Categories: Oduu Oromiyaa

Seenetaroonni Ameerikaa kudha sadi labsii mootummaa Itoophiyaa balaaleffatu baasan

Daandiin eegalame kuni tooftaa ciccimaan utubame, dhaabbilee siyaasaa hundaan irratti hojMiseen taanaan shakkii tokkoon maletti kan nugayu Finfinneedha
………………………….
Miseensonni senetii Ameerikaa 13 senetar Maarkoo Ruubiyoo (paartii R.) fi senetar Ben Kaardiin (paartii D.) durfaman wixinee labsii seeraa Itoophiyaan mirga namaa akka kabajjuu gaafatu dhiyeessan. Itoophiyaan humnatti dhimma bayuudhaan ummata hiriira nagaa bayan, gaazexeessitootaa fi dhaabbilee hawaasaa ukkaamsiti jedha wixineen labsichaakuni.Labsiin senetaroota Ameerikaan dhiyaate kuni gargaarsi mootummaan Ameeikaa Itoophiyaaf laattu irra deebi’amee akka xinxalamu MinisterriHaajaa Biyya-alaa Ameerikaa Joon Keeriif waamicha dhiyyeessa. Mootummaan Itoophiyaa affaan qawween ummata doorsisuu, ajjeesuu fi hidhuu akka dhaabu; akkasumas ajjeechaan hanga ammaatti raawwatame qaama walabaan akka qoratamuu fi kanniin yakka hoojjatan seeraaf akka dhiyaatan gaafatawixineen kuni.Senetar Maarkoo Ruubiyoon, ‘Itoophiyaa keessatti namoonni nagaa mirga isaaniif dubbachuu qofaaf ajjeefamu, hidhamu, doorsisamu,’ jedhe. Itti fufuudhaanis,

‘Dararaa mootummaan Itoophiyaa ummata isaa irraan gayuu fi tuffii inni mirga dhala-namaaf qabu ni balaaleffadha. Bulchiinsi Obaamaa haala mirga dhala-namaa fi akkaataa fooyya’iinsa siyaasa Itoophiyaaf xiyyeeffannaa guddaa laatuu akka qabu gaafadha,’ jedhe.’Gara jabeenya humnoota tika nagaa Itoophiyaatti baay’ee rifadhe,’ jedhe senetar BenKaardiin. Kanniin maatiin irraa dhumeefis gadda isaa dabarseera, senetar Kaardiin.Dhiigni Oromoo dhangala’uun, lammiin keenna kumaatamaan mana hidhaatti gatamuun hedduu keennaaf gaddisiisa ta’us, wanti abdachiisaan garuu dhiigni isaanii bilisummaa Oromoof bu’aa abadachiisaa argamsiisaa jiraachuu isaati. Labsii fi balaaleffannaangaree senetaroota Ameerikaas qaamuma injifannoo kanaati.

Yeroo dabres Paarlaamaan Awurooppaas labsii cimaa baasuu fi ergaa balaaleffannaa cimaa dabarsuun ni yaadatama.Injifannoon keessumattuu kallattiin dippiloomaasiitiin argamaa jiru kuni bu’aa dhiiga gootota Oromoo ufii du’anii saba isaanii jiraachisuu, uffi hidhamanii saba isaanii bilisoomsuudhaaf muratanii gatii qaalii hanga lubbbuutti gayu kaffallaniin. Hawwiin isaani kangalma gayuu fi kana caalu kan argamuu malu yoo qabsoon kuni osoo addaan hin citin injifannoondaran babal’ataa fi anniisaa isa barbaachisu argataa yoo deeme qofa.Takkaa takkaa lubbuu Oromoo galaafatamtuu filammii mana hidhaatti dararamu irraa qabsoon Oromoo waan guddaa fayyadamuu qabdi. Kanagodhuu irratti shoorri hoogganoonnii fi hayyoonni Oromoo taphatan guddaa ta’utu irra jira. Yeroo dargaggoon Oromoo lubbuu fi jireenya isaanii kennaa jiranii fi kennuudhaaf qophii ta’an kanatti angawoonni sa’aa, beekumsaa fi maallaqa isaanii qusachuun, akkasumas waan xixiqqoo irratti uflamaanii ilkaan walitti ciniinnachuun madaallii kamiinuu sirrii hin ta’u.Ammas kan ifa ta’uu qabu, faaydaa qabsoo karaa nagaa, oduudhaan osoo hin taane, qabatamaan argineerra.

Kallattiin kuni daran jajjabeeffamuu,xiyyeeffannaan isa babaachisu itti laatamuu, tooftaan addaddaan geeddaramuu, hunda caalatti milkaayinaaf wareegamni barbaachisu itti kaffalamuu qaba. Daandii eegalame kuni tooftaa ciccimaan utubame, dhaabbilee hundaan irratti hojjatama taanaan shakkii tokkoon maletti kan nugayu Finfinneedhaan.Waan hunda caalatti hidhamaa, ajjeefamaa fi gidiramaa qabsoo tana xumuraan gayuuf hundi waadaa woliif seenuu qabna. Kuni taanaan gufuun nu kuffisu, humni daandii irraa numaqsutokko hin jiru. Yeroo kamuu caalatti Oromoo dhaabate huni jilbiiffachisu tokko kan hin jirre ta’uu isaa baatii dabran qabatamaan nutti argisiisanii jiru. Osoo lubbuun jirru kana arguu danda’uun waan guddaadha.Guutummaa labsii senetar Ruubiyoo fi Kaardin miiltoo PDF kana banaa dubbisaa.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago