Categories: Oduu Oromiyaa

Waamicha Hatattamaa Hawaasa Oromoo Biyya Alaa fi Oromiyaa Keessa Jiraataniif

 

Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

YEROO AMMAA KANA WAYYAANEE TPLF UUMMATA OROMOO IRRATTI WARAANA BANEE JIRA,KANAAF:- Waanjoo Gabrummaa Waggaa 130 ol Uummanni Oromoo baate haalaan uulfaataa ta’aa dhufuu irraa yeroo ammaa kanatti cunqursaa hadhaawaa if-irraa darbuuf sabni Oromoo alaa keessaa wal gurmeessuun mootummaa abbaa irree Wayyaanee dura dhaabbachuun mirga abbaa biyyummaa fi eenyummaa falmachaa jira.

Qabsoo hadhaawaa uummanni Oromoo gochaa jiru keessatti wareegami gama hundaan uummata keenya irra gahaa jiru haalaan ulfaataa ta’u iyyuu falmaan osoo hin dhaabbatiin cunqursaafis osoo hin jilbeeffatiin qabsoon galama isaa gahuuf haalaan daran finiinaa jira.

Qabsoo Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) guutuu Oromiyaa keessatti finiinaa jira kana dura dhaabbachuu fi uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf Wayyaanee TPLF qajeelfama baaseen waraana isaa aayinaan gara Oromiyaatti galchuun baadiyyaa irraa hamma magaalaatti Oromoo mirgaaf falmus ta’e Oromummaa isaan if beeksisu haxaawuuf ykn sanyii balleessummaaf daran if qopheessaa jira. Haalli itti deemnu daran ulfaataa tahuu hubatnoo keessa galchuun uummanni Oromoo alaa keessaan mirgaa fi eenyummaa keessan kan durii irra daran jabeessuu waan qabdaniif Qeerroon Bilisummaa Waamicha Hatattamaa Qaamota Hawaasaa Oromoo maraaf Taasisa:-

1.Uummanni Oromoo fi matootiin hawaasa Oromoo biyya alaa jiraattan,har’aa booru osoo hin jedhiin duula sanyii duguuggaa mootummaan Wayyaanee TPLF uummata Oromoo irratti karoorfate itti jiru dura dhaabbachuun saba keessanii fi biyya keessan Oromiyaa baraaruuf jecha daddaffiin hiriira kan ammaan duraa irra daran dacha dachaan biyya alaa adda addaatti yaamuun mootummootaa fi qaamota mirga namoomaa aduunyaa mara sagalee fi iyyannaa saba Oromoo akka dhageessiftan imaanaa dhaammanna.

2.Ummanni Oromoo Oromiyaa keessa jirtan gootummaa abbootii keenyaa dur deebftanii yeroo ammaa kanatti cunqursaa dura dhaabbataa jirtu,haalli kun wareegama guddaa isin gaafatu iyyuu gabroomfataatti xumura itti gochuuf tarkaanfii keessan daran jabeessuun barbaachisaa dha,murannoon keenya doorsisaa fi meeshaa lolaa diinni kuufateen duubatti hin deebi’u waan ta’eef gootummaa abbootii durii daran jabeessuun gabroomfataa fi cunqursaatti xumura gochuun barbaachisaa dha.

3.Caasaan Qeerroo Bilisummaa gandaa hamma onaatti,onaa hamma godinaatti akkasumas guutuu Oromiyaa irraa sosso’aa jirtan bakka jirtanitti naamusaa fi sansakkaa qabsoo karaa nagaa gaggeessuu keessan jabeessuun,bakka jirtanitti uummati keenyaa fi barattooti Oromoo qalamaa fi dabtaraan uummati keenyas saboota kami fi uummatoota kamitti osoo hin bu’iin,qabeenya nama kami iyyuu osoo hin tuqiin nagaan mirga isaa akka falmtu muuxannoo ammaan dura jiru daran jabeessitanii akka cicoominaan mirga walabummaa fi dimokraasii sabootaaf qabsooftan waamicha goona.

Injifannoon Uummata Oromoof

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa.

Qeerroo Bilisummaa

Gurraandhala 28,2016 Finfinnee

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago