Categories: Oduu Oromiyaa

SEENAA GABAABAA Obboo KADIIR WAAQOO SHAAQEE

INNAA LILLAAHI WO INNAA ILEEYHI RAAJI’UUN !!!

 

Kadiir waaqoo kan dhalatan godina baalee aanaa harannaa bulluq ganda bulluq jedhamu keessatti abbaa isaanii waaqoo shaaqee fi haadha isaanii faaxoo simbaa irraa bara 1935 akka lakka lakkoofsa awroppaa tti dhalatan.
Obbo kadiir nama qabsoo oromoo keessatti qabsoo jabaa godhaa turee fi umrii isaanii guutuu hawwii bilisummaa oromooriif dheebuu guddaa qaban yemmuu ta’an qabsoo umrii isaanii xiqqeennaa kaasee angoo abbaa isaanii irraa dhaalaniin bara dheeraa dhaaf sirna mootummaa hayla sillaasee keessa bifa wolqixxummaa tiin biyyattii harannaa nama hogganaa turee dha.

Akkasumas gumaacha qabsoof taasifamu keessatti gocha isaan raawwatan keessaa isaan muraasni miilaan gara mootummaa somaaliyaatti deemuu dhaan woraana hedduu hiriirsuu dhaan gara biyyaatti erga deebi’anii booda amaara ofirraa qolachuudhaaf qabsoo jabaa taasisanii jiru.

Akka fakkeenyaatti yeroo lolli roorroo saba amaaraa ummata keenyarratti raawwatutti duunee lafarraa banna malee amaaraaf harka hin kennannu jedhanii woraana ofii fudhatanii mukatti galan.
Woraanni amaaraa immoo biyyattii harannaa qabatee kaambii tolfatee garaacha biyyaa qubate kaayoon isaanii ummata gabroon fachuu yemmuu ta’u woraanni obbo kadiir immoo gabrummaa faccifachuu dhaaf bosona jira.
Kadiir kana qabachuu qabna jedhanii tattaaffiin isaan hin goone hin jiru.
Osomaa isaan meeshaa gugurdaa baatanii taa’an gootichi beekamaan obbo kadiir bombii isaa isaa hidhatee kophaa isaa kaambii isaanii itti seenee sagalee isaa olfuudhee akkana jedhe

BULLUQIIN JEDHAN TANA
KADIIRIIN JEDHAN ANA
WAAN ISINIIN EEGUTU TANAA
HOO’AA JARANA!!!!

AAAAAAAAAAH YAA BIYYEE

Akkana jedhee bombii isaa itti gad lakkise woraanni amaaraa guutuun baqatee achii bade kadiir waaqoo goota waan itti fakkeeffamu hin qabne yemmuu ta’u
Wolumaa galatti qabsoon isaan saba oromootiif gumaachan lakkaawamee hin dhumu.

Obbo kadiir abbaa ijoollee dhiiraa 9 fi dubara 16 wolummaa galattti 25 yemmuu taan umrii isaanii keessatti nama jaalatamaa fi kabajamaa ilaalcha namaatiif wolqixxummaa qaban yemmuu ta’an gara amantii islaamaatiinis nama rabbi gabbaruu jaalatuu fi halkan ka’ee ibaadaa godhuun beekamuu dha.
Wolumaa galatti duuti karaa keenna hunda waan taateef guyyaa 24/01/2015 umrii isaanii woggaa 80 tti du’aan addunyaa kanarraa boqatan.
Innaa lillaahi wo innaa ileeyhi raaji’uun rabbi rahmata isaanii haa godhu! Maatii isaanii tiifi oromoota hundaaf sabrii fi jajjabina haa kennu jenna.
Horaa bulaa

bilisummaa

Recent Posts

Shaakala barnoota Afaan Oromoo

Jecha sirrii faallaa maqibsaa tahe fili!

6 days ago

OLLAA & Word BEYOND War Launch Campaign For Peace in Southern Ethiopia

U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…

7 days ago

A call on the Oromo elites to promote Oromo Extermination Memorial Day

By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…

7 days ago

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef ergame hannaan gurguramaa jira.

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…

2 weeks ago

Oromo Orthodox Split: A Collision Between Politics and Faith

By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…

2 weeks ago

SEENAA GAMMACHUU QAMALITTII: Kutaa Sadaffaa

                             …

3 weeks ago