Categories: Oduu Oromiyaa

Sirni Geggeessaa fi Awwaalcha Artist Nuhoo Goobanaa

OMN

Sirni Geggeessaa fi Awwaalcha Artist Nuhoo Goobanaa bakka maatii, waahillaniifi dinqisiifattoonnisaa argamanitti Adaamaatti raawwatame.

Sirna geggeessaa Istaadiyoomii Adaamaatti raawwatame irratti jaallattoonniifi dinqisiifattoonni Artist Nuhoo Goobanaa kumaataman lakka’aman kan argaman yoo ta’u, abbootiin Gadaafi Amantaa bakkichatti argamuun kadhannaa taasisaniiru.

Maarshi Baandiin Poolisii Oromiyaas bakkichatti argamuun sirna geggeessaa gootaafi qabsa’aa Oromoo kana dabaalaniiru.

Artist Nuhoo Goobanaa Onkoloolessa 5, 1952 magaalaa Dirree Dhawaa, Qafiiraa, bakka Ganda Gaaraa jedhamutti, abbaasaa Obbo Mohammed Goobanaafi Haadha isaa Aadde Faaxumaa Adam irraa dhalatee, Amajji 18, 2022 lubbuun darbuu, seenaan gabaabaa sirnicharratti dubbifameen himamee jira.

Artist Nuhoo umuriisaa aartii muuziqaa Oromoo keessatti dabarseen Sirboota qabiyyee garaagaraa qaban, Siyaasa, Hawaasummaafi Oromummaa, sagalee kiiloleetiin humna muuziqaatiin dabaalee, afaan Oromoo fi oguma muuziqaa aannaniifi garaa waliif taasisuu danda’eera.

Artistii Oromoo hangafti Baandiin Arfan Qalloo biqilchite kun, rakkoo siyaasaa sabni Oromoo qabu, seenaan qabee yaadachiisuun, furmaata akeekee onnachiisuun afaan uummatasaa waan ta’eef, akkuma qabsaa’ota Oromoo hedduu jiruu baqattummaaf saaxilame.

Biyyoota baqaa adda addaa Jibuut, Yaman, Saa’udii Arabiyaa, Italifi Kanaadaa keessatti kan dabarse Artist Nuhoo Goobanaa, jireenya baqaa dabarse keessattis hidhamuutii hanga biyyatti deebifamuutti rakkoof saaxilamus, qabsoo biliisummaa Oromoo deggaruu irraa duuba jedhee hin beeku.

Artist Nuhoo Goobanaa bara mootummaa Cehumsaa keessas, wallee Biliisummaa Oromoo “Arra guyyaan kan Oromootiifi Tokkummaa” jedhuun uummatasaa onnachiisaafi amileessaa kan ture yoo ta’u, guyyaa weellisuuf afaan saaqqate irraa eegalee amma gaafa dhukkubni afaan isa qabdutti, biliisummaa Oromoo hawwaa, tokkummaa Oromoo lallabaa sagalee isaa kiilolee sanaan afaan uummatasaa ta’eera.

Artist Nuhoon gidiraafi hiraara mootummaa ADWUI baqatee biyyarraa ba’uun, lammummaa biyya Kanaadaa argatus, mooraa qabsoo biliisummaa Oromoo utubuuf Ertiraafi Sudaanitti deddeebi’uun wallee warraaksaan Waraana Biliisummaa Oromoo onnachiisaa, dhaloota dammaqsaa akka ture seenaan isaa ragaa Baha.

Artistiin hangafti kun lammummaa biyya Kanaadaa argatee dhuunfaatiin jiruu qananii jiraachuu danda’us, jaalala Oromiyaafi Oromoof jecha, Kanaadaa dhiisee ba’uun Oromiyaa keessatti dhukkubaan wal’aansoo qabaa waggoota hedduuf jiruu rakkoo dabarseera.

Dhibee Narviitiin dhibamaa waggoota kan dabarse Artist Nuhoon, galgala Amajji 18, 2022 dhibeen isa injifachuun, lubbuun isaa dabarteetti.

Amajji 20, 2022 magaalaa bakka jireenya isaa taate, Adaamaatti sirni geggeessaa fi Awwaalcha isaa bakka Maatii, Firoottan, Waahillan, keessummoonnii fi dhalattoonni Oromoo hedduun argamanitti raawwatameera.

Istaadiyoomii magaalaa Adaamaa keessatti sirni geggeessaa guddaan erga taasifameefiin booda, bakka awwaalcha hordoftoota Amantaa Isilaamaa  Magaala Adaamaa, Ganda Haaraatti argamutti sirni Awwaalcha isaatii raawwatameera.

Qeerroo fi Qarreen Sirna Awwaalcha Artist Nuhoo Goobanaa irratti argaman hedduun diddaa Murna aangoorra jiru irratti qaban dhageessisaniiru. Hogganoota ABO Oromoo dabalatee Hidhamtoonni Siyaasaa hidhaatti hafan akka hiikaman, Dararaan kutaalee Oromiyaa garaagaraatti Ummata Oromoo mudataa jiru akka dhaabbatu gaafataniiru.

bilisummaa

Recent Posts

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do…

3 weeks ago

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people…

3 weeks ago

The Impact of Slogan Change on the Oromo People’s Struggle for Independence

Deebitee Kootee Bilisoo October 25, 2023     Note that a political slogan stands for a cause.…

1 month ago

Fano: The Anti-Oromo Amhara fascist Paramilitary Extremist Militia Organization

October 17, 2023 Mallisee Fatansaa Sulee    Recently, a chorus of diaspora Amhara social media, the…

1 month ago

The Oromo Struggle: Unfinished Mission and Unintended Consequences

September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…

2 months ago

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

2 months ago