Baarentuu Gadaa Irraa
Shiftoonni sirna hin beekan, seeras hin qaban, seerri isaan hin
abboomu. Safuu, duudhaa , namni maal naan jedhaan isaan bira hin jiru.
Bor maal taanaanis qayee shiftootaa hin jiru. Shiftoonni waan saamamu
argannaan weeraranii abbaa qabeenyichaa ajjeesuun, irraa hari’uun,
hidhanii dararuun saamanii nyaachudha. Shiftoonni har’a maqaa
mootummaatiin Impaayeera Itiyoophiyaa weeraranii saboota biyyattii
fixaa fi saamaa jiran Wayyaanoonni kanaaf fakkeenya fi ragaa
guddaadha.
Wayyaanonnii fi ergamtoonni isaanii kanneen akka OPDO, DHDN, fi BADN
Shiftoota safuu, seera, maal naan jedhanii fi bor akkaman ta’aa hin
beeknedha. Seera hin qaban, kan qabna jedhaniifis hin abboomaman, ni
sobu. Waan ifatti hojjetan hin hojjenne jedhanii haalu. Kan ganama
jedhan galgala itti hin deebi’an. Kan galgalaas akkasuma ganama hin
jenne jedhu. Hojiin isaanii martuu waliin dhahanii jiraachudha. Kan
nuun morma jedhanii shakkan ammoo hidhuu, ajjeesuu fi biyyaa
godaansiisuudha.
Shiftoonni kun qabeenya namaa arginaan ijatu dhiiga uffata. Saamuu,
irraa ajjeesanii fi hidhanii nyaachuun hojii isaaniti. Waggoota 25n
darbaniifis kanuma gochaa turan, ittis jiru. Qabeenya ummataa ijji
isaanii arge hunda kan ofii taasifachuuf ykn qircachuuf qawwee
fayyadamanii yakka isaanii danda’ame hunda saboota biyyattii
mararrattuu addatti ammoo ummata Oromoo irratti raawwataa
turaniiru.raawwachaas jiru. Qabeenyaaf jecha abbaa biyyaa hidhaniiru,
ajjeesaniiru biyyaa godaansisaniiru.
Shiftoonni Tigraay kun qabsoo ummata Oromoo isaan raasaa jiruun
dhiphatanii kunoo tibba kana isa waggoota 26n darbaniif ukkaamsanii
irra taa’aa turan, seeruma ofii baafatan kan “Oromoon Finfinnee irraa
dantaa addaa qaba” jedhu akka haaraatti gadi baasun irraa hololaa
jiru. Dhimma kanaan wal qabatees wixineen qophaawe akka paarlaamaa
fakkeessii biyyatiitiif dhihaatus karaa miidyaalee isaanii odeessaa
ykn hololaa turaniiru. Holola kanaanis Oromoon Finfinneerraa faayidaa
akkasii fi akkanaa argachuuf jira jechuun oduu afanfajjii uumaa jiru.
Ergamtichi Shoftoota Tigraay; inni maqaaf ministeera muummee jedhamu
H/ Dasaalenyis kanuma karaa TV fi Raadiyoo sirnichaa mirkaneessaa
ture.
Shiftoonni kun karaa adda addaatiin holola kana gaggeessaa turanis
ummanni Oromoo keessumaa qeerroon Oromoo harkaa hin fudhanne. Wixineen
jedhame kun ija seeraatinis haa ta’u karaa kamiinuu fudhatama akka hin
qabne addabaabaayitti dubbatamaa jira. Wixineen Wayyaaneedhaan olii-
gadi oofamaa jiru kun kan dantaa Oromoo eegsisu odoo hin taane kan
Oromoo moogsuuf qophaaye ta’uun eenyufuu ifaadha waan ta’eef gutummaa
Oromoo birattii fi hawaasa Oromoo biyyoota alaa jiru biratti
balaalleeffatameera. Keessumaa qeerroon Oromoo dhiiga keenya kan
dhanglaasaa turree fi jirru gaafii mirga abbaa biyuumaatiif malee lafa
abbaa keenyaatirraa akka shiftoonni Tigraayi xixiqqeessanii
qunxuranii nuuf kennaniifii miti jechuun hadheeffatanii
balaaleffachaa, dura dhaabbachaas turaniiru, ittis jiru. Sobni,
sossobaa fi afanfajjiin akkasiitis kan yeroon itti darbe jechuun
harkatti busheessaa jiru. Kanarraa ka’uunis kunoo Shiftoonni sobaa
fi waliin dhahuudhaan har’a gahan Wayyaanoonni kan jechaa turan san
haaluu eegalaniiru.
Hololli maqaa dantaa Oromoon Finfinneerraa qabu deebifina jedhuun
gaggeeffamaa turee fi jiru kun ummata Oromoo biratti fudhatama dhabuu
kan hubatan shiftoonni Tigraayi kun deebi’anii isuma jechaa turan san
haalaa jiru. Sobuun, haaluun, waliin dhahuun,yakka hojjatanii lakkii
anaa mitiin aadaa fi amala shiftootaa ta’uun beekamaa ta’us kan
Wayyaanee wanti adda isa godhu waan addabaabaayitti ta’e haluudha.
Tiba kana kunoo Wixinee Ergamtichi Hayila Maariyaam Dassaalanyi karaa
TV fi Raadiyoo dhugaadha jedhee dubbachaa ture osoo torbanilleen hin
guutiin deebisanii haalaa jiru. Hayilamaariyaam wixineen qophaayee
jiru kun yeroo dhihootti paarlaammaatti ragga’ee hojirra oola jechaa
ture. Ammammoo Gaazexaan miseensa shiftoota kanaa fi leellisaa sirna
kanaan ogganamu Ripoortar wixineen jedhame akka hin jirree fi soba
ta’e mootummaan shiftoota Tigraay kun haaluu gabaasee jira.
Ummanni Oromoo Wayyaaneen murna akkamii akka taate ummata tolchee
beeku dha.
Kanarraa ka’uunis irraatti qabsaawaa ture, irrattis
qabsaawaa jira. Kan dubbatte haaluun, sobuunii fi waliin dhahuun
Wayyaanee kun isa hin dinqu. Shiftoonni kun wixineen kun qophaaweera
jedhanis, hin jenne jedhanis Oromoof dubbii ijoo miti. Wixineen kun
qophaawuus dhiisuus, dhugaas ta’e soba, dubbii ijoon, gaafiin ummata
Oromoo gaafii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ti malee gaafii
fayidaa xixxiqoo Finfinneerraa naaf kennaa jedhuu miti. Waan ta’eefis
kaleessa dubbatanii har’a haaluun Wayyaanootaa kun sobdoota, sobaan
jiraattoota, waliin dhahoota, sirna dhablee fi bor hin beeknee ta’uu
isaanii caalaatti mirkaneessuu malee bu’aa siyaasaa fiduuf tokkollee
hin qabu.
Oromoon holola shiftoota kanaatiin dagamee falmii biyya
abbaa isaaf taasisuurraa duubatti jedhu hin jiru. Jiraachus hin qabu.
Oromoon Shiftoota kana ofirraa buqqisuuf qabsoorra jira. Yoo isaan
buqqa’an Finfinnees ta’ee guutummaan Oromiyaa akka bilisa bahuu eenyu
jalaawuu dhokotaa miti. Shiftoota waliin dhahaa jiraachuuf yaalan kana
kan xumura itti godhu, kan umrii isaanii ofirraa gabaabsu numa
ummattoota cunqursaa jala jirruudha. Kanumarraa ka’uun ummanni Oromoos
ta’e ummattoonni cunqursaa jala jiran kamuu qabsoo jabeessanii itti
fufuun dubbii fardii dha.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…