Categories: Oduu Oromiyaa

Uummanni Amboo Gootummaan Diina Dura Dhaabbachuun Badiyaa fi Magalaan Waraana Wayyaanee Dandii Konkolaataa Dhorkate.


Uummanni Amboo Waraanni Wayyaanee Dhiha Oromiyaa Wallaggatti Akka Hin Dabarreef Bakkoota 16 ol ta’anitti mukkeen guruguddaa jigsuun gootummaan dura dhaabbatan suuraa gamtaa poolisii Ebla 30/2014 uuummaanni Oromoo fi Dargaggeessii Oromoo Baraattootni Oromoo fi Barattootni Oromoo sadarkaa 1ffaa, 2ffaa, Qopha’inaa fi University Amboo yeroo amma kanatti hiriiraa guddaa guyyaa shaniif itti fufiinsaan gaggeessa jiru. Kessaattuu isa guyyaa har’aa wanti adda isa godhuu, Ummaanni Oromoo Magaalaa Amboo Jaarsaa, Jaartii, Manguddoon, Da’imnii waggaa 8tii olii, Shamarraan Dargaggeessii, Daldaltootni, fi Barattootni utuu hin hafiin keessatti qoodaa guddaa Fudhachuun FDG gaggeeffamaa jira. daandiin konkolaataa Finfinnee Amboo keessa dabarsee Dhiha Oromiyaa geessuu Cufameera,Gudarii fi Amboo Gidduu Bakka 16ttii Daandiin mukaa fi dhagaa Goommaa Konkolaataa karaa irratti Guuruun gubuun, Warannii Wayyaanee akka Wallaggatti gadi hin darbinee Amboo ittisee qabee Bilisummaa isaaf falmachaa jir.Magaalaa Amboo keessatti daandiin keessaa keessaa fi daandiin guddaan dhagaa fi mukoota karaa irratti guuruun uummaanni daandii cufee;-

Gaaffii keenyaaf deebii nuuf kennaa Ijioolleen keenya hidhamaan nuuf haa hiikaman,
Nu hin ajjeesinaa waggaa 24 nuu ajjeessa turtan nurraa galaa isin ga’a .
Qotee bulaa lafa isaa irraa hin buqqisiinaa, Finfinneen bulchiinsa Mootummaa Nannoo Oromiyaa jalatti deebitee Ofii keenyaan bulchachuu qabna, Mirga Dimookiraasii Namummaa nurraa hin sarbiinaa,
Warannii kun itti gaafatama seenaa keessa jirtuu nu hin ajjeesinaa mirga keenyaaf falmanna, -Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii argachuu qaba, Bilisummaa barbaadna, garbummaan nu ga’a,
Isiin nu hin bulchitan, waggaa 24 nutti taphattan, Ilmaan Oromoo hidhaman haa hiikaman Jechuun Hiriira Nagaa Guddaa ganama sa’aa 2;00 irraa egaluun kan jalqabame hanga amma sa’aatii 8;00tti itti fufee jira, Mootummaan Wayyaanee Sochii uummataa kanatti aaruun rasasasa uummata irratti roobsa jira, rasaasa Waranaana Wayyaaneetiin namoonni hedduun madaa’aniru.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago