Yaada

Tayyee Dendea Areedo; Yaa’ii caffee Oromiyaarratti akkaan hin dubbanne afaan na qaban

Oolmaa Caffee Irratti Yaada Koo

Ashaaraa Dhugaa!

Seensa

Filannoo marsaa 6ffaanin miseensa Caffee Oromiyaa ta’e! Shawaa Kaabaa Naannoo filannoo Kuyyuu irraayi. Miseensa paartii Badhaadhinaa fi bakka bu’aa ummata 100,000 tokkooti. Akka heera Oromiyaa keewwata 48(3) jalatti tumametti ammoo bakka bu’iinsi koo ummata Oromiyaa maraafi! Lukoo ummata kanaa ta’een Caffee jira. Ummata na ergate, heera fi sammuu koo qofaafin gaafatama!

Wanti gatii guddaa kanfallee qabsoofneef bilisummaa dha. Bilisummaan bu’uuraa ammoo mirga dubbiiti. Mirgi dubbii dhabamnaan mirgi biraa hin jiraatu. Mirga dubbiitii alatti namoomni guutuu hin ta’u! Mirga yaada bilisaan ibsatuu gatii qaaliin arganne kana namiifuu hin dhiifnu! Tikseen mirgichaa seera fi heera ta’uu yaa hubannu! Heera Itoophiyaa fi Heera Oromiyaatu wabii mirga kanaati! Dhugaan qallattus booda hunda mooti!

Marii Caffee Duraa Irratti

Hojimaata Caffee keessa mariin Caffee duraa hin jiru. Korri caffee galma caffee qofatti gegeeffama. Garuu miseensoti caffee tuuta 6tti qoodamuun gabaasa dheengadda dhiyaate irratti guyyaa lamaaf raawwachiiftota olaanoon mariisifamuun kallattii fudhatan. Sodaachisoonis keessa jira. Kun ta’uu hin malle jedheen amana. Sababoota sadiif. Tokko hojimaata caffee keessa hin jiru. Waan hojimaata keessa hin jirre dalaguun amanamummaa fi cimina jaarmaa huba. Lama makamuu qaamolee mootummaa ittisuu dha. Qaamolee mootummaa adda addaan gurmeessuun too’annoo fi madaala eeganii badii irraa akka wal-tiksaniifi. Sana dhugoomsuuf jara jidduu fageenyi jiraatuu qaba. Fageenyi sun eegamuu dhabee raawwachiisaan caffeef kallattii keenyaan makamuutu dhufa. Makamuun ammoo madaala diige rakkoo dhala. Silaa Caffeetu raawwachiiftuuf kallattii kaayuu male. Sadi tokkummaa fi hubannaa cimsuu dha. Miseensoti Caffee gaaddisa tokkotti mari’atuun wal-barnoota uuma. Haala qabatamaa godinaalee fi aanaalee hundaa miseensi ni barata. Sun wal amantaa fi wal-hubannaa guddisa. Tokkummaan sabaa fi biyyaa akkasiin ijaarama.

Ajandaa Dhiyaatan Irratti

Kabajamoo af-yaa’iin ajandaalee sagal diriirsuun yaada gaafatan. An san hordofeen harka baase. Kabajamoon waan harka koo argan natti hin fakkaanne. Saniifin yaada qabaatuu koo dubbadhe. Hayyama malee dubbatuun dhorkaa ta’uu himuun carraa naaf kennan. Garuu maayikii waan cufaniif dubbiin koo dhagayamuu dide. Kabajamoon “Carraa kenname fayyadamuu hin dandeenye” jechuun gara ajandaa mirkaneessuu cehan. An ajandaa mormee harka baasus harki koo waan hin muldhanneef “Sagalee Guutuu raggaafame” jedhan. Harki gariin ammoo otoo hin bahin muldhataa oole!

Silaa Oromummaan dhuudhaadha. Duudhaan sun ammoo dubbii hin dhoowwu. Kanaaf “Dubbii gala malee baha hin dhoowwan” jedhama. Afaan nama qabaa “Oromummaatti deebina” jechuun waan hin taane. Ammas jarri sagalee too ukkaamsuu qofa galma godhate. Akka amalli jalaa saaxilamu hin beekne. Mee ammaan duuba akkamiin maqaa dimokiraasii kaasu? Namni hooggansa badhaadhinaa fi miseensa Caffee kabajamaa ukkaamse eenyuuf mirga dubbii hayyama? Yoo mirgi dubbii hin jirre ammoo akkamiin dimokiraasiin ijaarama? Tana diduun haqa teenya!

Gabaasaa Irratti Mormii koo…

Akka kiyyatti ajandaa fardiin nageenya fi itti gaafatamummaa dha. Ajandaan kamuu sana dursuu hin qabu. Haala qabatamaa waggaa guutuu keessa turree fi ammas keessa jirru waliin Dhimma nageenyaa kophaatti laaluun dirqama jedheen amana. Dubbicha sirriitti ilaaluun Miidhaa fi kisaaraa dhaqqabeef ammoo itti gaafatamummaa mirkaneessuu barbaachisa. Otoo kana hin godhin karoora bara dhufuu ilaaluun sirrii miti. Ajandaa nageenyaa ajandaa midhaani fi bishaanii keessa makuun qoosaa malee waan biraa hin ta’u!

Mariin dheengaddaa ajandaalee sadi bakka tokkotti hammate. Isaanis gabaasa bara darbee, karoora bara dhufuu fi baajata dabalataa bara darbeeti. Dhimmooti sadanuu of-danda’anii ilaalamuu qabu jedheen amana. Ajandaa sadi wal-keessa makanii mirkaneessuun iftoominaa fi qulqullina haguuga. Namni baajata dabalataa mormee karoora bara dhufuu deeggaru jiraatuu mala. Gabaasa deeggaruu fi karoora mormuunis ni danda’ama. Ulaagaa kamiinuu ajandaalee sadi wal-keessa naqanii bakka tokkotti sagalee kennisiisuun sirrii natti hin fakkaanne!

Akka kootti gabaasaan nageenya irratti dhiyaate Caffee kabajamaa waan madaalu hin seene. Bara tare yeroo akkanaa “baatii muraasa keessatti nagaya buufna” jedhamee ture. Gabaasi ammoo Namooti lakkoofsan xiqqaa hin taane harka kennatuu, meeshaaleen garagaraa qabamuu, daandiiwwan cufaman banamuu fi gandooleen muraasni diinan qabaman gadilakkifamuu hima. Kun maal jechuu dha? Lakkoofsan kaayuun maaf dadhabame? Gabaasi kun karoora bara darbe qabame biratti akkamiin ilaalame? Maaltu karoorfame? Sana keessaa hagamtu raawwatame? Maaliif nagaya baatii muraasatti fiduuf waadaa galle waggaattuu dhugoomsuu hanqanne? Eenyutu maal hanqise? Namni gaafatama seeraan fudhate guutuu hanqate hoo maaliif hin gaafatamu? Maaltu rakkoo kana keessaa bahuu nu dhorge? Amma maaltu nu baasa? Ija kanaan yoo ilaallu gabaasichi guutuu miti! Caffeef hin madaalu!

Bar-dheengaddaa aanaalee muraasa gama dhihaa irraa kan hafan bakka hundatti filannoo gegeessine. Barana garuu godinoota saddeetitu rakkoo fi yaaddoo nageenyaa qaba. Ummati amanee nu filate qubaa cituu fi salphatuu kabajamoo pirezedantiin kaasaniiru. Waan seenaa keessatti qaanessaa “Dhiiratu gudeedame” jedhan. Kun hunduu bulchiinsa isaanii jalatti ta’e. Miidhamaa fi salphina sana oolchuun gahee mootummaati. Diina keessa fi alaa komatuun waan tokko. Dubbii ofitti qabuun itti gaafatamummaa mirkaneessuun ammoo waan biraati. Rakkoo keenyaaf orma abaaruun furmaata hin ta’u!

Gama kaanin miidhaan ummata keenya irra dhaqqabe gabaasicha keessatti hin muldhanne. Fulbaana haga hardhaa Oromiyaa keessatti namoota nagayaa meeqatu ajjeefame? Nama meeqatu qaamaa hirdhate? Meeqatu qe’ee fi qabeenya irraa buqqaafamee dararamaa jira? Mana hiyyeessaa meeqatu gubate? Sangaa hiyyeessaa meeqatu qalame? Dhiiraa-dubartii meeqatu gudeedame? Qabeenya mootummaa fi dhuunfaa hagamtu mancaafame? Nagaya tiksuun yoo dhibellee miidhama kana qindeessanii gabaasun maaf dadhabame?

