Categories: Oduu Oromiyaa

VOA: Wal-falmii Haasawa Prezidaanti Obaamaa Irratti Geggeessame

Perezidaantiin Yunaatyitid Isteets, Baarak Obaamaa, torban dabre ennaa Itiyoophiyaa daawwatanitti bakkawwan adda addaatti, haasawaa godhanii fi ibsa kennan keessatti dhimmoota wal-falmsiisoo ta’an kanneen akka filannoo fi dimookiraasii, mirga dhala-namaa fi  walabummaan yaada walii-dabarsuu, akkasumas, shororkeessummaa fi qabsoo hidhannoo tuttuqanii turan.

Haassawa isaanii kana irratti Paartii Motummaa irraa Itti-aanaa Prezidaantii Yunivarsitii Siivil Servisii Itiyoophiyaa fi miseensa Paarlaamaa – Dr. Mulugeta Debebe fi Paartii mormituu irraa – Barreessaa Koongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Beqqelee Nagaa waliin guyyaa lamaaf marii geggeessinee jirra.

Perezidaanti Obaamaan Muummicha-ministaraa Itiyoiophiyaa – Obbo Haile-mariyaam Dessaalegyi waliin ennaa tuta oduuf ibsa kennan irratti — waa’ee dhaabota mormituu, mootummaa Itiyoophiyaa qawween loluuf sosso’anii fi mootummaan Itiyoophiyaa “shororkeessota” ittiin jedhuu gaaffii dhihaateef ennaa deebisan “ Mootummaa Itiyoophiyaa dabalee, mootummoota karaa dimooikiraasii filataman qawween gargalchuu  imaammatni keenya hin sideggeru”   waa’ee mormitoota Itiyoophiyaa mootummaan biyyattiin  “shorokeessota” ittiin jedhu  garuu, akka qorannaa fi ulaagaa Yunaaytitid Isteets lafaa qabduutti dhaabonni Itiyoophiyaa sun shororkeessota akka hin ta’iin dubbatan.

Dr. Mulugeetaa fi Obbo Beqqeleen dhimmoota akkanaa faa irratti mari’atan. Iddoo ilaalchi isaanii wal-simatus iddoo itti wal-falmanis ni qaban.

Guutummaa wal-falmii isaanii kan kutaa lamaan jiru dhaggeeffadhaa

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago