Dimshaashatti dhaabni keenna ABOn tokkummaan dhugaa (tokkummaa haqaa) dhaabotii Oromo yookaan humnoota siyaasaa Oromoo jiddutti tolfamu kamuu ni deeggara, ni tin’isa.
Tokkummaan sabni keenya gaafachaa/hawwaa jiru tokkummaa nam tokkee fi nam lameen ittin uf dhaadhessan osoo hin taane tokkummaa haqaa dhaabota hujiidhaan ummata keessa jiran jidutti tolfamuu fi qabsoo Oromoo uf dura tarkaanfachiisu danad’u arguudha.
Dhaaba keenna ABO dhaaf tokkummaan haqaa (dhugaa) kan qabsaayota Oromo fi dhaabota siyaasaa Oromo jidutti tolfamu tooftaa deegarsa rakisha ittiin barbaadan osoo hin taane ijannoo tarsiimoti.
Akkuma miseensonni, deegartoonni fi ummanni keenya hundi hubatu ABO jijjiiramaa dhaaba biyya keessaa fi alaa akkasumas biyyoota ollaa keessaa jaarmaya beekkamaa qabuu fi diree falmmaa keessayis waraana diina waliin kokkee wal qabee wareegama ol’aanaa baasaa jiru uf jalatti ijaaree socho’aa jiruudha. Jaarmayaan kunis HD ABO B/G/Kamaal Galchuun durfamaa jira.
Kan kana irraa hafe nam tokkee fi nam lameen sirna dhaabaa cabsudhaan dhaaba keessa moggatti uf baasanii fi dhaabnni uf keessaa baase walitti dhufuudhaan maqaa ABO jijjiramaa moggafaachuun ummata Oromoo afaanfajjesuu fi burjaajessuuf tokkummaa dharaa labsuun qabsoo Oromotif bu’aan inni fidu hin jiraatu.
ABOn B/G/Kamaal Galchuun durfamu tokkummaan haqaa kan dhufu dhaabotii Oromo lafairra jiran kan miseensaa fi deegarsa ummataa qaban yoo dhugaa irratti hundaayanii walitti dhufan qofa jedhee amana.
Kanaaf, tokkummaa dhiheenya kana maqaa ABO jijjiiramaan namootin dhunfaa (akka Dr. Nuro Dadafoo) labsan kan namoota ji’oota muraasa dura dhaaba irraa moggatti uf baasaniin labsame akka ta’ee fi dhaabnni keeyna ABOn B/G/Kamaal Galchuun hooganamu tokkumaa labsame kana keessaa qooda kan hin qabne ta’uu miseensota, deegartootaa fi ummata keenyaaf ifa goona.
Waajira – HD ABO
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…