Categories: Oduu Oromiyaa

Tokkummaa Jaarmayoolee fi Gurmuulee ABO

Bilisummaa fi Abbaa Biyyummaa Oromoo Dhugoomsuuf Tokkummaan Dhaabbilee Siyaasa Oromoo Murteessaa dha. Qabsoon hadhooftuu bara dheeraa dhaloota irraa dhalootatti darbaa turte, wareegama qaqqaalii gaafatus , Ummanni Oromoo akka Oromootti, biyyi isaa Oromiyaan akka Biyyaattii sadarkaa dubaatti deebi’uu hin dandeenye irra gayamee jira. Gootota fi hayyonni mul’atoon ilmaan Oromoo lubbuu jijjiirraa hin qabne kafalaniin Oromoo akka Sabaatti, Oromiyaa akka Biyyaatti, akkasuma eenyummaa isaa wajjin balleessuuf jaarraa tokkoo ol itti duulame fashalsanii jiru. Kabajaa fi ulfinni bara baraan wareegamtoota ilmaan Oromoo kaffalaniif, Ummata Oromoo biratti yeroo hunda kan yaadatamuu dha.

Diinni Oromoo dhufaa darbaan tooftaa bittaa fi gabrummaa isaa jijjirachuudhaan duula dhuma hin qabne ilmaan Oromiyaa irratti banuudhaan, ajjeechaan, qabeenya isaa saamuun, dhabamsiisuun, mana hidhaatti guuruun haadhaa fi abbaa ilmaan maleeyyii taasisuun itti roorrisuu fi tuffachuun toftaa bittaa isaanii ti. Haata’uu malee gochaa ilma namaaf hin malle sirni kaleessa turee fi kan amma aangoorra jiru tooftaa wal fakkaataan Oromiyaa cabsanii qabatanis, qabsoo isaa bifa kamiinuu dhaamsuu hin dandeenye.

Qabsoon oromoo yeroo kamuu caala, jabaataa fi ofi haaromsaa dhaloota bilisummaa goonfachuu fi mul’ata tokko qabu geessifatee jira. Kanaaf sochiin qabsoo Oromoo yeroo kamuu caala, diina Oromiyaa shororkaa fi abdii kutannaa keessa galchee jira. Faallaa kanaa ammoo mooraan qabsoo Oromoo jabaachaa fi dhaloonni qubee, falmii bilisummaa fi abbaa biyyummaa isaa jabeessee gola diinaa hunda keessatti finiinsee jira. Kun injifannoo isa guddaadha. Qabsoon roga hundaan ilmaan Oromiyaa gaggeessaa jiran injifannoolee dhaloonni haarawaan itti boonuu fi riqicha galma qabsoo keenyaa ittiin gahuu dandeenyu nugonfachiisee jira. Diinni keenya hamma yoonaa kan nurra bubbuleef tooftaa qoqqodanii bituu ilmaan Oromoo gidduutti dhalcheen ta’uun isaa wal nama hin gaafachiisu.

Tokkummaa dhaabilee Oromoo akka hin dhugoomnee halkanii guyyaa hojachuudhaan, aangoo gabroomfataa isaa turfatuu danda’ee jira. Ilmaan Oromoo tooftaa diinaa kana cabsuuf qabsoo guddaa taasisanii jiru. Yeroo ammaa tooftaan qoqqodanii bituu diinaa kun akka bakka hin qabne dhaloonni amma jiru sirnaan hubatee jira. Tokkummaa dhabuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo page 1 keessatti mumuldhachaa turuun isaa diinni keenya akka nurra bubbulu taasisee jira. Galii keenya isa maayyii gahuuf falli tokkichi mooraa qabsoo Oromoo tasgabbeessuu fi tokkoomsuudha. Kanaaf, nuti jaarmiyooleen fi gurmuuleen siyaasaa Oromoo maqaan keenna jalatti tarreefame qabsoo bilisummaa fi abbaa biyyummaa Oromoo dhugoomsuuf qabsa’aa jirru , waamicha ummata Oromoof awwaachuudhaan mooraa Oromoo tokkoomsuuf murteessinee jirra. Ardha irraa kaasnee humna, qabeenyaa fi beekumsa qabnu wolittiqindeessuudhaan galii qabsoo keenyaa milkeessuuf murteessinee jirra.

