Categories: Oduu OromiyaaSeenaa

Seeyfuu Muummee eenyu?

Caamsaa 16, 2020

Abbaa Urjii tiin:

Qabsoon bilisummaa ummata Oromoo tan arra akka aduu barcaatti hangaatee diina keessaa fii alaa rooraasaa jirtu, kaleeysa dukkana wahuu keessatti arkuun hin dandayamne turte. Haala akkasii keessatti, ijji iftiina arraa arkuun, murannoo fii jeeynummaa hoonga hin qabneen, kanneen taraarrii xurree ganamaa tiif jiruu fii jireenya isaanii daammota godhan keessaa tokko Seeyfuu Muummee ti. Seeyfuun abbaa isaa Muummee Aadam Godii fii haadha isaa Mardiyaa Aadamirraa, Konyaa Harargee Bahaa, Aanaa Meettaa, Araddaa Duuyda-eelaa, Ganda Godii kan maqaa akaakayyuutti moggaafame-tti, toora bara 1948, nama dhalate.

Seeyfuun barnoota ammayyaa kan naannoo isaa jiru xumuree kan Jiddu Galaa tiif Biyyoo Adaree dhaqe. Achitti, san taree sadarkaa kutaa lammaffaatti dabree odoo barachaa jiruu, hujiin seedata jimaa jala hambifatte. Seedanni jimaa kan barnootarraa isa fudhate, akkaan tolaa dhufee, odoo hin turin, gurgura naannoo bira kutee, daldalaa Hargeeysatti ergu tahe. Tarkaanfiin jimaa biyya alaatti eerguu horiin walitti baasee, jiruun toltee fii, makiinaan mooraa dhaabatte. Garuu, lakkumaan, sadoo keeysa jiru daran, haalli jireenyaa ummata Oromoo tii fii miidhaan diinni irraan gayaa jiru yaachisutti seene. Kanarraa kan ka’e, namoota firummaan, waahelummaanii fii hujiin walitti fiddu waliin waanni haasawuu fedhu karaa ummanni Oromoo harqoota gabrummaa jalaa itti bahurratti fala barbaaduu tahe. Keessaa huu, eega Elemoo Qilxuu, qananii keessa ture dhiisee, qabsoo hidhannoo bilisummaa Oromoo tiif Adanirraa biyya seenee wareegame booda, sab-boonummaan daran qoma fudhattee, sammuu malees, khaznaa isaa tan sabaa godhuu murteeyfachiifte.

Akki isaa kan olii kuni, Bitooteessa 14, bara 1976, gaafa Jaarraa Abbaa Gadaa, hidhaa biyya Soomaalee tan bara shanii booda, qawwee Soomaaleen irraa fudhatteen oduu abdii hin kutin, harka qullaa, qabsoo hidhannoo jalqabuuf biyya seene, tin’isa yaadaa fii horii tiin itti dirmatan keessaa, Seeyfuu, warra angafaa godhe. San booda, Seeyfuun, dirree qabsoo qacalee diinaggee fii waan barbaadduun bira dhaabbachuu fii sossoohinsa magaalaa keessatti lammii dammaysuu, jaaruu fii murataa gama Dirree Qabsootti erguu shiddaan itti seene. Haala kanaa fiis, dukkaanaa fii mana isaa kan magaalaa Qobboo keessa jiran wiirtuu sab-boonotaa godhe. San bira taree, riqicha qabsaawota dirqama hujii tiif olii-gad deemanii taasise. Kilaash Elemoo Qilxuu-rraa hafe, kan Jaarraa Abbaa Gadaa daggala qabsoo tiin saaqerraa kaasee, miyoota iddoo adda-addaarraa karaa Dirree Qabsoo deemaniif, Seeyfuun, malkaa (buufata) tahe. 

Seeyfuun akka olii kanatti ulee-qunnamtii tahuun, miyaa fii murattoota Dirree Qabsootti erguu qofatti quufuu didee, sadoo fii qananitti duuyda galee, miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) tahuuf, walakkaa bara 1977, Dirree Qabsoo dhaqe. Garuu, qabsaawonni jaallummaa WBO tiif if qaadhimee itti dhaqe, qabsoon achirra bakkuma turettii caalaa akka isa barbaaddu amansiisanii manatti deebi’e. San booda, Seeyfuun, gunaa dabballoota Dargii tiin bitamuu didee, kani ammaa-amma doorsifamuu fii hidhamu, qawwisaa tahee, bahaa-bu’ii amna qabsoo ganamaa keessa hulluuqee, akkuma kan Hayle Sillaaseetti, du’a Dargii tiis arkee, jijjiirama bara 1991 qabsaawotaa waliin simate. 