Ragaan marii keessatti dhiyaate nama surura. Bulchaan Wallagga Lixaa kabajamoo obbo Gammachiis Dabalaa, godinichatti Oromoon nagayaa 1105 ajjeefamuu, guyyaa tokkotti hooggansi 28 wareegamuu fi qabeenyi biliyoona 3 caalu mancaafamuu kabajamaa Caffeef kallattiin himan. Amaara qofa otoo hin taane Oromoonis ajjeefame jechuufi. Garuu dhumaatiin Oromoo ajjeechaa Amaaraa sirrii hin taasisu. Gaafatamni mootummaa nageenya ummata lachiituu tiksuu dha. Akka Shawaa Kaabaatti ammoo ragaan qabnu Fulbaanaa gamanatti namooti nagayaa 210 ajjeefamuu, namooti 109 qaamaa hirdhatuu, manni 526 gubatuu, sangaan hiyyeessaa 410 qalamuu, maallaqi callaan biliyoonni 1.5 saamamuu, manneen barnootaa 195 cufamuu fi barattooti 75,000 barumsa dhabuu agarsiisa. Gaafa itti dhiyeenyaan qoratamu sanaa oliyyuu ta’uu mala. Garuu yoo shawaa kaabaatti hagana ta’e, Gujii fi Wallaggatti hagam ta’inna? Shawaa Lixaa fi Shawaa Bahaatti hoo miidhaan gahe hagami? Rabbitu beeka! Ammoo Gargaarsallee itti gaafatuu silaa kun qindaayee dhiyaatuu male. Maaliif sirnaan kurfaayee dhiyaatuu dhabe? Sababooti danuun jiraatuu mala. Anaaf garuu quuqamaa fi marartee dhabuu natti fakkaata. Namni saba kana irraa dhalate xiqqaatu akkamiin gabaasa miidhaa sabichaa harkaa dhaba? Quuqami akka hin jirre kakadheen hima. Nama guddaatu “Maaliif waan ummataa dhiphatta?” naan jedhe. Dhiisii sirbi jechuu dha!

An waan hojjatame hin haalu. Keessattuu hojii mootummaan federaalaa fi Finfinnee abidda keessatti hojjatan rt dinqisiifatuun sirrii dha. Waan dhalootaaf cehutu raawwatame! Ammoo Xiqqaatus guddatus qamadiin bona qotameera. Qonna ammayyeessunis yaalameera. Manni barnootaas ijaaramuun eebbifameera. Kunnii martuu dansaa dha. Garuu ummatin an bakka bu’e waggaa lamaan gamanatti waan dhabe malee waan argate hin qabu. Qonni ammayyaa hafee sangaanuu harkaa qalamee dhumeera. Mana barnootaa duraan qabuttuu ilmaan barsiifatuu hin dandeenye. Nagaya fi kabaja kaleessa qabu dhabeera. Manni irraa gubatee akka bineensaa ala gala. Barana beela keessa jira. Waan hin qotatiniif bara dhufu haalli kana caalaa hammaatuu mala. Gujiitti ammoo jiruun ummata keenyaa dachaa kanaa hadhaya. Haalli Wallagga afranii fi Shawaa Lixaas akkanuma. Warra foon dheedhii cuffatee wuskii habbuuqaa buluuf kun “Milkaa’ina hunda-galeessa” keessatti ilaalama. An garuu ergarama ummata kiyyaatti qoosuu hin danda’u! Akka malee na dhukkuba! Kanaafin Gabaasa morme.

Namiifuu ifa yaa ta’u! Kaayyoo biraa hin qabu. Dhugaa qofaafin dubbadha. Waanuma gaafa Moyaalee santu hardhas na dubbisa. Nework jedhame dhugaa dha. Ijaaramni gandummaa fi hanna bu’uureffate jira. Sun garuu anaa fi quuqamtoota sabaa hin ilaallatu. Warra siyaasaan qumaara jedhee amanutu diriirfatee ittiin hooggansa gameeyyii dhiibee dhugaa ummataa nyaata. An Network hin barbaadu. Qabsoon dhugaa malee daboo hin barbaaddu jedheen amana! Abbaa dhugaa faana hundatu dhaabata! Fakkeessaaf otoo hin taane dhuguman biyyaa fi ummataaf qabsaaya! Gorsaan qabsootti hin seenne! Itti gaafatamni koo heera, ummataa fi qalbii kootiif qofa ta’uu Heera Oromiyaatu keewwata 48(3) jalatti naaf kenne!

Labsii Baajata Dabalataa Irratti

Labsii baajata dabalataa sagaleen dhoowwadhe. Sababi dhimmichi gaarii fi yaraa hammatuu dha. Aanaalee danuun rakkoo guguddaa keessa turan. Kanaafuu baajanni dabalataa isaaniif mala. Garuu bakka ummati keenya rakkoo hamaa keessa jiruu fi bajanni duraa hanqatetti ollaa deggaruuf chaarteriin lafa maruun sirrii hin turre. Baajati gara kanaan qoodame sirrii miti. Kana deggaruun naaf hin taane. Kanaafin sagalee too takkittii dhoowwadhe. Akka waa hin geeddarre beeka. Garuu seenaaf galmaayuu qaba. Dhaloonni irraa barata!

Labsii Baajata 2015 Irratti

As irrattis sagaleen dhorgadhe. Sirrii fi dogongoratu wal-make. Akka waliigalaa baajatichi Oromiyaaf yoo xinnaate malee hin guddatu. Baajata dabaluun waan dansaa dha. Akkaataan itti qoodames haga tokko mishuma. Keessattuu Poolisii Oromiyaaf qarshii biliyoona 9.5 ramaduun haqa-qabeessa. Ijoolleen nagaya ummataatiif dhiiga fi lafee kanfalan bajata sana madaalu argatuu qabu. Mindaa nyaata qofaafuu isaan hin geenyetu kanfalamaafii jira. Kun jijjiiramuu qaba. Bajata qonnaa guddisuunis sirruma. Garuu biliyoona 28 caaluu hin malle. Buqqaatii jiru waliin Biiroo Hawaasummaaf biliyoona 12 ramaduun yaraa miti.

Dogongorri bakka sadi jira. Tokko baajata barnootati. Hojjataa Oromiyaa keessaa harki walakkaan barsiisaa ta’uu kabajamoo pirezedantiin himaniiru. Barnoonni ajandaa Oromiyaa ijoo ta’uus guyyuu dubbatu. Waan dansaa dha. Sun garuu barsiisaa galateeffatuu qofaan hin dhugoomu. Galanni mishaa ta’us jiruu barsiisaa hin geeddaru. Dhugaatti barsiisota galateeffatuun Baajata seekterichaa wayyeessuu ifa! Jiruu fi hamilee barsiisaa fooyyessuu gaafata! Qarshii biliyoonni sadi ammoo sana hin gootu. Yoo xinnaate biliyoona afur dabaluu barbaachisa. Lama ammoo baajata caffeeti. Caffee kabajamaa Oromiyaatiif qarshii miliyoona 133 qofatu ramadame. Kun waan itti yaadamee caffee laaffisuuf godhame fakkaata. Waajjira pirezedantiif qarshii biliyoona 1.6 tu ramadame. Kun dansaa dha. Garuu baajati Caffee akkamiin kanaa gadi ta’a? Akka heeraa Oromiyaatti aangoo olaanaan kan caffeeti (keewwata 49(2). Caffeen raawwachiiftuu hunda qoratee sirreessuuf aangoo qaba. Garuu baajata hin qabu. Miliyoonni 133 maal hojjatti? Aangoon baajataan hin deeggaramin ammoo gatii hin baasu. Caffee hirkataa gochuuf akkas ta’e. Kanaafuu baajanni caffee xiqqaatu baajata waajjira pirezedantii caaluun fardii dha. Yoo san too’annoo fi madaalliin qaamolee mootummaa jidduutti dhufa. Sadi baajata biiroo Bulchiinsaf Nageenyaati. Rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessa jiru ni beekama. San sirreessuuf odeeffannoo sirrii fi si’ataa feesisa. Baajati ramadame garuu qarshii miliyoona 399 qofaa dha. Tun eessatti maal hojjatti? Yoo xinnaate biliyoona tokko dabaluu barbaachisa jedheen amana. Kanaafin sagalee dhorgadhe.

Muuxannoo Shiraa Irratti

Anaaf Ida’amuun sirrii dha. Qajeeltoon Ida’amuu ammoo obbolummaa, sab-daneessummaa fi bilisummaa dha. Miseensa badhaadhinaa hundaafuu siyaasaa jechuun qajeeltoo kanaan biyya ijaaruu fi ummata tajaajiluudha jedheen amana. Shirrii dhibeewwan jajjaboo siyaasaa Itoophiyaa keessaa angafa. Kanaaf hannaa fi finxaalessummaa waliin gufuu Ida’amuu jedhame. Gariin garuu shiraa fi gidiraa wayyaanee irraa dhaaleen dhaadata! “Siyaasaan qumaara ittiin ummata burjaajessani” jechaa boona! Beekumsa jechuun fafakkeessuu fi burjaajessuu itti fakkaata. Ajaa’ibuma! Waan silaa ittiin saalfatamuun dhaadatama! Mee namni akkamitti “badhaadhina” ofiin jechaa baattoo amala wayyaanee ta’uun boona? Kan tokkummaa fi nagaya keenya jeeqe namooti jaarii wayyaanee baatan aangoo mootummaa dhuunfatuu dha! Shirri wayyaanenuu ittiin kufe hoo eessa nama geessa? Xannacha Badhaadhina irraa cituu maletu badhaadhina irraa nu kutuu heda!

Maraafuu nuti ilmaan Badhaadhinaati! Qajeeltoon keenya kabaja lammiilee, bilisummaa, sab-daneessummaa fi obbolummaa dha! Gootummaa, fayyaalummaa fi jaalala biyyaa malee shiraa fi gidiraa hin qabnu! Ilaalcha wayyaanee yoomillee hin hawwinu! Silaa san taatee duraanuu sirna wayyaanee hin dinnu. Ammas baattoo amala wayyaanee hin fudhannu! Wayyaaneen shiraan ganna hidhee nu darare. Barataan ammoo barsiisaa caaluu waan maluuf warri wayyaanee jalaa shira barate nu ajjeesuyyuu danda’u. Ilma namaaf duuti waan hin hafneef dhugaa ummataa dubbatuu hin sodaannu! Warri koomishinar Salamoon Taaddasaa ajjeesee fi Komaandar Tasfaayee Dinquu madeessuun yaala dhoowwate nuufis hin nahu. Ammoo hin gaabbinu! Yoo duune ilmaan teenna sabi akka guddisu hin shakkinu!

Barana hiikoon gamnummaa yaa jijjiirame. Shiruu fi hatuutu qaroomina jedhama. Ulaagaa kanaan safaranii “Gowwaa” nuun jedhu! Ammatti Gowwaa ta’uun yakka natti hin fakkaatu. Garuu gaaf tokko akkuma “hiyyeessi fi wallaalaan Oromoo miti” jedhame san “Gowwummaan yakka” jedhamuu mala. Guyyuu raajiin waan dubbatamuuf shakkuun hin badu! Wanti guddaan dhiigi fi haqi namaa harka keenya irra jiraatuu dhabuu dha. Takkaa hin hanne; hin sobne! Otoo beeknuu Dharaa fi cubbuu waliin hin dhaabanne. Dhugaa tanaaf jecha yoo “Gowwaa” taane nulleen Gowwummaa tana yaa jaalanne!

Sirnaaf Quuqamuu Irratti!

Sirni kun taphaan hin dhufne! Gatii guddaatu itti bahe. Lubbuu fi jiruu gootota danuutu wareegame. Dhiiraa-dhalaa keenyatu saniif jecha dararame! Qeerroo fi qarree kumaatamatu diina didee kichuu cite! An sana keessaa gaheen qaba. Umrii koo irraa ganna kudhan saniifin wareege! Kanaafuu sirnichi na marara. Kufaatii biyyaa fi miidhama ummataa hin hayyamu! Kanaafin ofirraa bahee dhugaa dubbadha! Akka warra teessoo irraa teessotti, hanna irraa hannatti cehee, injifannoo ummataatti qoosuun naaf hin ta’u! Gariin gatii injifannoo ummataa hin beeku. Dhugaa qabatamaa irra xarmusii wiskiitu itti muldhata! Gaafa cinqii Machaayee rakkoo fi gadadoo ummataa dagata. Achii nagayaa fi misooma gabaafata! Gaafan kana arguu fi dhagayu onneetu na-dhukkubsata! Deemsi eegalle kufaan waan biyyi hafu hin sehu! Gaafa biyyi koo kufu ammoo ana qofa otoo hin taane firaa-fiixaan kiyyatu kufa! An Dubaay ykn Atilaantaa irraa mana hin qabu! Baqatuus hin fedhu!

Mataa jiru irratti qarree qoru. Aangoos biyya jiru irratti koru. Kanaafuu an biyyaa fi ummata afaan bineessaa keessaa baasuu malee fedhii biraa hin qabu. Kanin dubbadhuuf biyyaa fi ummata baraarudha. Rakkoo jabaatu nutti jira. Kan rakkanne ammoo keessa! Xannacha hamaa biyyaa fi ummata badiitti hoofutu nu keessa jira. Dubbannee fayyisuu barbaachisa!

Mana ofirratti diiguun gowwummaa hamaa dha. Gorsi “Mana keessan ofirratti hin diiginaa” jedhu sirruma! Mana qaban irratti dabalatuutu qaroomina. Ida’amuunis tanuma hima. Garuu maaltu mana diiga? Tanaaf fagoo deemuun hin feesisu! Duudhaa warra keenyaa hubatuun gahaa dha. Kan mana diigu shiraa fi gidiraa dha. Tokkummaa keessoo keenyaa shiratu laaffise! Obbolummaa fi sab-daneessummaas shiraa fi kijibatu burjaajesse! Ammoo aanan jige haguma hafe ol qabu. Amma mana diigame suphuun dirqama. Sun garuu dhugaa fi fayyaalummaa gaafata. Haga fedhe guddatus muuxannoon shiraa diiggaaf malee ijaarsaaf hin gargaaru!

Sirna cimsanii ijaaruun biyyaaf utubaa dha. Garuu sirni qoosaan hin ijaaramu. Qajeeltoo fi hojimaata hordofuu gaafata. Qajeeltoo Badhaadhinaa faallessaa fi hojimaata Caffee cabsaa ijaarsa sirnaa hawwuun abjuu guyyaati!

Dubbiin olaantummaa seeraas sirriidha. Mirgi daangaa qabaatuu qaba. Nama daangaa darbee mirga namaa tuqe seeraan gaafatuu feesisa. Garuu yakki marti qixa miti. Haala fi ulfinaan wal caala! Warri gaafa ajjeechaa abbootii Gadaa kolfe hardha jechaan dallanuu hin danda’u! Madaala gaafata!

Tarii lammii fayyaalessi “Maaliif keessootti hin dubbanne?” jechuu mala. Gaafii sirrii dha. Silaa cufannee mari’annee yoona as hin jirru. Qaata jabaannee biyya jabeessina. Akka malaa mariin jiraatuuf ammoo guddoo kadhanne! Namoota guguddoonis danuu gorfamne. Garuu hin milkoofne. Marii keessoof karri cufaa dha!

Nageenyi Badhaadha. Oromiyaan nagaya! Itoophiyaan nagaya! Afrikaan nagaya! Addunyaan nagaya! Horaa Bulaa!

Galagalcha

# Waajjira Caffee Oromiyaatiif

# Miidiyaaleef

bilisummaa

Recent Posts

Protests erupt across Oromia after latest violence in East Wollega, OLF calls on Oromos to “defend” themselves

Addis Abeba – Protests erupted in many towns and cities, including schools and university compounds,…

3 days ago

Xiinxal siyaasaa haala yeroo wajjiin deemuu fii madaala kaasu

Shabboo Miidiya: Seenaa amaarsaa fii gara jabeenya isaanii. https://www.youtube.com/watch?v=MjL1acJzXgc

3 days ago

Finciluun furmaata!

Gocha suukkanneessaa sirni nafxnyaa Oromoo irratti gidduu kana raawwachaa jiran balaaleffachuun Barattoonni Oromoo godina addaa…

3 days ago

Open Letter to US, AU & EU Special Envoys on the situation in Oromia

His Excellency, Olusegun Obasanjo, former President of the Federal Republic of Nigeria and AU High…

1 week ago

Politics Of Lamentation In Ethiopia: Ethnic Elite’s Politics For Resources And Land Through Power

By Daniel Behailu Overview of Ethiopian Politics  Africans have always complained that their resources are looted…

1 week ago

Siyaasaa fi amantii

Akkuma beekkamu baroota dabran keeysa gaafa mootummaa EPRDF sanitti hoggansa amantiin isaa islaama tahe irra…

3 weeks ago