Berhanu Hundee
Namni tokko yoo mana isaatti nama affeeru, dursee waa hundaan qophaa’uu qaba. Osoo itti hinqophaa’in koottaa jedhee nama yaamuun ykn affeeruun isaafis ta’ee keessumichaaf gaarii hin ta’u. Yoo wanti tokko akka eegametti hin argamin, gara kabaja waliif dhabuutti nama geessuu danda’a. Wal hamachuu fi wal komachuunillee uumamuu mala. Waanan dhimma kana kaaseef, yaamicha Mootummaan Itoophiyaa jaarmayaalee mormitootaatiiff godhe keessatti waanan taajjabe waan jiruufi.
Mootummaan Itoophiyaa jaarmayoota mormitootaa wajjin haasa’ee, gara biyyaatti akka deebi’an yoo godhu, waliigaltee fi haalduree tokko malee calliseetuma koottaa galaa akka hin jenne namuu waan hubatu natti fakkaata. Mormitootnis gama isaaniitiin yoo biyyatti deebine, akkamitti hojjechuu dandeenya? Nagaa keenyaaf wabii maaltu jira? jedhanii osoo hin gaafatne fi waliigaltee tokkorra osoo hin geenya lafumaa ka’anii waan galan akka hin taane kunis waanuma yaadamuu dha.
Mee akka fakkeenyaatti waliigaltee Mootummaa fi ABO jidduutti ta’e haa laallu. Mootummaan mormitoota hundaa walqixxummaadhaan laalullee, ABO garuu ija addaatiin akka laalu waan nama shakkisiisuu miti. Maaliif yoo jedhame, ABO waan hedduutu adda isa godha. ABO hunduu ni sodaatu, ni shakkus. Shakkii fi sodaan kun immoo karaa adda addaatiin laalama. Mormitootni biroo keessumaayyuu warri galgalaa ganama waayee tokkummaa Itoophiyaa leellisan ABO baay’ee sodaatu. ABOn akka waan biyyattii tana diiguuf deemuutti hubatu. ABOn farra Itoophiyaa ti jedhaniis yaadu. Kuni garuu hubannoo dhabuurraa kan madde jaarmayaa kana akka bulguutti laalu.
Oromoo jidduutti walshakkii uumuufii akka naan hin jenne abdachaa garuu mee dhugaa jiru tokko haa hubannu. OPDOn duri fi ODPn ammaa isaanumtuu ABO ni sodaatu. Kun karaa adda addaatiin laalamullee qabxiilee ijoo ta’an tokko tokko kaasuuf:
Gara ijoo dubbiitti deebi’uudhaaf, ABOn ykn WBOn akka hiikkatu wanti haasa’amaa jiru kun sababa malee miti. ABOnis hiikkachuu diduunis akkasuma sababa amansiisaa waan qabuufi. Kuni hunduu kan maddan waan walshakkuun jiruufi. Seenaa biyyattii tanaa keessattillee wal amanuun waan hin jirreefi. Amma dubbiin eenyutu dhugaa qabaa miti. Eenyu akka dhugaa qabu ibsuuf yeroo biraan itti deebi’a. Ammaaf garuu ilaalchi ani qabu ABOf dubbachuuf osoo hin taane, akka natti fakkaatutti jeequmsa iddoo gara garaatti uumameef ABOn ittigaafatmuu waan qabu natti hin fakkaatu. Akkuman baddaatti ibsuu yaale, humnootni ofiif jeequmsa uumanii ABOtti quba qaban biyyatti tana keessa hedduu akka ta’an waan nama mamsiisuu miti.
Akkuma tanaan duras maqaa ABO jedhutti fayyadamanii badii dalagaa turan, har’as badii walfakkaataa akka dalagan namuu hubachuu danda’uu qaba jedheen yaada. Biyyattii tana keessatti ABO kan hin sodaanne waan hin jirreef, keessaayis ta’ee alaa (keessaa yoon jedhu mooraa keenya keessa jechuu kooti) humnootni maqa-balleessu ABO hojjetan xinnaa miti. Kanaaf, har’a gamaa gamanaa walitti lallabaa ABOn akka lafa hin qabanee tattaafachaa jiru. Kun dhugaa jiru hubachuu dha malee jaarmayaa kana bakka bu’ee isaaf dubbachaa hin jiru. Dhugaa jiru garuu osoo arganuu irra dabruun gaarii miti.
Egaa, akkuman baddaatti waayee manatti nama affeeruu akka fakkeenyaatti kaase, Mootummaanis yoo mormitoota affeeru ykn galaa jedhee yaamicha godhu, dursee waa hundaa mijeessuun dirqama ta’a. Waliigaltee ifa ta’es uummataaf ifa godhuun akkasuma dirqama ta’a. Mormotootnis gama isaaniitiin waan irratti waliigalame fi haalduree jirullee uummataaf ifa godhuun afaanfaajjii hiri’suu danda’a. Yeroo ammaa gama lamaaniinuu (Mootummaa fi mormitoota) wanti ifa ta’e tokko waan hin jirreef, dhimmota madaaluun baay’ee rakkisaa ta’a. Kanaaf shakkiin dabalamaa deema. Shakkiin dabalamaa yoo deemu immoo, waliin hojjechuun hedduu rakkisaa ta’a. Waliin hojjechuun yoo hin danda’amne, dubbiin garamitti akka deemtu hubataatu arga.
Ulfaadhaa!
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…