Categories: Yaada

Sochiin Dargaggonnta Oromoo hoogganoota fii hayyoota oromotiifi qormaata seenaan itti nama gaafatu ta’ee jira.

Haalli qabataamaan biyya keenya keessatti muli’ataa jiru akka nutti akeekutti qabsoon oromoo boqonnaa haarayatti tarkaanffachuu isaati. Galata dargaggoota keenyaa dhiginni qabsaawota oromoo lubbuu qaalii isaanii wareeganii, kan mana hidhaa keessatti dararamaa jiranii fi bakka buuteen isaanii wallaalamee firii agarsiisee arra ummanni keenya qabsoo oromootti firii horachuufi qoma qullaa rasaasa diinaa dura dhaabbachaa jira.

 

    Yeroo itti haalli mijjataan kun muli’atutti hoogganoonni dhaabota oromoo fii hayyoonni oromoo ibsa ejjennoo fii dhaadannoo qullaadhaan sab-qunnamitiilee dhiphisuu lakkisanii gadi taa’anii egeree oromoo irratti yeroo mari’atan keessa jiraachuu qaban. gadaan itti ufii walnyaannuufi olola walirratti shaakallu dhiiga ilmaan keenyaatiin dhiqamuu qaba. Akkumma adaa kenyaa carraan umamu hundatti dhimma bayuu dhiifinnee walgorgommii keessa keenyaa lalisuu irraa ufi qusannee akka ummanni keenya bayaa dhiyaa, kaabaa kibbaaan qaama tokko ta’ee dhaabbatetti afaan tokkoo dubbachuu bira dabarree egeree ifaa muli’ataa ummata keenyaafi tilmaamuufi walmariin gadifageenyaan haala hunda qulqulleesse muli’isu shaffisaan lafa kaayamuun waan yeroo fudhatu ta’uu hinqabu.

 

  Qabsoon ijjoolleen keenya qabsiisanii fi miidhaan diinota keenyaan nurratti aggaammatamaa jiru kan murnna murnaan ibsa ejjannoo qofa itti tarrifinnee harka namaatiin ibidda qabannu osoo hinta’in kan garaagarummaa keenya hiikkannee wareegama bartbaachisuufi ufi qopheessuudhaan qaama sochii kanaa taanee egeree oromiyaa fi ummata keenyaa xaliilchinee lafa keenyu keessa jirra. Ummanni keenya arra dhadannoo fi ibsa osoo hintaane tarkaanfii qabatamaa fi muli’ata qulqulluu sochii kanaa  akeekuufi barbaada, kun ammoo kan murnni hunduu akkumma itti fakkaatetti xurree fii dandii siyaasaa ufi irra dhaabbate lafa kaayamu osoo hintaane kan akka biyyaatti qaama hundaan irratti waliigalame ta’uun yeroon isaa amma.

 

 Akkumma jecha faranjii “ chance favors the prepared mind” jedhu sammuu qophaayeefi ummata qophii qabu qofa hiree umametti dhimma bayuu dandaya. Arra yeroon kan ilmaan keenya dhumaa jiruufi mala lafa keenyu,arra biyya buqa’ee mirga isaatiifi falmataa jiruufi yeroo mala itti fufinsa diddaa kanaa akeekinnu , yeroo itti dhumaatii ummata keenyaa xiqeessuu fi gabaabsuufi mala keenyu keessa jirra, yeroo itti sabaa fii sablammoota ollaa oromiyaa jiran hunda wajjiin hariiroo qabnnu lafa keenyu keessa jirra, yeroo itti madoofi du’aa keenya mala ittiin kunuunsinuun mala lafa keenyu keessa jirra. Kana ta’uu dhiifinnee  murna xixxirraa qabnnu qofa irratti hundanoofinnee “lip service” qofaan fageenyarraa dhaadannoo qofaan ummata keenya hamilchiifinnu  keessa hinjirru.

 

Kanaafi.

 

  1. Hoogganoonni dhaabota siyaasaa oromoo hunduu garaagarummaa jiru ufi duuba    kaayanii ummata keenya baraaruufi hatatammaan walqunnamanii walmarii eegaluu.

 

  1. Ummanni biyya alaa jirru bakka jirru hundatti koree qaama gargaarssa jedhu dhaabuudhaan diinagdee gayaa guuruudhaan haala dhufu hundaafi ufi qopheessuu.

 

  1. Akka dhunfaattis ta’ee akka jaarmayatti namuu nama dhunfaan beekurraa eegalee hanga ganda isaatti qunnamuudhaan akka diddaan itti jiramu kun hindhaabbanneefi toofitaa diina hubachiisuudhaan ummata keenya kakaasuu.
  2.  Hiriirri biyya alaatti geggeeffamu kan yeroo tokko qofa geggeeffamee dhaabbatu osoo hinta’in magaalaa hundatti irra deddeebi’amee geggeeffamuu.

 

  1. Haala danda’amu hundaan namoonni oromoo hidhannoo harkaa qaban akka hidhannoo isaanii hinhiikkannee fi ummanni keenya akka hidhannoo bitatu dhuunffattis ummata keenya gargaaruudhaan tofitaa wayyaneen ummata keenya hiikkachiisee fixuuf saganteeffate kana fashalsiisuu.

 

  1. Oromoota miseensota OPDO ta’an kan ta’e jedhanii tofitaa diina osoo hinhubatinis ta’ee dantaafi jecha dinaa meesha ta’anis dabalatee balaaleffachuufi salphisuu irra akka isaa qaama qabsoo deemaa jiru akka ta’an irratti hojjachuu.

 

       Haala kanaafii kan biroolle fiinxaan baasuufi hoogganoonni dhabaa akka dhuunffa dhuunffatti ibsa baasuu lakkisuudhaan hatattamaan walqunnamuudhaan sirnna wayyaannee diiggamaa jiru mala ittiin shaffisiifnuufi kufaati diina kana boodas haala itti ummata keenyas ta’ee biyya san tasgabbesinu irratti malaafi fala dhayuun yeroon isaa amma. Kana osoo hingodhin ammalle osomma akka barannetti ufii keenya waldorgominnu fii anaa sirras jabaa jennee walitti dhaadannu carraa dhalate kana hinmilkeesinu yoo ta’e dhiyinni da’imman dhangala’aa jiruu kanaafi itti gaafatama seena jalaa akka hinbaane dursinee hubachuun barbaachisaadha.

A.Jundi

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

3 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

3 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

3 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

3 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago