Categories: Yaada

SOMAAN GOOTAA URGAAYEE – 3

                                                                          Taammanaa Bitimaa irraa
WALALOO
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, amma kutaa isa xumura kana keessatti walaloo: “Somaan Gotaa Urgaayee” jedhamu sanituu isiniif dhiyaata. Walaloon kanaa gadatti isiniif dhiyaate kun: “Walaloota Uummata Oromoo” kanneen kanaan dura Oromiyaa Watajjii irraa walitti qabeeyyu keessaa kan fuudhame. Barreeffama kana kutaalee dabran lamaan keessatti waan massaanii (babnii) fi ka’umsi walaloo kanaa isiniif dhiyaatee tureef, amma as irratti irra hin deebiyamu.
Namtichi Saayiluu Dufaayee jedhamu kun wanneen inni akkuma magaalaa Amboo gayeen, Oromoonni akka hin goonee fi duukaa hin buune dhoowwutti ka’e keessaa inni tokko: “ulee qabattanii hin deeminaa” jechuu isaati. Warri walaloo kana baase: “uleedhuma ati nu dhoowwitu sanaan sitti kaana! Somaa sitti marree sitti urgeessina” jechuu isaanii-ti. Eekaa, inni meeshaa waraanaa qabeenya Oromoo fi leecalloo Oromiyaatiin bitame: qawwee, taankii fi roopphilaa waraanaa faa qabatullee Oromoon isa hin sodaannee waan qabu, shimalaan dura goruuf kutate jechaa dha. Saayiluu Dufaayee kun diddaa uummataa irraan kan ka’een, Ambo irraa gara Naqamteetti akka dabarfameeyyu kutaa dabre keessatti tuqameeti ture. Booda immoo achi irraa gara bulchaa godina Arsii tahuun gara Asallaatti dabre. Ennaa Waldaan Maccaa-Tuulamaa magaalaa Dheeraatti yaa’ii isaa gaggeeffate san, inni akka korri kun hin godhamneef hedduu dura dhaabachaa, dabreeyyuu foolisiin dhoowwisiisaa ture. Kutannoo cimtuu Oromoonni Arsii fi miseensonni waldaaa kanaa agarsiisaniin yaa’iin sun fiixaan-bawuu dandaye. Erga yaa’iin sun xumurameellee namoota achii galan irratti foolisii ergee gara namoota afurii galaafachiisee ture. Namni kun jibbii fi hammeenyi inni uummata Oromoo irratti qabu hedduu hamaa ture. Warraaqsa bara 1974 booda nomoota 60 Dargiin ajjeefaman keessaa isa tokko ture.
Yaa Saayiluu Dufaayee
Somaan, somaan gootaa urgaayee
Saayiluu yalma Dufaayee
Somaan, somaan gootaa urgaayee!
(*inni kun Buufata!*)
1) Somaa Gindabarat
Arooressa Walisoo
Qabattee hin baatuu
Yoo dhufe innisoo!
*Buufata!*
2) Yaa Kuttaaye hin jettuu
Yaa Abeebe hin jettuu
Kuttaaye isa Koluu
Abeebe isa Koluu
Ammas taanaan durii
Innoo diinaan toluu!
*Buufata!*
3) Yaa Waliso hin jettuu
                       Waliso isa Dandii
                       Walisoo isa Boddaa
                       Yoo baalageen quufte
                       Yoo roorroon hammate
Ka’ee itti-hordaa!
*Buufata!*
4) Maaf yaa Bacho hin jenne
Bacho goodaa Qarsaa
Gaaf sarageen quufte*
Gaaf roorrisaan goobe
Ka’ee itti-marsaa!
*Buufata!*
5) Jabbilee Walisoo fi ijoollee Kuttaayee
Waayee-shiin dhageenyee Saayiluu Dufaayee
Biyya Sadan Liiban somaatu baroodaa
Beeljotu gadoodaa**
Walirraan dheensituu aadaa-shiitiin oodaa!
        *Buufata!*
6) Asiin buutus garbaa
                        Achiin buutus garbaa
                        Jabbilee Oromoo
                        Yaa duchiiftu arbaa!

*Buufata!*

XUMURA DUBBII
Barreeffamni kutaalee sadiitti qoodamuun dhiyaate kun hamma tokko wayyee hacuccaa fi roorroo uummata Oromoo irratti gabroomfattoota Habashaatiin adeemsifamaa ture nuuf addeessa. Hamma tokkos diddaa fi fincila uummanni kun adeemsisaa ture nutti agarsiisa. Diddaa fi fincilli akkanaa kun godinoota Oromiyaa fi gosolii Oromoo maraan kan adeemsifamaa ture. Haatahu malee, barreeffamuun uummataaf hin dhiyaanne. Dhugaa, kun hojii fi dirqama Oromoota waa baratan ija-banatee ilaalaa jiru. Kunis qaama qabsoo saba keenyaa tahuu isaa akeekkachuu fi beekuun irratti xiyyaaffannee adeemsisuu qabna. Amma uummanni Oromoo karaa maraan cimee, tokkoomee, hidhatee garuma fuuldurraatti tarkaanfachuu malee, filmaata biraa hin qabu. Uummanni Oromoo birmadummaa, sabni Oromoo bilisummaa, biyyi Oromoo, Oromiyaan walabummaa ofii humna ofiitiin deebifatanii akka gonfatan abdiin kiyya daran guddaa dha!
============ Hubachiisota Miiljalee  ============
* “saragee” = “wanbadee“, “kashalabbee“, “gandalabbee” jechuu dha.
** “beeljoo” = qawwee “beeljigii” jedhamu kan Biyya Beeljigii-tti (“Belgium“) hojjatamuun booda gara biyya keenyaa seene.
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago