Categories: Oduu Oromiyaa

Sarootiin wayyanee lama hojiirra arihaman jedhu

Sarichi yeroo dheeraaf wayyanee tajaajilaa ture kun yeroo amma salphinaan arihame

Koreen jiddu galeessa Dh.D.U.O. hooggantoota ol’aanaa lama irratti tarkaanfii fudhateera

Finfinnee Guraandhala 28,2008(FBC) Koreen jiddu galeessa dhaabbata Demookraatawa Ummata Oromoo wal ga’iisaa guyyoota shaniif Magaalaa Adaamaatti adeemsisaa ture kaleessa xumureera.

Koreen jiddu galeessa dhaabbatichaa ajandaawwan irratti mari’achaa tureefi murteewwan gurguddoo darban ilaalchisuudhaan ibsa baaseera.

Koreen jiddu galeessa Dh.D.U.O. wal ga’ii idilee adeemsisaa ture kanaan ajandaawwan maree gurguddoo qorannoo haala yeroo,haala ijaarsa sirna demookraasii, hundeen itti babal’atuufi dagaagu irratti,qorannoo raawwii hojii keessatti rakkoolee bulchiinsa gaarii ariitiidhaan itti furmaata argatuufi qabsoo farra maxxantummaa kiraa sassabdummaa maqsuuf dandeessisan irratti mari’achuudhaan murteewwan dhaabbatumma akka dabarse beeksiseera.

Akkaataa ibsa koree jiddu galeessa dhaabbatichaatiin hooggantoota ol’aanaa naannichaa lama iratttti araarama tokko malee tarkaanfiin fudhatameera.

Akkaatuma kanaan tokkoffaa obbo Dhaabaa Dabalee miseensa koree hojii raawwachiiftuu Dh.D.U.Ofi A.D.W.U.I,miseensa mana maree A.D.W.U.I sadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti bakka bu’aa mootummaa Naannoo Oromiyaafi itti gaafatamaa waajjira koree jiddu galeessaa kan turan rakkoolee gaggeessumaatiin koree hojii raawwachiiftuu irraa gara koree jiddu galeessaatti akka gadi bu’aniifi itti gaafatamummaa waajjira dhaabaa irraa akka ka’aniif murteeffameera.

Lammaffaa obbo Zalaalam Jamaanah miseensa koree jiddu galeessaafi miseensa mana maree A.D.W.U.I haaluma walfakkaatuun hanqina gaggeessumaatiin miseensa koree jiddu galeessa irraa hanga yaa’ii itti aanuutti akka ittifamaniif murtaayeera.

Koreen jiddu galeessa dhaabbatichaa jeeqamsawwan iddoowwan tokko tokkotti mudataniin lubbuun Namaa darbuufi qabeenyi akka barbadaa’e kan qorate yammuu ta’u lubbuu Namaa darbeefi qabeenya barbadaa’eef gadda itti dhaga’ame ibseera.

Jiraattoonni Naannoo Oromiyaa humnoota tasgabbii maddii dhaabbachuudhaan Nagaan Naannoo Oromiyaa akka tasgabbaa’uuf shoora gumaachaniifis koreen jiddu galeessa dhaabbata Demookraatwa ummata Oromoo ibsa isaa kanaan galata galcheera.

Gara fuulduraa jiraattoonni naanichaa nagaafi tasgabbii bu’e humnoota tasgabbii maddii hiriiruun akka eegsisuufis koreen jiddu galeessa Dh.D.U.O. waamicha dhiyeesseera.

Koreen jiddu galeessa dhaabbatichaa rakkoolee bulchiinsa gaariifi kiraa sassaabdummaa ittisuuf hojii eegale cimsuudhaan akka itti fufus beeksiseera.

Rakkoolee bulchiinsa gaariifi kiraa sassabdummaa Naannoo Oromiyaatti mul’atan ittisuufis hawaasa wajjin ta’uun dhaabbatichi akka hojjetu kan beeksise koreen jiddu galeessa Dh.D.U.O eeruuwwan hawaasa irraa dhiyaatan irratti hundaa’uudhaan qorannoo taasisuun rakkooleen jiran fala akka argataniif kan hojjetu ta’uu himeera.

Kanneen rakkoo bulchiinsa gaarii uumaniiru jedhamuun qabamaniifi kiraa sassabdoota irratti araarama tokko malee tarkaanfiin akka fudhatmus beeksiseera.

Koreen jiddu galeessa Dh.D.U.O rakkoolee bulchiinsa gaariitti furmaata argamsiisuuf hawaasni mootummaa maddii hiriiruudhaan tumsa akka taasisuufis waamicha dhiyeesseera.

Gulaalaan:Biraanuu Hurrisaa

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago