Abdii Boruutiin
Barruu gabaabaa kana akkan dhiyeessu kan na taasise, rakkoolee uummata Oromoo ilaalchisee, waayee Waldaa Dargaggoota Oromoo Addunyaatiin (WDOAn) mata dure “IOYA Petition” jedhuun dhiyaate fi yeroo ammaa marsaalee intarneeta Oromoo kan akka gadaa.com fi ayyaantuu.com,… irratti mul’achaa jiruu dha. Duraan dursee, tattaaffii kana godhuu isaaniitiif carraa kanaan, WDOA galateeffachuun barbaada. Karaa danda’amuun dirqama lammummaa fi Oromummaa isaanii ba’uuf carraaquun isaanii kan jajjabeessamuu qabu dha. Asirratti wanti nama gaddisiisu garuu, erga yaadni kun jalqabamee kaasee hanga har’aatti, lakkoofsa barbaadamu 5000 (kuma shan) guutuun hafee, wal’akkaan lakkoofsa kanaallee mallatteeffamuu dadhabuu dha.
Ani wanti naaf hin galle, hamma har’aatitti lakkoofsa barbaadamu kana guutuu dadhabuun sababni isaa maal akka ta’u dha. Warri biyya keessa (Oromiyaa keessa) jiran carraa akkanaa yoo dhaban, kan biyya alaa jiran maaliif “petition” kana mallatteessuu dadhaban? Dhimma keenya daganna moo yerootu nu hanqata? Meeshaa intarneeta ittiin fayyadamnutu nu rakkisa moo rakkoo teekiniikaatu nu qunname? Sababni kanaa waan fedhes ta’u, mallatteessuun kun bilisummaa nuuf argamsiisuu baatullee, dhimma keenyarratti sagalee keenya dhageessisuun dirqama lammummaa ta’uu qaba ture. Ilmaan Oromoo bilisummaa keenyaaf (dhimma keenyaaf) jedhanii meeqatu gaara fi bosona Oromiyaa keessatti kufan? Meeqatu wareegamaas jiru?
Oromootni biyya alaa jiran, keessumaayuu warri Auroopaa, Ameerikaa fi Austraaliyaa,… keessa jiraatan; xinnaatee yoo xinnaate, kan nagaan bahanii galuu danda’an, kan jireenya nagaa keessa jiran, kompiitara fi intarneetallee mana isaanii keessaa yoo qabaachuu baatan; mana intarneetaa seenuu warri danda’an; yeroo isaaniirraa daqiiqaa kudhan, kudha-shan,… wareegama godhanii maaliif dhimma kanaaf hubatnoo hin kennine? Har’a otuu biyyi keenya Oromiyaan bilisoomtee; uummatni keenya nagaan jiraachuu danda’e, warri biyya alaa jiran biyya ofiitti deebi’anii jiraachuu yookaanis gara misoomaatiin gahee ofii taphachuu warri barbaadan lakkoofsi isaanii xiqqaa akka hin taanen amana. Yeroo kana kuma shan otuu hin taane, xinnaatee yoo xinnaate kuma shantamatu of mul’isuu barbaadu jedheen yaada.
Bilisummaan hawwamu akka dafee dhufu, hunduu gahee ofii taphachuu ykn/fi qooda ofii gumaachuun akka dirqamaatti ilaalamuu qaba. Asirratti yoon akkana jedhu, bilisummaan kadhaa dhaan, barruu barreessuu dhaan akkasumas “petition” mallatteesuu dhaan dhufuu hin danda’u jedhamuun hin hafu ta’a. Kun dhugaa ta’uu danda’ullee, karaa danda’amu hundaan; bakkee danda’amu hundatti; sagalee ofii dhageessisuun; uummata Oromoo bal’aa, kan Wayyaanee faashistii kanaan ukkaamamee sagaleen isaa cufameef sagalee ta’uun; bu’aa tokko otuu hin fidin hin hafu. Karaalee kana keessaa inni tokko ammoo, gara “petition” kanaan rakkoolee uummata keenyaa ibsuu dha. Preezidaant Obaman rakkoolee keenyaaf furmaata fiduu baatanille, dhimma uummata ykn saba Oromoo akka hubatan taasisuun badaa waan ta’u natti hin fakkaatu. Kanaaf mallatteessuun kun barbaachisaa ta’a.
Abdii bilisummaa Oromoo kan ta’e Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) bilisummaa keenyaaf jedhee, qawwee baatee; dheebodhe beela’e otuu hin jedhin gaara fi bosona Oromiyaa keessatti wareegama kaffale; kaffalaas jira. Maarree, warri biyya alaa jiran yeroo gabaabaa (tarii daqiiqaa kudhan, kudha-shan) barcumarra taa’anii; kompiitara of dura godhanii; “petition” kana mallatteessanii sagalee ofii dhageessisuun maaliif ulfaataa ta’a? Yerootu isaan hanqata moo haala fi dhimma uummata keenyaatu hirraanfatame? Qeerroon Oromiyaa, harka isaanii duwwaa diina fuuldura dhaabbatanii, falmii godhuu dhaan wareegamaa akka jiran otuu beeknuu; uummatni keenya hidhamaa, dararamaa fi ajjeesamaa otuu jiruu; kan biyyarraa baqatanillee biyya olla keessatti rakkoolee hamaa keessa otuu jiranuu; biyyi teenya Oromiyaan cicciramtee gurguramaa otuu jirtuu;… dhugaa kana hundaa otuu beeknuu fi hubatnuu, akkamitti haalli keenya dagatama?
Gaafiilee baay’ifte naan jettanis; rakkooleen uummata Oromoo kan lakkaawwamanii hin dhumne akka jiran otuu beeknuu; maaliif akka nama hin beeknee; akka nama homaa hin dhageenye fi hin arginee taanee callisuu filatna? Hamma yoomiitti callisnees teenya? Maaliif carraa argamu hundatti fayyadamnee, uummata keenyaaf sagalee hin taane? Oromoo, maaluma haalli fi waayeen keenya kun?! Yoom wal dhaggeeffanna? Yoom waliif mirmanna (dirmanna)? Yoom dhimma keenya hubatna? Yoom waliigallee sagalee tokko dubbanna? Yoom wal bira dhaabbanna? Yoom wal mararfanna? Yoom waliif yaadna?… Gaafiilee dhuma hin qabne!!!
Uummata lakkoofsaan miliyoona afurtamaa ol ta’uuf; saba bal’aa kanaaf sagalee dhageessisuuf baatii ykn ji’a tokko keessatti, lakkoofsa “petition” kanaaf barbaadamu 5000 (kuma shan) guutuun hafee, wal’akkaa kanaallee gahuu dadhabuun qaanii ta’uu hin danda’uu?? Ormuu maal nuun jedhu? Alagaa fi diinni hoo akkamitti nu ilaalu? Addunyaan hoo yoo kana argitu maal jetti? Hawaasotni addunyaa akkamitti nu ilaalu? Isin ni sobdu, rakkoo hin qabdan nuun jedhinuu laata? Mootummootni warra biyyoota dhihaa hoo lakkii Mallasaan abbaa irreetii miti; gargaarsa isaaf kenninu ittuma fufna akka jedhan barbaadnaa? Egaa, komii fi gaafiilee dhaan barruu kiyya xumuruufanii; guyyoolee sadeen hafan (hanga Onkoloolessa 22, bara 2011) kana keessatti, akkamitti namootni kuma-lama fi dhibba-shan (2500) mallatteessanii; lakkoofsa barbaadamu kana akka geenyu natti hin mul’atu; baay’ee gaddisiisaa dha yoon jedhe dubbii oo’isuu fi raajefachuu hin ta’u.
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…