Categories: Oduu Oromiyaa

Ummatni Oromo Caamsaa 02, 2015 Oromoota 50 ol ta’an hidhaa keessaa baase.

Oromiapress

Ummatni Lixa Oromiyaa Ona Haroo Limmuu keessatti argamu Caamsaa 02, 2015 galgala walgurmeessee lammiilee Oromoo 50 ol ta’an hidhaa keessaa yaase.

Caamsa 02/2015 Godina Wallagga bahaa Onaa Haroo Limmuutti Fincila Diddaa Gabrummaa uummatni Oromoo sirna wayyaanee TPLF irratti gochaa jiruun walqabatee, ilmaan Oromoo nagaan 40 olitti lakka’aman humna poolisaan ukkanfamanii mana hidhaa wajjira poolisiitti darbamuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Sochii warraaqsa uummata Oromoo fi dargaggoota Oromoon
walqabatee Wayyaaneen waraana isaa uummata irra qubachiisuun uummata dararuu irratti kan argamtu ta’uun gabaafamera.
Uummatni Oromoo Ona Haroo Limmuu Caamsaa 02/2015 galgala keessaa tilmaamaan sa’aatii 2:oo irratti gamtaadhaan ka’uun uummata Oromoo nagaa Ona Haroo Limmuu bakka “Bariisoo” jedhamuun beekamutti hidhamanii dararamaa jiraniif dirmachuun ilmaan Oromoo wajjira Poolisa wayyaanee Onaa Haroo Limmuu Bariisootti badii tokko malee hidhamanii jiran mana hidhaa cabsuun akka gadhiifaman gochuun ilmaan Oromoo walumaa galatti 55 olitti lakka’aman hidhaa keessaa gadi lakkisiisuun gabaafameera.

Gootonni ilmaan Oromoo wal irratti duuna malee balleessaa tokko malee nu hidhuun mataan isaa yakka ta’uu ni hubachiifna jechuun ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhamanii dararama jiran hidhaa irraa gadi lakkisiisuun gabaafamera.

Yeroo amman kanatti dabbalootni olaanoo wayyaanee maqaa qorannoo jedhuun poolisoota ilmaan Oromoo beekaa hiiktanii gadi lakkiftan, rakkoo ilaalchaa cimaa qabduu jechuun qorannoodhaan dhiphisaa jiraachuunis gabaafamera.

bilisummaa

Recent Posts

OLLAA Comments on US Visit to Ethiopia

This past week, US Secretary of State Antony Blinken visited Ethiopia. During his visit, he met…

1 day ago

Shaakala barnoota Afaan Oromoo

Jecha sirrii faallaa maqibsaa tahe fili!

1 week ago

OLLAA & Word BEYOND War Launch Campaign For Peace in Southern Ethiopia

U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…

1 week ago

A call on the Oromo elites to promote Oromo Extermination Memorial Day

By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…

1 week ago

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef ergame hannaan gurguramaa jira.

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…

2 weeks ago

Oromo Orthodox Split: A Collision Between Politics and Faith

By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…

3 weeks ago