Mootummaan Itophiyaa murna bicuu Wayyaaneen durfamu QBO gufachiisuuf tooftaalee adda addaa baafatee hojjataa akka turee fi jiru lammii Oromoo jalaa dhokataa tahee hin beeku. Haalli biyya keessaa guutummaatti jijjiiramuu fi dantaan ummata Oromoo kabajame jechuun ummatni Oromoo Qabsoo Bilisummaa irra dhimmoota biroo irratti akka xiyyeeffatu taasisuu fi qabsoo bilisummaa lagachiisuuf hedduu yaale. Odeessa qabatamaa hin taanee fi kijibaa irra deddeebi’uun itti fayyadamuun ummatni dhugoomfatee deggersaa fi tumsa akka kennuuf tattaafatullee itti milkaa’uu hin dandeenye.
QBO sadarkaa har’aa irra gahuuf bu’aa-bahii hedduu qaxxaamure. Waggoota kanneen keessattis wareegamni baafame ol’aanaa fi hedduu qaalii dha. Lubbuu gootowwan qabsaawotaa fi lammiilee hedduutu irratti kitimame. Qabeenyi herregaan ibsuuf ulfaatu diinaan dhabamsiisame. Sababa mirga isaanii falmataniif lammiileen Oromoo qabeenya abbaa biyyummaa dhalootaan qaban dhabsiisuun qe’ee isaanii irraa buqqaafaman kumootaan lakkaa’aman. Biyya isaanii keessa nagaan jiraatuu dadhabuu irraa biyya ormaatti baqatuuf kanneen dirqamanis kuma kudhanootaan lakkaa’amu.
Mootummaan Wayyaanee hammeenya kanneen hunda raaw’atuun isaa Oromoo qabsoo bilisummaa irraa jiilchuuf tahullee gochaan gara jabinaa ummata irratti raaw’atu Oromoo caalaatti qabsoof kakaase malee manatti hin dachaafne. Dargaggoonnis kaayyoo fi akeeka angafootnii fi obboleeyyan isaanii irratti wareegaman bakkaan gahuuf diina dura dhaabbatuu murannoon itti fufan malee galfata nyaachuun diinaatti harka hin laatne.
Murni bicuu Wayyaanee ummata Oromoo dhuunfatee sirna bittaa fi hacuuccaa isaa itti fufsiisuun kan hin danda’amne tahuu sochii ummatni Oromoo godhaa jiru irraa hubatuu irraa, lama bulinnaaf wayta ammaa ammoo tooftaa “diaspooraa Oromoo hawatuu” jedhu wixinatee sochii adda addaa godhuu irratti argama. Karoorri diinaa kun kanaan duras kan ture, mormii hawaasa Oromoo biyyoota alaa jiruun kan fashalsiifamaa ture dha. “Kan bishaanni nyaate hoomacha qaqqabata” akkuma jedhamu tahee ijibbaataaf karoora kana baasee dirqama raaw’ii isaa jalee isaatti kan kennate, hawaasni Oromoo biyyoota ambaa gara garaa keessa jiraatu kan isa waliin jiru fakkeeffatuu fi ummata biyya keessaa ittiin afanfaajjeessuuf akka taheetti hubatama. “Qophiin Festivala Diasporaa Oromoo” jedhu kunis Oromootni biyyoota alaa jiraatan biyyatti deebi’anii akka hojjatan kan afeeruu dha.
Qophiin diaspooraa kun akeeka siyaasaa ittiin guuttatuuf malee Oromoon hojjatee akka jiraatu barbaaduu irraa akka hin tahin, kanneen olola fakkaataan sobamanii biyyatti galuun hojjatuuf tattaafatanii qabeenya fudhatanii galan dhadha’atuun gara biyya irraa deemaniitti deebi’an ragaa dha. Akeekni mootummaa Itophiyaa kamuu Oromoon bifa kamiinuu akka hin mul’atnee fi hin dhaga’amne taasisuu tahuu dhiibbaan abbootii qabeenyaa Oromoo biyya keessaa irratti raaw’atamu dabalata ragaa ti. Kana waliin akeekni qophii diaspoora kun Oromoo qofa irratti kan xiyyeeffate tahuun shira qabaatuu ifatti agarsiisa.
Galatni kan qabsaawotaa fi sab-boontota Oromoo haa tahu, akeekni diinaa kun irratti dammaqamee hawaasa Oromoo bal’aa biratti fudhatama dhabuutti dabalee jaleewwan akeeka kana fannifatanii biyyoota ambaa gara garaatti bobba’aa turan hunda murannoon dura dhaabbatuun qaanessuu fi salphisuun deebisaa akka turan kan bara 2014 keessa tahe yaadatuu qofti gahaa taha.
Gama kaaniin amma illee ofittootni dantaa dhuunfaa guuttatuuf jecha kiyyoo diinni kaa’eef keessa seenan dabree dabree mul’atuun hin hafne. Kanneen kan dabre irraa hin baranne, dhumiinsa, deegaa fi dhiphuu ummata irra gahu beekaa arguu diduun dantaa matayyaaf dursa kennan, diina waliin hiriiruun roorroo ummata irra gahu jabeessuu fi lubbuu diinaa dheeressuuf tattaafatan hundaan olitti badii ummata irra gahuuf gaafatamoo dha.
Laftii fi qabeenyi saamuu fi qircatuuf itti gaman kan ummata Oromoo tahuu, lafti alagaan akka kennaatti badhaasuuf qopheesse kan ummatni Oromoo humnaan irraa ari’ame, dhiigni Oromoo irratti dhangala’ee fi lafeen irratti cabee dha. Murni humnaan aangoo dhuunfatee jirus irratti ajajuu fi kan barbaadeef raabsuuf mirga homaatuu irratti hin qabu.
Hawaasa kamuu keessa jallataan akka jiru, kanneen dhiiga qofaan Oromoo tahanii akeeka diinaan masakaman gochaan raawwatan, kanneen lafa irra lubbuun jiran qofa osoo hin taane kanneen mirga ummata Oromoof osoo falmanii lubbuu isaanii wareegan qabrii keessatti illee boqonnaa dhorkatuu dha.
Kanneen kaleessa maqaa ummata Oromoo fi ABOn koolu galtummaa argatuun jireenya mataa ofii tottolfatan har’a sana dagatuun ummata Oromootti gara galuun, yakka yakkaan olii seenaan gaafachiisu tahuu yaadachuu qaban. Kanneen biyya ambaa jiraachuu qofaan beekaa fi qabaataa of fakkeessuuf tattaafatan kanneenis ummata Oromoo bal’aa hafnaan ofiif iyyuu kan hin taane tahuus ummatni Oromoo hubatuu qaba.
Wayta diinotni Oromoo bifa adda addaan QBO irratti duulaa jiran kanatti, Qophiin jaleen Wayyaanee Hagayya 3, 2015 “Guyyaa diaspooraa” jechuun itti jiru ummata Oromoo kan hin ilaalle, bittaa diinaa lubbuu dheeressuu fi harqoota gabrummaa ummata Oromoo irra bubbulchuuf kan akeekkatee dha. Kanneen kana irratti argamuudhaan diinaaf tumsa tahanis ummatni Oromoo bakkayyuutti saaxiluun dura dhaabbatuu qabaan dhaamsa ABO ti.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…