Mootummaan Ceehumsaa jijjiirama bu’uraa akka hin finne gaafa hubatame, hidhata karaa daldalaa tiin Soomaalotaa waliin qaburratti irkachuun, bulchiinsa Soomaalota Hargeeysaa waliin hariiroo siyaasaa akka uumuuf ramadamee, jalqaba bara 1992, karas deeme. Eega achi dhaqe booda, hujuma wal fakkaattuuf, Hargeeysaa fii Jabuutii jidduu daddeemutti seene.

Isaa hujii olii biratti tan hawaasa jaaruu fii qabsoof miseensa horuurratti bobbaahaa jiru, ijibbaata qabsoo bilisummaa Oromoo laamsheeysuuf Wayyaaneen godhaa turteen, ijji isii itti dhaabbatee, qabdee biyyatti deebifachuuf shira Soomaalotaa waliin itti xaxaa jirtu dhagayee, walakkaa bara 2004, Eertiratti jalaa miliqe. Xiqqo turee, dhuma bara 2004-i Keeniyaa dhaqe. Achirraa, carraa qubsumaa arkatee, j’ia Onkololeessaa tan 2009 keessa biyya Ameerikaa dhufe.

Yaroon Seeyfuun qabsoo bilisummaa tiif muratee ofii fii qabeenya isaa gumaachaa ture san, yaroo tooftaan lammi adda qoqqooduu, tan diinni baroota hedduuf irratti hojjachaa ture karaa qabattee fii, ummanni keenya maqaa adda-addaa kan diinni baaseef fudhatee, jecha Oromoo ja’uun walitti alagoome. Sanirratti yaroo, bulchiinsi mootummaa Habashaa Oromiyaa keessatti sirritti hidda gadi jabeeffatee, nafxanyoonni “hadaraa Hayle Sillaasee!” qofaan, ummata Oromoo akka beeyladaatti bobbaasanii galchaa turani. Kana malees, yaroon san, yaroo Xophiyummaan a’oo fii onnee Oromoota hedduu dhunfattee, gariin lammii eenyummaa isaanii dagatani tan alagaa fudhatani. Garii niis, if dhooysuuf ijibbaata cimaa godhaa turani. Walii-galatti, yaroon san, yaroo, Oromoonni hedduun, harqoota mootummaa Habashaa jalaa bahuun akka hin dandayamne fudhatanii gabroomsaaf oggolani. Yaroo akkanaa ti, Seeyfuun, murannoo, gootummaa fii arjummaa ajaa’ibaa tiin Oromummaa sab-boonummaa fii qabsaawummaa tiif fakeenya seena-qabeeysa tahaa ture. 

Lubbuun Seeyfuu Muummee yaroo dheertuu dura qabsoo saba isaa tiif irraa ka’e ykn gumaaffate, umrii dheeratteen badhaatee, dhuma bara 2018, qabsaawota ABO waliin biyya dhaqe. Gaafana, firootaa fii aalii yaroo dheertuuf adda turen, kanneen arkaa isaa dharra’an, naannoo adda-addaarraa odoo itti yaa’anuu, Seeyfuun, isaan waliin yaroo gaarii fii hara-galfii qabaachuu-rra, lammii jiruu fii jireenya isaa kenneef keessa daddeemee bilisummaa dhugaa tiif akka muratanii fii mudhii hidhatanii ka’an dhawwaaquu filate.

Seeyfuu Muummee, sab-boonummaa fii gootummaa daangaa hin qabne biratti, arjaa kennee hin quufne. Seeyfuun, dhukkaba Koovid-19 ja’amu, kan yaroo ammaa adunyaa rooraasaa jiruun qabamee, araraafama torbaan sadihii booda, Caamsaa 15, bara 2020, biyya Ameerikaa kutaa Nebraskaa, magaalaa Sioux City-tti boqote. Seeyfuun qeeyroo fii qarree Oromiyaa malees, abbaa joollee kudha tokkoo ti. Gumaachi sossooha qabsoo bilisummaa Oromoo tan ganamaa tiif godhe, galmee seenaa qabsoo keessatti qalama dahabaa tiin tan barreeyfamtu.

Rabbi isaaf jannata abbaa, firaa fii aalii hundaaf jabina haa kennu!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

10 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

10 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

10 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

10 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

1 year ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

1 year ago