Categories: Oduu Oromiyaa

WAAMICHA WALGAHII MISEENSOTA WALDAA HAWAASA OROMOO AWUROOPAA

 

(WHOA)/ OROMO COMMUNITY ASSOCIATION IN EUROPE (OCAE) e.V. (Inc.),

FRANKFURT AM MAIN, GERMANY

Kabajammoo Ilmaan Oromoo ardii Awuroopaa keessatti argamtan maraaf (hundaaf),

hunda duraan dursee nagaan oromummaa fi waaqayyoo/rabbii isin haagahu. Jiruu fi jireenya

gaarii (dansaa) isin hawwiina. Horaa bulaa.

Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe

(OCAE) e.V. (Inc.) ilmaan Oromo hundaaf ji’a Muddee (December) keessa gaafa guyyaa 5 bara

2015 sanbata duraa (sanbatduraa) sa’aati 12:30 WB (PM) irraa eegalee (jalqabee/kaassee)

hanga (hamma) sa’aati 18:00 WB (PM) ti walgahii qopheesee jira.

Walgahiin miseensota WHOA/OCAE e.V. (Inc.) yeroo sadaffaatif magaalaa „Frankfurt am

Main/Griesheim (Schwarzerlenweg 57, 65933 Frankfurt am Main)” jedhamu keessatti

guyyaa gaafa Muddee (December) 05, 2015 sa’aati 12:30 WB (PM) irraa kaassee

qophaa’ee jira. Walghii kana irraatti akka hedduminan hirmaattaan kabajaan isin afeerra.

Kanaafuu walgahii kana irrati miseensonni WHOA/ OCAE e.V. (Inc.), deeggartootni fi ilmaan

oromoo ardii Awuroopaa keessa jiraatan akkasumas firootiin oromoo argamuu akka

dandayan yeroon ergaa kana karaa siniif mijaawe hunda akka nuuf dabarsitan kabajaan isin

gaafanna.

Sagantan walgahii miseensota Waldaa Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo

Community Association (OCAE) e.V. (Inc.) ji’a Muddee (December) keessa gaafa guyyaa 5 bara

2015 gaggeessamuu arman gadiiti tarreeffameera:

1. Barruu WHOA/OCAE e.V. (Inc.) “Qaanqee Bilisummaa (QABIL)” (Spark of Freedom)

jedhamee murteessame bara 2016 keessa ji’a ji’aa sadin gulaaluu fi maxxansiisuu.

2. Yeroo ammaa kana haala „Sochii Bilisummaa Oromoo Biyyoolessaa (SBOB) (Oromo

National Liberation Movement, ONLM)“ fi Jaarmota Bilisummaa Oromoo (Oromo

Liberation Organizations) ilaalchisee yaadaan wal dhabuun attamitti hubatamaa?

3. Dhimmi Karoora Muummicha (Addis Ababa Integrated Regional Development Plan,

otherwise known as the Master Plan) Finfinnee ilmaan Oromoo hunda ilaallata. Karoora

Muummicha Finfinnee kana fashalsiisuuf ka tahuun irra jiru maalii?

Walgahii seena qabeessa kana irrattii hundinuu argamtanii gaaffii fi deebii geggeefamu irratti

qooda keessan akka gumaachitan abdii guutuu qabna.

Namoota Koree Hojii Raawwachiiftuu (KHR) irra odeeffannoo (information) dabalataa

feetanif lakkoofsa bilbila (telefoona) kanatti of-gargaaraa:

Lakkoofsa bilbila: +49(0)17653498098 fi +49(0)15210106906

+49(0)15219044954

+49(0)15210531811

Guyyaa, sa’aatii , bakka walgahii fi baabura bakka walgahii isin geesuu ilaalchisee arman

gadiiti hubadhaa:

 Guyyaa walgahii (Date of meeting): Muddee (December) 05, 2015

 Sa’aatii walgahii (Time of meeting): 12:30 WB (PM) ‐ 18:00 WB (PM)

 Bakka walgahii (Place of meeting): Schwarzerlenweg 57, 65933 Frankfurt am Main

 Geejiba (Transport):Vom Hauptbahnhof mit der S-Bahnlinien S1 und S2 bis zur S-Bahn

From the central train station (Hauptbahnhof) take the city train

Haltestelle „Griesheim“, 5 Minuten zu Fuß bis zum SAALBAU

Griesheim.

(city railway) S1 and S2 to the city train station “Griesheim”, 5 minutes

on feet till SAALBAU Griesheim.

Galatoomaa!

Abdurhaman Mustafa

(Dura taa’aa WHOA/OCAE e.V. (Inc.))

Email: mustefaabdurahman38@gmail.com

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago