromiyaaf buuse takka ( 1 ) cinaa hin Geettu .

Kanaafuu Waan namni nuun jedhe nutti MAMMAKE Takka isiniif himaa .

( Jaarmenyi Oromoodhaa Torbaan dhiichisaaf wal waama <<< Torbaan lammataa ammaa Wal DHiittichaaf >>>walitti dhufa jechuun nuuf mammakan ) Amanni yeroo ammaa gama miidiyaalee fi ijaarama jaarmayoota keenyaa gamanumatti deemaa jira fakkaata .

Kanarraa ka’uun ERGAA UF EEGGANNOO MIIDIYOOTA OROMOO Kamiifuu dabarsuu fi akka dhaamsa kiyyattis isiniif qabu ibsuu barbaada .

Dursa warri irratti ololaa fi kijibaa buufaa jirtan nu baruu yoo feetan Nuti Oromoodha . Warra Qaanqee Bosonaati . Nuti Ilmaan Muhaammad Alii wallooti . Kan MILILIK Jilbiiffachiise . Haftee Iyyaasuuti . NAAFXANYAA Biyya Oromiyaa qabanne jennaan osomaa inni hin beekin Ibidda garaa jalaan itti Bobeesseedha . yoom kana qofaa Hortee Jeneraal Waaqoo Guutuuti . Goota QAWWEE DHONBIR RASAASA Takka nyaatuun Xayaara Ingilizii fi Faransaa Samii keessaa harcaasaa tureedha . SHanyii Elemoo Qilxuuxi Kan muka qawwee halkan Diina ufirratti fincoofsisee Mukaan Diinarraa qawwee gooraa tureedha .

Yoom kana qofa Lafa jalaa fi Gubbaan Guggubee Nuti Qaanqeen Bosonaa <<< Warran gaafa oromoon shaneedhaa sujuuddu , SHaneen Daandii Haqaa irraa hin jirtu jechuun Lafa gubbaa fi jalaan jara guggubaa tureedha . Achirraa QAANQEEN Teenya Gurachomsinaan ummanni oromoo itti dammaqanii guutuun walii galee ufirraa damma darbe . nuti nama sani beekuu qabdan .

Lolaa fi Qabsoo akka kaleessaa Ganda keessatti nu hin deebisinaa . inni kun Tattaafii shaneeti . Kan kaleessa maqaa amantiitii fi kutaan adda nu qoqqoodaa ture Tattaaffii shaneeti . Qabsoo ummanni oromoo yeroo ammaa Diinarratti Xiyyeeffate tana gara ganda keessatti As nuuf deebisuuf akkana godhaa jiran .

Isa kanaaf Deebiin Nuti kenninuuf akka mammaakni jedhe sani . <<< Jaarsa tokkotuu Nama Bitamaa Itti Erginaan akkana jedheen ( Sidhiisi Nama Si Ergeeyyuu Beekaa ufirraa hin xaarinii itti dhiisi . ) jechuun kan inni deemuuni fi kayyoo isaa harkatti busheessee uf duuba deebise .

Na faana turuu keessaniif galanni keessan dachaa . galatooma .

BY Bosona Oromiyaa @ gmail.com

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago