Oduu Oromiyaa

Tamaam Mohammed: dargaggeeysa dandeeytii waa kalaquutiin eeybifame

Tamaam Mohammad Bakar dargaggoo ganna 25 yoo tahu, dhalataa fi jiraataa Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaa Araddaa Gaara Gaafaa magaalaa Cabbiiti. Dargaggoon kun nama yaalii adda addaa taasisuun Xiyyaaraa fi konkolaataa xixiqqoo hojjatee jira.

Akka Afaan isaa irraa odeeffannetti, kaka’umsa mataa isaatiin osoo waan irraa fakkeenya waa uumuu laallatu hin qabnetti biyya ifaan elektirikaa hin jirre, biyya daandiin Asfaaltii guddaan keessa hin dabarre, Araddaa bulchinsa Aanaa irraa fagoo taate keessatti hojii kalaqaaa waa uumuu kana nama hojjateedha.

Dargaggoon kun barnoota idilee sababa rakkoo maatiin kutaa 5ffaatti adda kutuun, mootoraan galii argateen akka of jiraachisaa jiru dubbate. Osoo hojiis hojjatee of jiraachisaa jiruu, hojii kalaqaa kan daa’imummaa isaa irraa fedha guddaa qabaachaa tureen meeshaalee elektirooniksii badan suphuudhaan deebisee faayidarra oolchaa ture.

Yeroo ammaa dargaggoon kun Xiyyaa xiqqoo isii kan bitaa mirgaan mootora dinaamoo qabdu, hojjachuudhaan balaliisuuf yaalii taasisaa jira. Meeshaalee ittiin waan kana hojjachaa jiru eessa akka argachaa jiru yeroo gaafannu, inniis meeshaalee naannootti gataman kanneen akka laastika bishaan irraa dhuganii fi dinaamoo fi baatirii mobaayilaa fayyadamuun waan kana hojjatee jira.

Uumamaan namni dandeettii akka kanaa qabu, osoo deeggarsa qaamolee addaa addaa irraa argatee waan guddaa hojjatee as baasuu akka danda’u shaakkiin hin jiru.

Aanaan Gola odaa gama isaatiin dargaggoo kanaaf deeggarsa barbaachisu akka isaaf hin godhin dargaggoon kun dubbatee jira. Bulchinsi Aanaa Gola Odaa dargaggoota akkasii funaanuun ykn iyyaafachuun akka dhalootaaf fakkeenya ta’anitti ol baasee haala mijjeessuuf qabaan dhaamsa.

Isaan qofaa miti, namoonni dargaggoo kanaa fi dhaloota isa fakkaatan maraa as baafnee biyyaaf akka isaan tahanitti gargaarra jettaniis qunnamuu dandeessu. Biyya teenya Oromiyaa iddoo garagaraa keessatti ijoolleen dandeettii addaa qaban kanneen dhokatanii hafaa jiran kumaatama waan tahaniif ol baasaa miidiyaa hawaasaatiin ummata Oromootti mullisaa.

Maddi OPM

bilisummaa

Recent Posts

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do…

3 weeks ago

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people…

3 weeks ago

The Impact of Slogan Change on the Oromo People’s Struggle for Independence

Deebitee Kootee Bilisoo October 25, 2023     Note that a political slogan stands for a cause.…

1 month ago

Fano: The Anti-Oromo Amhara fascist Paramilitary Extremist Militia Organization

October 17, 2023 Mallisee Fatansaa Sulee    Recently, a chorus of diaspora Amhara social media, the…

1 month ago

The Oromo Struggle: Unfinished Mission and Unintended Consequences

September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…

2 months ago

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

2 months ago