Murtiin walii galtee keenyaa

1. Mirga fi Bilisummaa Lammii Oromiyaa fi Ollaa Oromiyaa osoo hin tuqin, Biyya Oromoo Oromiyaa ijaarachuu fi bilisummaa Oromoo dhugoomsuu akka dandeenyu, kanaafis akka qabsoofnuu fi kanaaf kan malan tarsiimoo fi toftaa galma gahiinsa kanaaf waadaa waloo qabaachuu keenya ijjannoo fudhannee jirra.

2. Hiree ofiin murteeffannaa ummata Oromoo karaa bilisa ta’een taasifatu milkeessuu fi murtee hiree murteeffannaa Oromoo alduree tokko malee hojiirra akka ooluu fi dhugoomu ijjannoo fudhannee irratti waliif gallee jirra.

3. Masakamni keenya sirna bulchisa Gadaa, dimokraasii fi dandeettii qabsoo Sabaa tarkaanfachiisuu danda’uu irratti kan hutubamuu ta’uu akka qabu ijjannoo tokkoon irratti waliif gallee jirra.

4. Giddu galli qabsoo keenyaa Oromoo humneessuu, hidhachiisuu, dammaqsuu, dirree qabsoo dachee Oromiyaa keessatti gadi dhaabatte baballisuu, waraana bilisummaa Oromiyaa bifa harawaan ijaaruu irratti ijjannoo tokko fudhannee jirra.

5. Sagantaa siyaasaa: Hanga Korri Sabaa taa’utti, sagantaa siyaasaa waloon qabnu kan dhaabilee kuni marti gargar bahuu dura Kora ABO bara 2004 irratti ragggaasifameen masakamna.

6. Maqaan Dhaabilee Oromiyaa tokkoomnee Adda Bilisummaa Oromooti (ABO). Alabaan dhaabbilee Oromiyaa tokkoomnee Alaabaa ABOn jalqabaa hanga arraa itti qabsaaweeti. page 2

7. Kora Sabaa guyyaa walii galtee kana dhuguumsinee kaafnee, waggaa tokko keessatti akka waamamuu fi koreen qopheessituu kora Sabaa ammumaa kaasee akka hojii isaa jalqabu waliif gallee jirra.

8. Miseensaa, qabeenyaa fi caasaa jaarmayoolee kana dura turan bifuma waliigalle kanaan bakka tokkotti fiduudhaan hoogganaa fi caasaa dhaabaa tokko jalatti akka masakamu waliif gallee jirra, caasaa hoogana hanga kora geenyutti nu hooganuus tolfanne jirra.

9. Amma korri sabaa ta’utti hooggana waloo tokkoon hoogganamuudhaann jaarmiyaalee waliif galle hundaa ka ammate koree hojii gaggeessituu fi caasalee dhaabaa hojiif malaan waloon hutubachuuf wolii gallee jirra.

10. Hoggannoonni yeroof dhaaba tokkoome hoogganu:  Jaal Abbaa Nagayaa Jaarraa, Hayyuu Duree,  Brigadier General Hayiluu Gonfaa , Itti-Aanaa Hayyuu Duree, yoo ta’aani ramaddiin hooggannoota hafaanillee ka itti fuufu ta’a. Waamicha Hunda dura abbaa qabsoo kan taate ummati Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiraachaa jirtu, qabsoo bara dheeraa fi aarsaan guddaan itti kaffalame, galii isaan gahuuf akkuma kana duraa taasisaa turtan, qabsoo bilisummaa jabeessuuf hirmaannaa roga hundaa akka gootu waamicha goona.

Keessumaa dhalooti harawaan itti gaafatama seenaa sirra jiru bahuuf ijaarsa bifa hundaa keessatti hirmaachuu fi caasessuun akka QBO galii isaan geessu waamicha addaa siif goona. Qabsoo bilisummaa fi abbaa biyyummaa dhugoomsuuf dhaabni kee ABOn bifa harawaan hooggansa qabsoon gaafatu kennuuf qophii ta’uu isaa siif dhugoomsa. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo, gurmuulee fi qabsaawota namtokkee bifa gara garaan ijaaramtanii QBO gaggeessaa jirtan yeroo kamuu caala tokkummaan qabsa’otaa murteessaa ta’ee jira. Kanaaf, filannoo woyyaanneen wagga shan shaaniin fakkeesittu irraa bilisummaa eeguu dhiifnee qabsoo Oromoo galii isaan gahuuf walirratti xiyyeefachuun dhiifamee akka diina keenya waloo humna taanee irra aannu waamicha goona. Keessumaa kaayyoo fi akeeka siyaasaa tokko dhaabbileen qabnu halduree tokko malee akka mooraa tokkummaa kana wajjin jabeeffannu waamicha goona.

Dhuma irratti mootummaa wayyaanee yeroo ammaa aangoo qabachuudhaan ilmaan Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf duula bifa hundaa Oromiyaa irratti banee jiru oolee bulee itti gaafatama jalaa akka isa hin baafne beekee badii irratti badii dabalchuu irraa akka dhaabbatu akeekkachiifna. Ilmaan Oromoo beekas ta’ee, otoo hin beekiin sirna gabroomfataa wayyaanee tajaajilaa jirtan itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf jecha diinaaf tumsa taatanii jirtan keessaa baatanii akka mooraa qabsoo Oromiyaati dabalamtan waamicha Oromummaa isiniif taasifna. Waamicha ilmaan Oromoo isiniif godhaa jiru dhagahuu diddaan badii irratti badii dabalachaa kan deemtan yoo ta’e, bifa kamiinuu murtii ummata Oromoo jalaa kan hin miliqine ta’uu keessan akka beektan isin hubachiifna. Kanaaf jecha yeroon otoo hin darbiin akka mooraa qabsoo Oromoo keessatti qooda fudhatan waamicha isiniif taasifna.

Leelliftoonni sirna kaleessaa ammas seenaa irraa barachuu irra, humna itti qabaachuu baatanis bifa hawwiin yakka kaleessa ilmaan Oromoo irratti dalagaa turan irraa barachaa hin jiran. ABOn leelliftoota sirna kaleessaaf dhaamsi qabu, yeroo humna guutuu iyyuu itti qabdan qabsoo Oromoo yeroo dhumaaf hukkaamsuu akka hin dandeenyee fi haqni ummataa cunqurfame akka injifatu gochaa keessan kaleessaa irraa baradhaa jenna. Sana irra darbee ammas abjuu bifa kamiinuu Oromoo deebisanii bifa jibbisiisaa kaleessaa jala galchuuf hin danda’amne irraa akka of qusattan akeekkachiifna. Ilmaan cunqurfamaa empayera Itiyoophiyaa keessa jiran diina waloo kan ta’e wayyaanee fi leelliftoota sirna kaleessaa waloon ofi irraa kaasuuf akka mirgaa fi haqa walii beeknee, diina keenya duwwaa irratti waloon xiyyeeffannu waamicha isiniif goona.

1. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) jijjiramaa;

2. Adda Bilisummmaa Oromiyaa (ABO);

3. Gurmuu Qabsaa’otaa fi miseensta Adda Bilisummaa Oromoo (GQM-ABO);

4. Miseensota Koree Yeroo Adda Bilisummaa Oromoo (KY-ABO), fi

5. Miseensota fi Hoogganoota ABO durii namtokkee fi qabsaawota matayyaa Injifannoon Ummata Oromoof !!!

Oromiyaan Ni Bilisoomti!!! Caamsaa 27, 2015

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago